Fulbanaa 22/2006 A.L.H tti Godina Lixaa Shawaa Magaalaa Amboottii Walga’iin Barsiisotaa fi Directerotaa Manneen barnotaa Godinicha jala jiranii mooraa mana barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina keeaassaatti dabbalotaa Wayyaaneetiin gaggeefame diddaa barsiisotaan fashala’ee jira.
Kayyoon walga’ii kana maqaa Rayyaa qulqullina barnotaa egsisuuf baratootaa shan shaniin ijaaruu irraatti marii dahoo qulqullinaa barnotaa jedhuun baratoota seelii dhaaba keenyaatti nuu ijaara jechuun dabballooti Wayyaanee OPDO imaammata shira barattoota Oromoo irratti qabanii fi duraan dhoksaan itti hojjechaa ture ifaa baasuun barsiisota godinichaa ijaaruun barattoota irratti bobbaasuu haa kaayyefatan malee barsiisonni Oromoo sabboontota ta’an akeekaa fi imaammata Wayyaanee kana dursanii baruun gutummaati dura dhaabbachuu gabaasi qeerroo Ambo irraa addeessa.
Ergamtoti Wayyaanee diddaa barsiisotaatti kan rafiatanii fi qaanawan yeroo ta’u dhuma irratti barsiisota Oromoo sodaa malee gaaffii kaasanii fi sagalee mormii dhageesisaan hundaan isin ABO dha seelii ABOtu isin keessaa baduu didee jechuun yoo dorsisan illee barsiisotni mormii isaanii itti fufuun walga’iichi milkii malee fashala’uu gabaasaan keenyaa lixa Shawaa addeessee jira.