Saturday, October 18, 2014

Waamicha Hiriira Nagayaa Hatattamaa Baqattoota Oromoo Cairo

Waldaan Baqattoota Oromoo biyya Masrii gochaa diinotaa kana balaaleffachuuf jecha Dilbata Onkoloolessa 19, 2014tti waajjira UNHCR-Cairo duratti hiriira nagaa waamee jira.
Ilmaan Habashaa biyya Masr, magaalaa Cairo jiraatan gaaffii baqattummaa Oromoo fudhatama dhabsiisuuf jecha duula wal irraa hin cinne gochaa akka jiran irra gahameera. Duulli isaanii guddaan dhimmi baqattummaa Oromoo waajjira UNHCR keessatti akka fudhatama hin arganne dhiibbaa gochuu yoo tahu, kana milkeessuuf jecha caasaa isaanii biyya alaa waliin tahuun waajjirichatti xalayaa barreessuu bira dabranii hanga hiriira nagaa waamuu gahaniiru. Gaaffii baqattummaa Oromoo gara dabarsuuf jecha yaalii jarri kun taasiaa jiru keessaa tokko, baqattoota Oromoo hunda walitti qabanii ‘’community Muslima’’ jechuu dabalata. Kunis akka hawaasni addunyaa lammiilee Oromoo rakkoo siyaasaaf jecha biyya isaanii irraa baqatan ija shakkiitiin ‘’goolessituu Musliimaa’’ jedhee ilaalee rakkoo isaaniif xiyyeefannoo waakkatu dhiibbaa gochuuf kan akeekkatame tahuun ifaa dha. Ergamni ilmaan Habashootaa kun ergama mootummaa Wayyaanee waliin akka wal qabatus shakkii hin qabu. 
Waldaan Baqattoota Oromoo biyya Masrii gochaa diinotaa kana balaaleffachuuf jecha Dilbata Onkoloolessa 19, 2014tti waajjira UNHCR-Cairo duratti hiriira nagaa waamee jira. Hiriira kana irratti yaalii diinota Oromoo kana fashalsuuf sagaleen ni dhageessifama. Kana malees Oromoon Muslimas tahee Kiristaana yookiis Waaqeffataa, dhimma amantiif osoo hin taane dhimma sabummaa isaa qofaaf yakkamee kan biyaa bahe tahuu, akkasumas, Oromoon akka Habashoonni addunyaatti himuu barbaadanitti Muslima qofa osoo hin taane amantii hundumaa kan of keessatti hammatu (a nation of colorful religious diversity) tahuun isaa ifatti agarsiifama.
Kanaafuu ilmaan Oromoo magaalaa Cairo keessa jirtan hundi guyyaa jedhame kanatti, jechuun, Dilbata Onkoloolessa 19, 2014 ganama irraa saĆ”a 6:AM irratti waajjira UNHCR-Cairo duratti walgahuun hiriira nagaa kana akka waliin geggeessinu kabajaan waamna. Ummanni Oromoo biyyoota alaa fi biyya keessa jiraatus, duula ilmaan Habashaa himata baqattummaa Oromoo fudhatama dhabsiisuuf gochaa jiran kana karaa danda’me maraan bakka jiru hundatti dura dhaabbachaa tumsa isaa akka nu agarsiisu kabajaan gaafanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Waldaa Baqattoota Oromoo Cairo
—————
This is so urgent! Please find the attached files for a call for
anti-Oromo protest by Ethiopian community in Cairo and a call for
counter-protest by the Oromo Refugee Association in Cairo.
I sent you this files on behalf of the association. They need this
call posted urgently to reach the community members and our mass at
large.
Ethiopian Community in Cairo

                                                             

=>ayyaantuu