Wednesday, May 21, 2014

DEEBIIN GAAFFII KEENYAA, HUMNA TA’UU KEENYA IRRATTI HUNDAA’A !!

SEENAA Y.G(2005) | Caamsaa 21, 2014
Gaaffiin Ummata Oromoo, Gaaffii haqaa akka ta’e, Wayyaaneenis deebii quubsaa akka hin laanne, Addunyaatu ragaa ba’a. keessattu yeroon kun , Ummati Oromoo qabsoon gaggeessaa jiru haqa ta’uu isaa, inni itti hadhaawaa jiraate illee ofitti fudhatee, dhugaa qabu jechuu irra ga’e jira. Dhiigni ijoollee Biyya keessatti dhangala’ee, waan Biyya sana keessatti humnaan Ukkaamemee jiru ifatti baasee, gurra addunyaa hawwatee, hundumtu takkaa dhaabbatee akka of gaafatu taasisuu fi isa of-dagee jireenya dabeessummaatti of kenne illee akka dammaqisee hin shakku. Keessattu wayyaanee waan hundaa fixadhee jettee diriiffattee rafuuf yaalte, utaalchisee kaasee wawwaachiisaa jira. Addunyaa dantaa ofiif jecha, dhiiga dhangala’aa jiru akka bishaanitti lakkaa’uu dhiisanii , takkaa mil’atanii ilaalanii dhiiga ta’uu akka hubatan taasisee jira. Dhala Oromoo diina jalatti of gatee kurkuraa jirus, gurra dhaabsiseera.
Dhala Oromoo addunyaa maraa keessa jiru bakka jiru akka waliif birmatu taasisee jira. Biyyoota ollaa wayyaaneef harka laatanii Biyya ollaa keessaallee baqattoota keenya ariisisuuf shira hojjatanii fi qabsoo Ummata kanaa irratti shira warra hojjatan, Lakkii Ummati kun gaaf tokko… jedhanii akka of duuba mil’tan taasisee jira. KanneenOromoo bifa adda addaan gaadi’anii habjuu isaanii gama hundaan milkeessu barbaadan, warra maallaqaan jaamanii Ummata isaan jiraachisetti hammeenya yaadan, eenyummaa Oromoo dhabamsiisanii , kan isaanii itti fe’anii , Oromoo tajaajiltuu isaanii taasisuu warra barbaadan, callisuun Oromoo wallaalummaa fi gabrummaaf jilbeenfachuu odoo hin taanee, yeroo kan eeggatu ta’uu isaa akka gaaritti akka hubatan taasisee jira.
Kana malees, Sochiin baatii kanaa, Oromoon waan irratti raawwatamaa jiru wallaaluus akka hin taane, hammeenya kan nu irratti yaadu tokko tokkon qomaa akka qabu, kan akeekkachiiseedha. Kana qofaa miti, Oromoon Qabsoo waligalaaf illee Qophii ta’uu nu akeekeera. Akka walii galaatti, Dhiigni dhaloota har’aa akka bishaanii dhangala’e diina qofaa odoo hin taane, nuutillee waa hedduun akka of keessa ilallu nu taasiseera. Jaallannus jibbinus, Kan dhangala’ee dhiiga Lammii keenyaati. Kana  akkamiin gumaa baafnaa ? ykn gaaffiin ijoollee kanaa firii akka horatuuf maal gochuu qabnaa ? jennee of gaafannee waan hojjannuutu Gootummaa yk  lammummaa keenya mirkaneessa hubadhaa. Waan hundaan olitti , Waan kichuun keenya hojjattee kana, Seenaa irratti qofaa galmeessanii kaa’uun ykn yaadachuun bu’aa akka hin qabne qalbifachuudha. Irratti hojjachuu nama gaafata . keessattu hangafoonni isaanii Qabsoon dhufee mana kenya ga’e malee jedhanii hamilee of buusanii jiran, qabsoon eessa ga’ee ? qofaan kanneen gaafachaa olanii bulan, kanneen  waan hojjatan wallaalanii maal nu wayyaan keessa isaanitti gubatan, yoo yaadaa fi fedhiin isaanii lammii isaaniif ta’ee, dirreen qabsoo mana isaanii fi qe’ee isaanii ta’uu hubatanii, waan ija isaanii duratti ijoolleen kun Gootummaa raawwattee jirtu irraa barbachuu qaban.
Kana irratti waan nama gaddisiisu tokko kaasuun barbaada. Wayyaaneen holola oofaa jirtu irraa kan dhageenyu, jecha Daa’imman ykn ijoollee waa hin beeknetti dhimma ba’an kan jedhuudha. Akka kiyyatti , hangafoonni isaanii kana dhaga’an itti qaanfachuu qabu. Hangafoonni isaanii waan ijoolleen kun gaafattu keessaa hin qaban jechuudhaa ? wayyaaneen nutti toleeraa jedhanii harka laataniiru jechuu isaaniitii ? ijoolleen kun gaaffii Ummata miliyoona 40 wayita gaafatan, gaafachuu isaaniif ammoo lubbuu itti kennan kana irraa hangafoonni isaanii haajaa hin qaban jechuudhaa ? deebiin kun hangafoota isaanii hundaa ka ilaallattudha. Oromoon gabrummaa jala jiraachuun, keessa isaanitti gaaffii kaasisuu qofaa odoo hin taanee, akkuma ijoollee kanaa ba’anii gaafachuu fi deebii argachuuf hojjachuu qaban. Keessattu sagaleen koleejoota keessatti diina rifaasisaa ture, mindaa ji’aa qofaaf akka hin taane hin shakku. Maarree maaf ijoollee cinaa dhaabbatee itti fufu dide ? gaaffiin ijoollee kanaa Angafoota isaanii waajjiraalee keessa jiran, hojiilee adda addaa keessa jiran odoo hammatee ykn of cinaati qabaatee, injifannoo ol-aanaa ta’a ture. kana sirreeffachuu nu feesisa. Beektoonni Biyya keessa jiran , walii galanii gaaffii ijoollee kanaa waliin akka jiran murannoon beeksisuu qabu.
Wayyaaneen gaaffii ijoollee kana, gaaffiima ijoollee taasiftee bira taruu barbaaddi. Angafoonni isaanii akkuma ijoollee kanaa maaliif of hin ijaarree ? maaf gama hundaan dhiibbaa taasisuuf of hin qopheessine ? kun hundumtu odoo qindaa’ee dhiibbaan ajjeechaa fi hidhaa ijoollee kan irratti hin heddummaatu ture. kanaafan , “DEEBIIN GAAFFII KEENYAA, HUMNA TA’U KEENYA IRRATTI HUNDAA’AA” kanan jedhef.
Sochii barattootaa Biyya keessaa odoo hin yaadamnee fi wayyaaneen odeeffannoo tokkollee osoo hin qabaatiin gaggeeffamuun isaa injifannoodha. Jabiina qaama sochii kana qindeesseeti. Hunda irra, keessi keenya hangama jabaataa akka jiru, icittii keenya hangam eeggachaa akka jirru nu hubachiisa. Yoo jabaannee kana irra hojjachuu akka dandeenyu nu dhaama. Sochii qindaa’aa wayyaanee raase kana waliin, Hawaasi Oromoo Biyyoota hambaa jiraatan hundi yeroo tokkotti ijoollee kana waliin dhaabbachuu fi waan wayyaaneen irratti raawwate addunyaa mara irratti dhageesisuun isaanii , ofuma keenyaan of takaallee teenye malee, waan hundaa hojjachuu akka dandeenyu nu akeekee jira. Waan hunda irra Dhimma Oromoo irratti wal tumsuu fi ilaalcha walii illee kabajuun hangam nu tarkaanfachiisuu akka danda’u argineerra. Kun guddina siyaasa keenyaa mirkaneessa. Ummata SIRNA GADAA qabaachaa turee fi dhiiga tokko ta’uu keenya kan nu mirkaneessu kanadha. Kana jabeeffachuu barbaahcisa. Waa hunda irra diina kan rifaasisu isa kanadha. Gama kanaan rakkoo keessa keenyaa godhachuu akka hin qabne hiriira hedduu irrattis dubbatameera.
Yoo humna taane, Addunyaan deebii akka nu kennitu ykn gaffii keenyaaf bakka akka laattu akka dansaatti hubannee jirra. Midiyaan Afaan Oromoo addunyaa irra bifa gara garaan jiran, bu’aa fi dhimma Ummata isaaniif qooda akkamii akka gumaachan ilaalleerra.Addunyaan deebii quubsaa akka nuu laattuf , gaaffii keenya bifa gara garaan itti fufu barbaachisa. Keessattu Biyya alaa keessatti sochiin jiru qindeeffamee yeroo yeroon haala itti deddeebi’uu danda’u irratti hojjatamu qaba, dhimmi Oromoo yoo xiqqaate baatitti tokko qindeeffamee , miidiyaa addunyaa irratti ajandaa akka ta’uuf irratti hojjachuu nu barbaachisa. Karaan nu saaqame gonkumaa deebi’ee cufamuu hin qabu. Addunyaan warra yeroof ho’ee deebi’ee qabbanaa’u nu gochuu hin qabdu. Gaaffii keenya bifa adda addaan dhiheessuuf kan dirqisiiu haaluma jireenya Biyya hambaa keessaa waan ta’eef, qindoominni barbaachisaadha.
walii galatti qindoomiina Biyya keessaa fi alaa kanatti, addunyaatu hawwatamee jira. Gaaffiin Ummata Oromoo baatii tokko caalaaf qophaa isaa ajandaa qaamoota addunyaa hundaa ta’eera . kun dhiiga ijoollee wareegamteen kan argameedha. Dhiigi sun akka bakka nu bu’u, sochii wal irra hin cinnee argisiisuun mirkaneessuu qabna. Addunyaan gaaffiin keenya akka simattuuf, tolummaa isaanii eeggachuu odoo hin taanee, humna ta’uu keenya argisiisutu bu’aa qaba. Humna ta’uu keenya wayyaanettis , addunyaattis argisiisuu qabna. Wayyaaneen Gaaffii Ummata miliyoona 40 olii kan namoota muraasaa taasisuuf, dhimmicha gara fedaraalaatti ol guddisuu jabbaaf, OPDOn akka deebii itti laatu taasiftee, ilaalchi hawaasa addunyaa akka rakkoo keessaatti akka fudhatu taasisuuf yaalaa jirti. Nuuti ammoo kana caalaa hojjannee Hiwaatoota dubbachiisuu qabna. Miidiyaa qabnuun Hiwaatoota harkifnee waan itti hadhaayee akka liqimsan taasisuu qabna.  Gaaffii keenya addunyaatti wayita dhiheeffannu, waan sadii hubachiisuudhaaf ta’uu hubadhaa . gaaffiin kun Hawaasa addunyaa, wayyaanee, tajaajiltootaa  fi deeggartoota ishee ilaallata .
  1. Ummati Oromoo Gaaffii Abbaa Biyyummaa qabaachuu ykn gabrummaa jala jiraachuu,
  2. Sirni Angoo irra jiru gaaffii keenya ukkaamsuuf miidhaa ol-aanaa nurraan ga’aa jiraachuu fi (hidhaa, Biyyaa baasuu, ajjeeechaa, hiyyummaa kkf.) kun akka nu irraa dhaabbatu akeekuu,,,
  3. Gaaffii keenya ukkaamsuuf miidhaa bifa kamiitu of irraa qolachuuf tarkaanfii fudhannu hundaaf itti gaafatamummaa hin qabnudhaa beeksifachuufi.

Hubachiiisa: qabxii 3ffaa kana yeroo baayyee namoonni hin qalbeeffatan. Miidhaa nu irra ga’u qolachuuf sochii taasifnu qofaa odoo hin taanee, Biyya keenya ega dhuunfannee boodallee kan hojii irra oolchinu hundaa fi waan bara gabrummaa raawwatame hundaaf beekamtii laachuu fi dhiisuun, fedhii Ummata ajjeefamaa ture irratti akka hundaa’u hubachiisuu ta’u hin dagatiinaa .
Akka walii galaatti kan nu hafu, Qabsaa’oonni bu’ura kaa’an mirkaneessuudha. Ummata qabsoo walii galaaf qophii ta’uu mirkaneeffate kanaaf deebii laatamuudha. Namnis ta’ee humni Ummata kanaaf dhimmu kamuu, sochiin akka dhuunfaattis ta’u akka gurmuutti taasisu, bakka akka qabu hubachuudha. Har’a gargar fagaannee kan jirru nutti fakkaatu kun, hangama wal-keessa akka jirru, hojiin yeroon itti argisiifnu dhihaataa jira. Eeenyullee waamicha odoo nu hin taasifnee, Diina irratti yeroon itti waliif birmannu fagoo hin ta’u. sochiin har’aa kun bu’ura waloo nuuf haa ta’u. sochii amma qindoomiinaan gaggeffame kana yoo itti fufne, kan walii galaatti ceesisuuf, waggoota hin eeggannu ta’a. walii gala, humna ta’uu keenya qofaatu,  gaaffii keenyaaf deebii quubsaa akka kennu gadi fageessaati qalbeeffadhaa.
Xumureera.
HORAA BULAA !


XALAYAA BARATTOOTA OROMOO MANA HIDHAA JIRAN IRRAA DHUFE

“Amma Maaloo Dammaqaa Yaa Ilmaan Oromoo!!!!” Caamsaa 20, 2014
Kan barreeffame Caamsaa 16, 2014 –Egaa amma maaloo dammaqaa yaa ilmaan Oromoo. Ijoolleen Oromoo hedduun isaanii mana hidhaa keessatti yeroo ammaa kana dararamaa jiru. Yaa saba Oromoo maaloo wal irratti hin callisiinaa dhugaa isiniin jechuuf hidhaan nu irra gahe kun haala kanaan itti fufnaan isin irras gahuun isaa hin oolu.
Hidhamuuf Du’uun keenyaa isiniif malee ofii kenyaaf miti, lakki yaa saba kenyaa. Dhiigni Kenya akka tasaa dhangala’aa jiru kun isinitti haa dhaga’amu. Oromoon durii kaasee hanga amma kanaatti Dhiitamaa, Hidhamaa, D¬ u’aa, biyya isaa keessaa Ari’amaa jira… Isiniif haa galtu maaloo carraan hidhamuu keenya har’aa kun bor immoo keessan ta’uuf deemtii. Sin hara’a mana keessan teessanii kolfuu, taphachuun, hirriba nagaa rafuun keessan wanta nuffii fi, tuffiin jiruuf malee wanta mootummaan wayyaanee isin kabaje isinitti hin fakkaatiin!!!!!!!!
Egaa dubbiin barattoota Oromoo mana hidhaa keessa jiran kan magaalaa Naqamteetii hidhaman keessaa barattoonni Yunivarsiitii Wallaggaa (WOLLEGA UNIVERSITY)  kudhan (10) halkan walakkaatti mana hidhaa keessaa fudhatamanii achi buuteen isaanii dhabamee jira. Yeroo amma du’uuf jirachuun isaanii wanti beekamu tokko ille hin jiru.
Haaluma wal fakkaatuun barattonni mana barumsaa kutaa 11ffaa fi 12ffaa baratan:- • barataa Tasfaayee Tufaa, • barattuu Boontuu Hayiluu fi • barattoota kan biraa saddet (8) Immoo mana hidhaa duwwaa keessatti qofaa isaanii harkii fi miilli isaanii hidhamee hidhamanii jiru,….kana irratti reebichi sukkanneessaan irratti raawwachaa akka jiru nuuf barreesaniiru……..Kanaaf maaloo adaraa kesaan ekeraan gootota Oromoo durii ille akka nu hin taajjabneef Oromoonii adunyaa kana irra jirtan hundi keessan dammaqoo ta’aa.
Barattooni eessa akka bu’an hin beekamne 50 ol ta’an, achi keessaas durbi 13 fi hojjettoonni immoo 7, isaan keessas durbi 3 halkan saatii 3:30 irratt nu biraa fudhatamaniiru. Kana malees mucaan Oromoo kan MEDICINE Barachaa jiru tokkos manuma hidhaa kana keessatti reebichi hamaan irratii raawwachaa akka jiru ija kootiin argeen jira……wanti nama gaddisiisu magalaa Nekemtee keessa qofa dhiheenya kanatti namoonni 250, dhibba lamaaf shantama ta’an yeroo ammaa kanatti mana hidhaa akka seenan beekamaa dha………. kanaaf yaa saba koo callisuun furmaata nuuf hin ta’u!…….Isin warrii bakkee jirtan maaliif callistu ree??? Gaaffii kana isinumaafan dhiisaa….. “Dhiignii kenyaa bishaan dhugdan issinitti haa ta’u!!!”
NUTII BARATTOONNI HIDHAMNE QABENYI KEENYA SAAMAMUUN ISAA SIRRII MITI JENNEETU KAN AKKAS TAANE. NAMNI BARREFAMA KANA ARGE IMAANAA GUDDAAN SITTI AKKA KENNAMEETTI ILMAAN OROMOO HUNDATTI AKKA HIMTU, DABARSITUU, ADARAAN JEDHA. DHUMA IRRATTI BARATTOOTNI ARMAAN GADII HARKA MOOTUMMAA FEDERAALAATTI KENNAMUUF JEDHU:
1. Chalaa Fekaduu Gashe Kutaa 12ffaa
2. Chalaa Fekaduu Rajoo Kutaa 12ffaa
3. Nimoonaa Kebede Wollega University 5th year law student
4. Moi Bon Misganuu Wollega University
5. Abdii Gaddisaa Kutaa 12ffaa
6. Abel Dagim Kutaa 12ffaa
7. Qalbessa Getachew Kutaa 12ffaa
8. Mulgeta Gemechu Kutaa 12ffaa;

NUUF DIRMADHAA JEDHU!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!”
*ARIITII DHAAN WAANAN BARREESSEEF DOGONGORA HUNDA ISAAF DHIIFAMA!