Gaabaasa: Amajjiin 1/1/2014 Guyyaan WBO fi barri haraawaan 2014 Godinota Dhihaa Oromiyaa Keessatti bifa miidhagaa fi howaa ta’een kabajame; Ammas itti fufee Guyyaan WBO kabajama jira.   Ammajjiin tokko guyyaan WBO Godinalee Oromiyaa dhihaa, Godina Lixaa Shawaa, Kibbaa Lixaa Shawaa, Godina Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi dhabbiilee barnoota olaanoo fi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa godinicha keessatti argamanin miseensota qeerroo, fi Madheewwaan Addaa Bilisummaa Oromoo (ABO) fi sabbontoota ilmaan Oromootiin bifa miidhagaa fi haalaan gammachiisa ta’een kabajame. Haaluma kanaan godinaalee fi dhaabbileen barnootaa haala dinqisisaa ta’een kabajanis:
Godina Jimmaatti : Godina Jimmaatti Miseensotni Maadhee, fi Qeerroo sabboontootni Oromoo walitti dhufuun jalbultii Amajjii tokko guyyaa WBO irra egaluun kabajachuu egalan. Miseensotni maadhee garaagaraa walitti dhufuuf marii haala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti qabsoo Oromoof furmanni guddaan Oromoon gamtaan qabsootti cimuu, mooraa qabsoo ijaaruu, dhaaba tokkicha ABO jalatti hiriiruun jajjabeessuu bilisummaa saba keenyaaf qabsoo wareegama gootota ilmaan Oromoon as ga’ee galmaan ga’uuf yoom iyyuu caalaa cimnee ni hojjenna jechuun waadaa qabsoo bilisummaaf qaban haaroomsan.
Yuunivarsiitii Jimmaatti: Hoggantootni Qeerroo, miseensotni qeerroon dargaggoonni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa , sabboontotni samarraan baratootni Oromoo,sabboototni barsiiftotni Oromoo  akkuma torbee tokkootti jalbultii baraa haarawaa fi Amajjii Tokkoo Guyyaa WBO kabajuu eegalaan; akkuma walitti dhiyaatanitti Amajjii tokkoo Guyyaa WBO fi bara haarawaa 2014 ykn akka lakkofsa gadaatti 6408 yeroo kabajatan haala yeroo ammaa qabsoon bilisummaa Oromoo irraa jiru irratti marii bal’aa erga godhanii booda; bilisummaa keenyaa gonfachuun dandeettii qabnu, qabeenyaa qabnu, human qabnu fi uummataa keenyaa ijarrachuun qabsoo jabeessuun itti fufuutu furmata jechuun waadaa isanii haaromsan.
Guutummaa Gabaasa Kanaa:-Amajjii Tokkoo Guyyaa WBO bara 2014
Gabaasa Maadhee Iftuu Borii Magaalaa Sulultaa Irratti:-Maadhee Iftuu Borii Aamajjii1,2014
Dambi Doolloo,Wallaggaa Kabajaa guyyaa WBO fi Waggaa Haaraa:Dambi Doolloo, Wallagga , Jijjiirraan Bara Haarawaa fi Guyyaan WBO bakka hundaatti Haala Hoo