Thursday, June 12, 2014

Humna Waraanaa Oromoo cimsuun gaafii yeroo waan ta’eef deebii hatattamaa argachuu qaba

Abdii Boruutiin | Waxabajjii 12, 2014
Barreeffama kiyya kan isa kana duraa keessatti waayee barbaachisummaa cimina qabsoo hidhannoo kaasee waanan tureef, har’as dhimmuma kana ilaalchisee yoon barreeffama kana dhiyeessu, Abdii Boruu waan barreessu dhabeeti waayeedhuma waraanaa faarsaa jedhanii namootni tokko tokko na qeequu malu yookaanis ammoo dhimmi kun nuffisiisaa isaanitti ta’uu danda’a jedheen yaada. Haa ta’u malee, waayee qabsoo hidhannoo fi jabeessuu waraana Oromoo yoo har’a hin kaasne yoomiyyuu kaasuu akka hin dandeenyen hubadha. Yeroon ammaa, yeroo waraanni Oromoo (Waraanni Bilisummaa Biyyoolessaa Oromoo), kan har’a diina injifatee, bilisummaa fi abbaabiyyummaa keenya deebisuuf wabii ta’u fi boru ammoo biyya keenya eeguu danda’u, itti ijaaramuu fi cimu ta’uu qaba jedheen amana. Akkuma mata dureen ibsu, gaafiin kunis dhugumatti gaafii yeroo ammaa jabaa waan ta’eef, otuu yeroon hin kennaminiif kan uummata Oromootiin deebii hatattamaa argatu ta’uu qaba.
Maaliif humna waraanaa cimsuu akka nu barbaachisu sababaalee baay’ee kaasuun ni danda’ama. Haa ta’u malee sababaalee gurguddoo tokko tokko kaasuun yaala.
Tokkoffaa, Wayyaanotni kan uummata Oromoorratti roorroo hamma kana hin jedhamne dalagaa jiran, akka yeroo tokko tokko dubbatamutti sodaa uummata keenyarraa qabaatanii otuu hin taane, sababni inni guddaa fi hangafti waan nu tuffataniifi. Kun tuffii dha! Waraan cimaa fi abdachiisaa yoo qabaanne garuu gochaa diinaa kana dura dhaabbachuun waan danda’amuuf tuffiin kun akkanatti cimuu hin danda’u. Gaaf sana nu sodaachuu danda’u jechuu dha.
Mee fakkeenyaaf haa jennuu, nama tokko kan ittiroorrisani fi akka barbaadan isa godhan, waan nama kana sodaataniif otuu hin taane, waan humna isaa tuffatanii fi silaa maal nu godhuu danda’a jedhanii yaadaniif ykn beekaniifi. Wayyaanotnis uummata keenya akkanumatti ilaalu jechuu dha. Dhugaa dha, uummatni kun otuu carraa argate, akka galaanaa waan isaanirra garagaluuf, Habashootni kana hubachuudhaan sodaa qabaachuu akka danda’an waan nama shakkisiisuu miti. Haa ta’u malee, uummatni keenya har’a carraa sana akka hin qabne fi humni isaan sodaachisus akka hin jirre waan beekaniif, tuffiirraa kan madde, Wayyaanotni akka barbaadanitti uummata keenyatti taphachaa jiru.
Lammaffaa, har’a Wayyaanotni nama-nyaataan kun uummata keenya kaan ajjeesaa, kaan mana hidhaa keessatti dararaa, kaan biyyarraa baqachiisaa, kaan lafa isaarraa buqqisanii kadhataa godhaa, ofii isaaniitiif garuu biyya teenya fi dachee teenyarratti abbaa biyyaa fi abbaa qabeenyaa nurratti ta’anii; nu nyaachaa otuu jiranuu, isaan otuu hin quufin, Obboleewwan isaanii dabaree eeggatanii Oromummaa fi Oromiyaa balleessuuf waan qophii guddaa godhaa jiraniif; badiin kana caalu akka nurra hin geenye, har’a waraana jabaa qabaachuun dirqama ta’a.
Sadaffaa, yoo waraanni jabaan jiraate, xinnaatee yoo xinnaate lolee lafa qabchuu kan hin dandeenyellee yoo ta’e, yeroo uummatni keenya tokkummaadhaan ka’anii harka duwwaa diinaan falman kana, warra lammiilee keenya ajjeesan adabee gumaa namoota keenya battalumatti baasuu kan danda’u yoo ta’e, diina sodaachisee; uummata keenyatti ammoo hamilee gudda uumuu waan danda’uuf, sochiin uummata keenyaas caalaatti akka cimu taasisa.  Namni abdii tokko duubaa qabu, sodaa qabaachuu hin danda’u. Humni naaf mirmatu na bira ykn na duuba jira jedhee waan abdatuuf, waan ka’eef sana hamma bakkaan ga’utti duubatti hin deebi’u jechuu dha.
Afraffaa, yoo waraanni Oromoo jabaan jiraate, kan biraa hafee lammiileen Oromoo kan waraana Wayyaanee keessa jiranillee dafanii humna keenyatti makamuuf hamilee horatu. OPDOnillee walba taatee gara qabsoo uummata Oromootti deebi’uuf kun carraa uumuufii danda’a.
Asirratti wanti hubatamuu danda’u tokko, kan OPDO jiraachisu fi tajaajiltuu Wayyaanee taatee akka ittifuftu taasisu gargar hiramuu fi laafina ABO ti. Otuu ABOn cimaa ta’ee yookaanis otuu waraannii Oromoo jabaa fi abdachiisaan jiraatee, OPDOn qaata ofii isaaniitiifuu ofjijjiiranii jijjiirama tokko agarsiisuu danda’u turan jedheen yaada. Laaffachuun mooraa ABO fi waraan Oromoo jabaa fi abdachiisaa dhabuun keenya waa hundaaf, karaa hundaan nu saaxile. Asirratti waan dhiyoo kana OMN irratti lammiileen Oromoo, kan mana hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa turan, dubbatan tokkon yaadadha. Bara 2008, yeroo ABOn bakkee lamatti addaan hiramu fi kan duraanii wajjin gareen sadi uumamu sana, Oromootni mana hidhaa turan bakkee lamatti akka qoodamanii fi erga ABOn nuti abdannu sun akkana ta’ee hafee; nutis kan maqaa ABOtiin yakkamnee hidhamne, waan dhugaa hin taanes amannee fudhannee, Wayyaanee dhiifama gaafachuudhaan as keessaa bayuu qabna jedhanii, abdii kutachuudhaan akka waliin mormaa turan, lammiileen kun gaafii fi deebii OMN irratti dubbatanii turan.
Shanaffaa, yoo waraanni Oromoo jabaan jiraate, haa turu haa daddafu malee, qabsoo bilisummaa kana galii hawwamu tokkotti geessuun waan nama abdachiisuuf, jaarmayootni keenya, kan kaayyoo adda addaa qaban, akka ilaalcha siyaasaa fi ayidoolojii isaaniitti gara gara hiramanii mooraan keenya akka laafu hin godhan turan jedheen amana. Humni mooraa keenyaa, keessumaayuu humni hidhataan jabaa ta’e dhabamuun, qabsoon tun akka laaffattu taasise. Qabsoon laaffachuun isaa ammoo karaa tokkoon akka diinni nu tuffatu yoo taasisu, karaa biraatiin ammoo ayyaanlaallatummaa fi gantummaaf carraa uuma. Walumaagalatti, waraana jabaa qabaachuun jaarmayoonni keenya akka gara gara hin hiramne fi abdii kutannoon hin uumamne taasisa jechuu dha. “Namni galeen nyaadha jedhu, hin beelayu” jedha Oromoon yoo makmaaku.
Egaa, maaliif humna waraanaa Oromoo cimsuun barbaachisaa akka ta’e sababaalee tokko tokko tuttuquu yaalee jira. Kanatti aansee akkamitti waraana jabaa ijaaruu akka dandeenyu gabaabumatti qabxiilee tokko tokko ibsuun yaala. Waraana qabsoo bilisummaa Oromoo, asitti Waraana Bilisummaa Biyyoolessaa Oromoo (Oromo National Liberation Army) kanan jedhu, filannoo (Options) lamaanijaaruun ni danda’ama jedheen yaada.
Filannoo tokkoffaa: Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) amma jiru jabeessuu, cimsuu fi bifa biraatiin ykn bifa haaraatiin ijaaruu dha.
Rakkoon asirratti mul’achuu malu garuu, WBOn ammaaf ABO dhaan ijaaramee ABO dhaan ajajamaa waan jiruuf, WBO jabeessuuf tarii namootni keenya jabina fi ofhaaromsuu ABO haalduree godhuu malu. Kun akka ilaalcha kiyyaatitti dhugaa dhas. Gara biraatiin ammoo, WBO amma jiru jabeessuu jechuun akka waan ABO garee tokkoo deeggaruu ta’uutti waan ilaalamuuf, namootni jaarmayaa (garee) kanarraa abdii hin qabne ykn sababa fedheenuu haa ta’uu isaanirra mufaatii qaban, WBO jabeessuuf waan ofqusatan ta’uu malu jedheen yaada. Furmaatni rakkoo kanaa inni tokko fi guddaan garuu ABOn of haaromsee bifa biraatiin tooftaa, tarsiimoo fi caasaa haaraa ta’een (keessumaayuu caasaa hogganummaa) cimsee argamuu fi hojiidhaan agarsiisuu qaba. Deebisee uummata Oromootti abdii horachiisuu qaba jechuu dha.
Filannoo lammaffaa: Waraana Biyyoolessaa Oromoo walaba ta’e, akkuma meediyaa walabaa, OMN kan caasaa addaatiin ijaaramu fi socha’u haaraa ijaaruu dha.
Kun akka yaadaatti salphaa haa fakkaatu malee, hojiidhaan agarsiisuun ulfaataa akka ta’u nan hubadha. Haa ta’u malee, WBO amma jirus yoo ta’e, maallaquma uummata Oromoorraa argamuun xinnaatus baay’atus sochaa’aa jira ykn socha’uu danda’a malee gargaarsi qaama biraarraa argamu waan jiru natti hin fakkaatu. Kanaaf, uummatni keenya, keessumaayuu uummatni biyyoota ambaa jiraatan, tokkummaa fi kutannoodhaan yoo ka’an, maallaqa buusuudhaan Waraanni Biyyoolessaa Oromoo haaraan akka ijaaramu godhuun waan hin danda’amneef sababni ni jira jedhee hin yaaadu. Egaa kun projaktii guddaa wareegama guddaa gaafatu waan ta’eef, kutannoo lammiilee Oromoo hundaa gaafata. Waayee kana yeroo biraa bal’inaan itti deebi’uun yaala.
Egaa, gara xumura barruu kiyyaatti deemuuf, waraanni Oromoo (Waraanni Bilisummaa Biyyoolessaa Oromoo  – Oromo National Liberation Army) jabaa fi cimaan tokko yoo ijaarame, lolee lafa qabatee diina injifachuu yoo dadhabellee, sadarkaa duraarratti, uummata keessatti argamee kan roorroo diinaa lammiilee keenya irraa ittisu, kan battalumatti gochaa diinaa hordofee gumaa lammiilee keenyaa baasuu danda’u; kan gutumaa guututti Oromiyaa keessatti bakkee hundatti socha’u ta’uu qaba jedheen yaada. Humna ittisaa (self-defence force) jechuu dha.Yoo Oromoon kutatee ka’e; yoo akkuma yeroo ammaa mul’achaa jiru tokkummaan keenya akka uummataatti cimaa deeme; yoo karaa danda’amu hundaan Oromoon hunduu dirqama Oromummaa ba’an, har’a taankii fi xayyaara waraanaa argachuu ykn qabaachuu baannus, meeshaa waraanaa gargaarsa Oromootiin bitamu fi kan diinarraa booji’amuunuu diina hamma funyaaniitti hidhate kana jilbiiffachiisuun waan hin danda’amneef hin jiru. Kutannoo qofaa nu barbaachisa. Uummata kutatetu gabrummaa keessaa of baasuu danda’a. Oromoon wal malee firas ta’ee gargaarsa biraa akka hin qabne hubachuu qabna. Kanaaf, qabeenyuma fi gargaarsa keenyaan waraana Oromoo jabaa haa ijaarrannu. Kana godhuuf ammoo yeroon isaas amma.
Galatoomaa!
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Sidama is Under Siege following SLM/Medrek’s permission to Demonstrate TPLF’s Unconstitutionality!

Kukissa, Sidama Reporter from Sidama Capital Hawassa,

The arduous journey of Sidama Liberation Movement (SLM) and Medrek (the coalition of opposition parties) demanding permission of the rulers to assert their right of peacefully demonstrating the recent massacre of Oromo civilians and others crimes TPLF’s regime has committed and is committing against the Oromo, Sidama, Ogadenia, Hadiya, Gambela, Benshangul, Kambata, Kaffisho and Shakichcho, Gedeo and others peoples of nations and nationalities- was finalised with implausible permission with attached preconditions. The authorities of TPLF’s rulers were eventually obliged to concede after postponing it for over a month due to a hard work of SLM/Mederek coalition whose leadership knocked at the doors of the authorities on daily basis defying odds and intimidation; the reason they were only allowed to hold their demonstration on the 10th of June 2014.

Even TPLF’s Sidama and regional authorities tried to hide from SLM/Medrek’s leadership until the last minute when they were boldly told by the gallant SLM/Medrek leadership that they never accept further deceits and delays as long as the Constitution allows them to follow the procedures and policies laid out to bypass the permission of the government after satisfying the necessary requirements- which has been done over a month ago.

The following report sent on 11th of June 2014 speaks volume.

የሲዳማ አርነት ንቅናቄ (ሲአን/መደረክእና የሀዋሳ ከተማ አሰተዳደር /ቤት ፊጥጫ ያለፉት ሰባት ቀጠሮ እንደተመላለሰው ዛሬም የሲአን/መደረክአመራሮች የከንቲባ /ቤት በሄዱበት ጊዜ ጧዋት የከንቲባው አማካር አቶ በላይነህ ተሾመና የከንቲባ /ቤት ኃላፊ አቶ በላይ በቀለ አገኝቶበተነጋገሩቤት ጊዜ አሁንም እንደተለመደው ተነጋግረን እንመልሳለን ስሉ:

የሲአን/መደረክ አመራሮች እኛ ደብዳቤ ካስገባን ቆይቶአል በህጉ መሰረት 48 ሳዓት አልፎል ይሁን እንጅ ዛሬ የሚንጠየቀቹ ህጋብ ለመሆን ነው; አሁንከሰጣቹን ሲጡን አለብለዛ ከቢሮ አንወጣም ስሉ ጊዜ ከሳዓት ከከንቲባው ጋር ተነጋግረን እንመልሰቸ ብሎ ከሳዓት ሲሄዱ ከንቲባው ስብሰባ ሰለገባደብዳቤ እኛው እናመጣለን ስሉ እዚህ ቆልፋቹን ሄዱ እንጅ አንሄድም ብሎ ከሲጨነቁ ቦኃላ ስብሰባ ገባ የተባሉት ከንቲባው መጥቶ አሁን ስብሰባአለን ነገ ኑና በደብዳቤ እንመልሰቸው ብሎ እንድመለሱ አድረጎኦል::

የእነሱ ፊላጎት ለሰልማዊ ሰልፉ ቅስቀሳ እንድያደረጉ አንድ ቀን ሲቀር እንሰጣለን ብሎ እያመላለሱ ነው ፡፡ ይሁን እንጅ ሲአን/መደረክ ሲዳማ ዞን በሃያአንዱም ወረዳ  ሀዋሳ ከተማና አጎራባች የኦሮሚያ ክልል ዛሬ ቅስቀሳውን እያደረገ መዋሉን ከፓርቲው የወጣ መረጃ ለማወቅ ተችሎአል ፡፡የሰኔ 7ሰልማዊ ሰልፍ የደመቀ እንድሆን ከፍተኛ ዝግጅት አድረጎ ጭርሶአል::

ሀዋሳ ከተማ እና አጎራባች ወረዳዎች የሚትገኙ ሁሉ ሰላማዊ ሰልፉ ላይ እንትገኙ ሲአን /መደረክ ጥረ አሰተላልፎአል፡፡

Following the permission of the demonstration for the 14th of June 2014, TPLF/EPRDF’s regime army, others several hundreds of undercover security forces, federal and regional police regime sponsored terrorists involving Agi’azi (TPLF’s assassins and peaceful demonstrators’ killing machines) are said to be roaming on the streets of the Sidama capital Hawassa and its outskirts since the 11th of June 2014. The numbers of the said TPLF’s peaceful civilians’ terrorising agents are said to be equivalent to the numbers of Hawassa dwellers.

Meanwhile, the regime also has restricted the roots of planned marches of the demonstrators for Saturday, from accessing and passing through the central part of the city to the less popular parts. Additionally, the regime’s Sidama messengers are assigned to organise various conferences for the entire Sidama civil servants for 14th June 2014 with the aim of blocking civil servants from taking parts on Saturday’s SLM/Medrek demonstration. The aforementioned ill-conceived conferences the regime’s messengers have organised will take place at Fuura Rural Development Studies Institute (Hirgaalamete Katamira), 40 km away from Hawssa.

Besides, the organisers (SLM/Medrek) are hundred per cent confident that the wider Sidama, Oromo, and the peoples of others nations and nationalities will take part defying odds and denounce the criminal actions of the regime in power and demand the regime to stop its current plan of uprooting Oromo peasants from the outskirts of Finfinnee also called Addis Ababa (under the guise of Master Plan), and the Sidama from Hawassa outskirts in addition to others critical points the demonstrators unanimously raise. The intimidation strategy of the regime by accumulating its army, federal and regional police including Agi’azi’s killing machines shouldn’t be destructing hurdle to the participation of the wider peoples of nations and nationalities who are all deprived of their basic rights to assembly and freedom of expression.

Both SLM and Medrek are considered to be at loggerheads with the current TPLF’s democracy decorated brutal regime, therefore the regime leave no stone unturned to intimidate its leadership and members as it feels that SLM/Medrek’s unity is a serious threat to its interests in Sidama land, Oromia and others southern areas’ and ultimately to its survival.

SLM/Medrek kindly invites all to take part defying regimes unconstitutional actions. This message must be communicated between the Oromo, Sidama, Ogadenia, Gedeo, Hadiya and Kambata Diasporas and their grass root communities back home to enable them to be a full part of this movement.

Kukkissa, Sidama Reporter from Hawassa, June 12, 2014

SEENAA Y.G (2005): Gaaffiin Oromoo, Finfinnee, Raayyaa, Walloo, Dirree-dawaa, Sooddoo … Tokkodha

SEENAA Y.G(2005)
Dhiigni ilmaan Oromoo baroota dheeraaf dhangala’aa turee jiru, qoosaa miti. Hiwaatoonni har’a, gaaffii ummatootaa ofitti fudhaatii, ofittummaa keessan ija baase kana gataatii, Angoo siyaasaa kan haqa qabu waliin ykn kan Ummati Filateen qooddadhaatii hegaree keessan tolchaa jedhamanii wayita gorfaman, deebiin isaan kennan, “eenyu kan dhiigaan fide, eenyutu kaardiin dabarsee kannaa” kan jedhuudha. Dhiigni isaanii akkas isaan marara taanaan, dhiigni kan biraa mirga isaaf dhangalaasus isaan mararuu qaba ture. Kana ta’uu hanqachuu isaatiin, dhiigni dhangalaasaa turan, akka isaan yaadanitti kan hegaree isaanii tolchu odoo hin taanee, kan isaan dhabamsiisuudha.
Egaa nuutis Gaaffii Oromoo dhiigni barootaaf dhangalaafamee fi dhangalaafamaa jiru, Bishaan miti. Dhiiga namaa, isayyuu Ummata kabajamaa kanaati. Kanaaf gaaffiin isaa osoo hin sharafamnee deebii quubsaa argachuu qaba. Kana dhugeessuuf ammoo yeroo kanatti Oromoon humna itti qaba. Sadrakaan dammaqiinsaa fi hubannoo Ilmaan Oromoo walii gala keessajiran, kan barbaadamu ol ta’aa dhufeera. Kun ammoo diinaaf yaaddoo ta’uun hin shakkisiisu. Firaaf garuu gammachuudha. Dantaa ofii irra kan dursu tokkollee hin jiru. gaaffiin keenya gaaffii haqaati.
Har’a wayyaaneen Ummata kana gama kamiinuu dhaabuu akka hin dandeenye hubattee jirti. Kan yeroo kanatti nu barbaachisu, gaaffii keenya humnaan deeggarree itti fufudha. Bara chaartaraa Kaartaan Oromiyaa wayita murteeffamu, Ilmaan Oromoo yeroo san turan gammachuu guutuu akka irraa hin qabaatiin beekamaadha. Gammachuu guutu maa dhabaniin, Oromoof hundaaf ibsuun hin barbaachisu ture. Hanqina qabu kan wallaalu hin ture. Garuu carraa jiruun OROMIYAA kan jedhamtu fudhachiisuuf, Addunyaatti beeksiisuuf toftaa gabaabaa itti fayyadamii kan itti gargaaramaniidha. Kanatti mikaa’uun isaanii shakkii hin qabu. Sadarkaan har’a irra jirru ammoo, yeroo Ummata keenya fedhii isaan alatti nurraa muramee, mirga Umamaa isaa dhabee dhiphachaa jiru saniif dubbachuu fi gaafachuu irra geenye jirra.
Wayyaaneen mirga ani kenne jettu keessaa inni guddaa fi holola ol aanaa taasifataa jirtu, Namni kamuu Afaan dhaloota isaan hojjachuu, barachuu kkf guutummaatti mirkaneesseera isa jedhuudha. Garuu har’a, OROMOOn FINFINNEE, DIRREE-DAWAA, RAAYYAA, SOODDOO, WALLOO kkf keessa jiran, mirga kana sarbamanii jiran. Yoo kan saboota biroo kaafnes,BEENSHAANGUL, UMMATOONNI KIBBAA, GAAMBEELLAA kkf, mirga wayyaaneen baantu kana guyyaa saafaa sarbamanii, AFAAN AMAARAANrakkataa jiran.
Miniilik finfinneetti wayita duulu, Oromoota 3000 ol galaafateera. Har’a ammoo hammeenyi wal fakkaataa Finfinnee keessaa ba’ee, Magaaloota Finfinnee marsanitti ce’ee jira. Wayyaaneen yeroo qabsoo eegalte kaastee dhiibbaan Ummata Raayyaa irratti raawwatte lakkaa’ame hin dhumu. Bara beelaa sana Ummata kuma 60 tti lakkaa’amu bakka isaanii irraa buqqiftee, Sudaanitti baqachiisuu seenaatu dubbata. Kunis lafa sana ofii dhuunfachuuf yaadu irraati. Kana malees, humna waraanaa Hiwaat keessatti hiriira duraa irratti hiriiranii rasaasaan kan dhuman Ilmaan Raayyaati. Har’allee kanuma. Itti aanee ilmaan Tanben jedhamantu dhuma. Tigiraayi keessatti hojiileen misooma tokkolee kan keessatti hin gaggeefamiin, garuu warshaa biiraa qabeenyaa ummataa saamuuf tolfamuuf Raayyaadha. Ummati kun aadaanis ta’uu jireenya hawaasummaan Ummata Tigiraayi irraa addadha. Isaanu ni sodaatu. Gaaffiin isaanii gaaf tokko ka’uun hin hafu jedhanii waa tokko illee hin hojjanneef. Mana maree Tigiraayi keessatti barcuma sagalee tokkollee hin qabne lama qaban.
Walloon dhiiga Oromooti. Garuuhar’a mirga Umamaa wayyaaneen itt hololtu sarbameera. Obbolaa isaa irraa adda ba’ee jiraataa jira. Hojiin misoomaa isa ilaallatu tokkollee hin jiru. Dirree Dawaanis hadhuura Godinaa bahaa keenyaati. Garuu Ixaana halgaatu irra garmaama. Kanaaf, Ummata keenya kanaaf gaafii kaasuun, rakkoo isaanii dhageesisuufin nurraa eegama. Gaaffii isaanii kanatti dhageetti horuun hojii keenya dabalataa haa ta’u. Kanaafan, GAAFFIIN OROMOO,FINFINNEE, RAAYYAA, WALLOO, DIRREE DAWAA, SOODDOO …kkf irratti qabuTOKKODHA! kanan jedheef.
GALATOOMAA!
HORAA BULAA!