Tuesday, May 20, 2014

Heddummina,Bakkaa fi Manneen Hidhaa Oromoonni Keessatti Hidhaman Ilaalchisee, Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

FDG Ebla 2014 Ka’een Walqabatee Oromoonni 2390 Ta’an Mannneen Hidhaa Adda Addaa Keessatti Dararamaa Jiru. 1700 ol Ammoo Bakka Buuteen Isaanii Hin beekamne. Hidhamuu Jeeffamuu fi Bakka Buuteen Dhabamuu Oromoof Mootummaan Wayyaanee Itti Gaafatamaa Dha!!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 20,2014. Finfinnee

Oromiyaa Keessa Ilmaan Oromoo Mana Hidhaa Garagaraa Keessatti Dararamaa Jiran.

Gabateen Armaan Gaditti Argamu FDG Ebla 2014 Oromiyaa Keessatti Qabatee Mirga Abbaa Biyyummaa Gaafachuu Irratti Mootummaa Wayyaaneetiin Hidhamanii Jiran Oromiyaa fi Sadarkaa Federaalaatti  Baayina Namoota Mana Hidhaa Keessatti  Dararrii Guddaa Keessa Jiranii fi Yeroo Ammaa Nuuf Birmadhaa Jedhanii Iyyachaa Jiran.
Oromoonni 2390 ta’an kun manneen hidhaa armaa gadii keessatti haalaan dararamaa jiran fi kanneen 1700 ta’an bakka buuteen wallaalames dabalatee hatattamaan akka gadhiifamanii fi gaaffiin mirgaa Oromootaa deebii gahaa argachuu akka qabu Qeerroon Bilisummaa gadi jabeessee dhiheessa. Oromiyaa Keessa Ilmaan Oromoo Mana Hidhaa Garagaraa Keessatti Dararamaa Jiran. Caamsaa 20 2014

Yaakki Ilmaan Oromoo Irratti Raawwatamu Itti Fufee Har’a Caamsaa 20,2014 Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa 4 Waggaa Tokkoof Barnoota Irraa Akka Arihaman Bulchiinisi Mooraa Beeksise.


Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Jimmaa Caamsaa 20,2014
Q NEWS3AAMooraan Yuunivarsiitii Jimmaa erga mooraa dabbaallee siyaasaa EPRDF/TPLF/OPDO ta’ee tasgabbii dhabee barattootaa fi loltoota Wayyaanee jidduu rakkooleen ilaalcha siyaasaa haalaan babbaldhatee jira.Moorichis mooraa waraanni bulchu malee bulchiisa mataa isaa kan qabu hin fakkaatu. Baratooti Oromoo qaroo fi barnoota isaanii irratti qabxiilee jajjabaa qaban barnoota irraa kan ari’u bakka bulchiinsa bu’ee Tikoota Wayyaanee dha.
Haala kanaan barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa guyyaa har’aa Caamsaa 20,2014 Waggaa tokkoof barnoota idilee isaanii irraa ari’aman keessaa:
1. Barataa Falmataa Bayechaa barataa Medicine Waggaa 5ffaa,
2. Barataa Galaanaa Ababaa barataa Governance and Developmental studies Waggaa 3ffaa
3. Barataa Zabbanaa Barasaa barataa Afaan Oromoo Waggaa 3ffaa fi
4. Barataa Abdii Turaa barataa Seeraa Waggaa 5ffaa kanneen waggaa tokkoof barnoota irra arii’ataman yoo ta’u, barattootni lama ammo akeekkachiisa dhumaa itti kennamera.
1.Barataa Israa’el Haptaamuu fi
2.Barataa Huseen Umaar kanneen jedhamanitti immoo akeekkachiisa
dhumaa kennuun gochaan diinuummaa karaa dabbaloota Wayyaanee EPRDF fI TPLF mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa ilmaan Oromoo nagaa irratti rawwacha jira.

Source: qeerroo