Friday, November 29, 2013

Garee Bakka Bu’oota Qeerroo Dhiha Oromiyaa Irraa Ibsa Kenname.

                                                                 Qeerroo 


Sadaasa 26,2013 Jimmaa

Biyya Oromiyaa keessaatti ajjeechaa garajabinaa Mootummaan Wayyaanee Ummataa Oromoo irratti rawwaacha jiru fi Ajjeechaa suukaneessaa godaantota fi baqatoota Oromoo fi ilman cunqurfamoo lammilee biyyaatti biyya ambaa jiran irratti rawwatama jiruuf itti gaafataman Wayyaanee ta’u Hoggansii qeerroo ibsa baase.

Sadaasa 26/2013 Gareen qindeessitoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyyaa keessaa Yuunivarsiitiiwwaan:Jimmaa, Mattuu, Wallaaggaa, Wallaggaa Damee Gimbii, Amboo, Amboo Damee Walisoo, Finfinnee, fi Miizaan Teeppii, irraa Walitti dhufuun haala siyaasaa biyyattin walqabatee ajjeechaa Seeraan alaa Mootummaan Wayyaanee biyyaa keessatti yeroo irraa gara yerootti baratoota Oromoo , Ummaata Oromoo fi lammiilee cunqurfamoo irratti fudhacha jiruu fi Ajjeechaa Sukkaneessaa godantoota fi baqatoota Ilmaan Oromoo fi lammiilee cunqurfamoo biyyatti sabaa fi sablamoota biyyota ambaa garaagara jiran irratti rawwatamaa jiruu ilaalchisuun walitti dhufuun marii bal’a erga gaggeesani booda ibsa qabxii 8 qabu dabarsani jiru.
Ibsa Garee qindeessitoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa Kenname.
1. Mootummaan Wayyaanee bara baraan ilmaan Oromoo mooraa barnotaa
keessaatti fi halaa garaagaraa keessaatti utuu hin ajjeesin jiraate hin beektu; yeroo amma kanas baratootni Oromoo dhabbilee barnotaa olaanoo irra barachaa jiran ajjeefamaa, dorsifamaa, dararamaa fi biyyaa irra wareerfamuun arii’ama jiru; kanneen bara baraan wayyanee qofaan biyyaa irra arii’ataman kumaan lakka’amu kanneen jiruuf jireenyaan godaansaa seeraan alaaf affeeraman waliin kumota dhibootan kanneen lakka’amanis bulchinsii biyyaa ambaa wayyaanee lammaffaa itti ta’uun ajjeechaan suukaneessaa fi dararamni daangaa hin qabne irraa ga’aa jiraniif itti gafataman mootummaa EPRDF wayyaanee har’a biyya bulchan jira jettu ta’uu ni hubachiifna.

2. Lammiiwwaan keenya baqattoota fi godantota ta’uun biyyota
garaagaraa keessatti ajjechan suukaneessaa irraa ga’aa jiruu fi biyyaa Ethiopia keessatti keessaattuu baratootni Oromoo qabinsa mirga namummaa dhabuun lubbuun isaani akka malee balleeffama jiru fi gochaan suukkaneessaa isan irraa qaqqabaa jiruuf gaddaa guddaa nutti dhaga’ame ibsina. gochaa diinummaa kanas nii balaaleffanna.

3. Ummaanni Oromoo fi ilmaan cunqurfamoo lammiileen biyyaatti gocha suukkanessaa fi ajjechaa gara jabinaan nurraatti gaggeeffama jiruu dhaabsisuuf, falli jiruu mootummaa wayyaanee abba irree mirga keenya sarbee, sarbisiisaa jiru irratti qabsa’uun angoo irraa darbuuf bakka jirruu wal gurmeesinee FDG haa gaggeessinu, sagalee keenyaa addunyaa haa dhageesifnu jechuun wamicha keenya dabarsina.

=>qeerroo