Gabaasa Qeerroo Bilisummaa Ebla 12/2014 Jimmaa

Warraaqsii FDG Qeerroon Bilisummaa Qabsiisaniin Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma Ebla 11.2014 eegalan itti fufuun guyyaa har’aa Ebla 12,2014 bifa adda ta’een itti fufan.
FDG  guyyaa kaleessa irra kaasee barattoota Oromoon  eegaluun haala jabaataa fi qindoomina guddaa kan qabu  guyyaa lammaaffaaf jabaatee itti fufee jira. Goototni Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma Iyyannoo isaanii bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaatti guyyaa kaleessa galchachuun hiriira mormii sirnota abbaa irree balaaleffatuu qindeessuun dhaadannoo cimaa dhageesisan.
Guyyaa har’aas gaaffii gaafannee fi iyyaannoo keenyaaf deebii kallattii fi Sirnaa barbaannaa jechuun sa’aatii 6:00 irraa eegaluun hiriira mormii guddaa fi Dhaadannoowwaan itti aanu kana dhageesisan:
1. Oromiyaan Haa Bilisoomtuu!.
2. Humna Waraanaan Eegamuun Nurraa haa Dhaabbatu!
3.Motummaan Abbaa Irree Angoo Haa Gadhiisuu!.
4. Gurgurtaan Lafa Oromoo Irraa haadhabbatu!
5 Siidaan Miniliik Finfinnee fi Oromiyaa keessa haa buqqa’u!
6. Siidaan Eebbisaa Addunyaa Haa Ijaaramu!.
7. Gaaffiin keenya Gaffii Mirgaa, Gaffii Dimookiraasiiti!.
8. Hidhaan, Ajjeechaa, Biyyaa Irraa arii’atamuun nurraa haadhaabatu!
9.Mirgii Abbaa Biyyummaa Uummataa Oromoo haa kabajamuu!.
10 Mootummaan Garbomsaa Hundeen Nuraa Haa Buqqa’uu! kan jedhuu fi kkf dhageesisuun hiriirri mormii cimaan gaggeeffame, FDG Qabsoo uummataa Oromoo keessatti boqonnaa haarawaa banuun jabaatee itti fufee jira.