Abdii Boruutiin | Bitootesa 1, 2014
OMN2014_Feb22Duraan dursee, projektii guddaa akkanaa kana dhugoomsuuf Sabboontotni Oromoo kan asii fi achi dhama’aa turtan fi jirtan; kan beekumsa, dandeettii fi qabeenya keessaniin meediyaa kanarratti hojjechaa turtani fi jirtan; akkasumas uummatni Oromoo kan projektii kana yaadaa fi qabeenyaan gargaaraa jirtan, meediyaan kun milkiidhaan xumuramee as bahuu isaatiif baga gammaddan baga gammadne jechuun barbaada. Gammachuu kiyya ibsuu qofaa otuu hin taane, dhaamsi ani carraa kanaan uummata keenyaaf dabarsuu barbaadu: dhalachuu meediyaa kanaatti gammaduu qofaan bu’aa hin fidu. Meediyaa walaba ta’ee, uummata keenya tajaajiluuf deemu kana karaa danda’amu hundaan bira dhaabbachuu fi guddifachuun; akka inni yeroodhaa gara yerootti bareedaa deemu godhuun dirqama ilmaan Oromoo ta’uu qaba jedhee waanan amanuuf, hundi keenyaa ilma nuuf dhalate kana guddifachuu qabna; gargaarsa nurraa eegamus gumaachuu qabna.    
Akkuma meediyaalee fi marsaalee intarneetaa gara garaarratti dhaga’amaa fi argamaa jiru, duulli walumaagalatti uummata Oromoorratti, keessumaayuu ammoo Sabboontota keenyarratti godhamaa ture fi jiru yeroorraa gara yerootti babal’achaa  akka dhufee ni hubatama. Ilmaan nafxanyootaa, yaadni fi hawwiin isaanii sirna dulloomaa durii sana deebisuuf qofaa otuu hin taane, bu’aalee qabsoon bilisummaa Oromoo hanga har’aatti galmeesse kanaayuu dhabamsiisuu fi kana birallee dabranii jiraachuuma uummata Oromootuu dhabamsiisuuf halkanii fi guyyaa hojjechaa akka jiran waan hubatamuu danda’u dha. Sochiin isaanii kun gabaabumatti karaa lamaan ilaalamuu danda’a. Yoo Oromoon waliigaltee dhabee, qabsoon bilisummaa keenyaas akka laaffatte hubatan, tuffii nuuf qabanirraa kan ka’e duula nurratti cimsu. Oromoo gargar hiruuf tooftaalee adda addaatti fayyadamu. Karaa biraatiin yoo ilaalame ammoo, yoo sochiin Oromoo xinnoos haa taatu cimuu argan, inaaffaas haa ta’u sodaa qabanirraa kan ka’e, akkasuma duula cimaa nurratti gaggeessu jechuu dha.
Yeroo diinotni uummata Oromoo tooftaalee adda addaatiin duula nurratti gaggeessaa jiran kanatti; yeroo isaan seenaa dhugaa hin taaneen uummata afaanfaajjessaa jiran fi seenaa saba Oromoo xureessaa jiranitti, meediyaan walaba ta’ee, dhugaa jiru uummata keenyatti himuuf; uummata sagalee hin qabneef sa’agalee ta’u uumamuun barbaachisaa ta’e kanatti, OMN dhalachuun isaa dhugumatti kun seenaa saba keenyaa keessatti boqonnaa haaraa dha yoon jedhe waan dhara ta’u natti hin fakkaatu. Hawwii fi abdiin ani qabu, meediyaan kun rakkoolee fi gufuulee isa qunnaman irra aanuudhaan, uummata keenya bal’aa Oromiyaa keessa jiran bira gahuu akka danda’u dha. Kan seenaa dhugaa ta’e fi haala dhugaa ta’ee beekuu fi hubachuu qabu caalaatti uummata biyya keessa jiru fi kan sagaleen isaa ukkaamamee jiru dha. Uummatni biyya ambaa jiru xinnaatullee odeeffannoo dhugaa ta’e argachuu danda’u. Kan biyya keessa jiru garuu, sagaleen isaa ukkaamamuu qofaa otuu hin taane, olola diinaattiin afaanfaajja’aa waan jiruuf dhugaa jiru beekuu hin danda’u jechuu dha.
Akkuma beekamu, qabsoo bilisummaa keenyaa kana keessatti waa baay’ee dhageenye, waa hedduu agarres. Oromoon walii hin galtu; Oromoon tokkummaa hin qabdu; Oromoon waan jalqabde hin xumurtu ykn bakkaan hin geessu fi kkf dubbatamaa ture dubbatamaa jiras. Kun olola fi tuffii gama diinaa fi namoota keenya irraallee dhufuu dha. Karaa biraatiin ammoo, rakkoo Oromoon qabu tokkos (emotional) natti mul’ata. Innis yoo wanti tokko oo’u fi bu’aa argamsiise, hamileedhaan isa duuba hiriiruu; yoo inni qorre ykn laaffate ykn bu’aa tokko argamsiisuu dadhabe, fuula irraa garagalfachuu dha. Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti kun sirrii miti; ta’uus hin qabu. Ilmi namaa yeroo gammachuu qofaa walbarbaadee; yeroo rakkoo walirraa dheessuun gaarii miti jechuu kooti. Walumaagalatti wantin jechuu barbaade yookaanis akka dhaamasaatti dabarfachuu barbaadu, meediyaan dhalate kun (OMN) akka hawwamu fi eegamutti bareedaa ta’uu danda’a yookaanis ammoo jalqabarratti rakkooleen took tokko isa qunnamanii, akka eegametti argamuu dhiisuu mala. Kanaaf, rakkoon isaa rakkoo keenya akka ta’u hubannee karaa danda’amu hundaan tikfachuu fi jajjabeeffachuu qabna.
Qbsoo bilisummaa saba ykn uummata tokkoo keessatti, meediyaan walaba ta’ee uummata isaa tajaajilu baay’ee murteessaa dha. Uummatni seenaa dhugaa ta’e hin beekne; kan odeeffannoo gahaa ta’e argatee, dhugaa fi dhara jiru addaan baafachuu hin dandeenye dhimma ofiii hubatee; mirga ofiis beekee, ka’ee kanaaf falamchuu hin danda’u. Keessumaayuu ammoo, ummatni Oromoo kan mootummoota Habashootaa dhufaa dabraniin seenaa dhugaa hin taaneen afaanfaajja’aa ture fi jiru, kan olola diinaatiin guutamaa ture fi ammas jiru, meediyaa walaba ta’ee dhugaa isa biraan gahu qabaachuun ykn argachuun baay’ee baay’ee murteessaa dha. Meediyaa jabaan uummata isaa tajaajilu dhalachuun qabsoo uummata keenyaa kanallee tarkaanfii guddaa tokko gara fuulduraatti akka deemsissu waan nama mamsiisuu miti. Kanaaf, warri OMN irratti hojjechuuf jirtan, keessumaayuu dhalootni qubee, kan meediyaa kanarratti uummata keenyaaf  tajaajila kennuuf deemtan, gaheen isin qabsoo kana keessatti taphattani fi qoodni isin gumaachitan bakkee guddaa waan qabuuf, dirqama Oromummaa kana akka baatan mamiin hin jiru. Waaqayyoo/Rabbii  Ayyaanni Oromoo isin haa gargaaru, jabaadhaa!
Sochiin “Oromo First – Community Engagement”  bu’aa guddaa argamsiisaa waan jiruuf; OMN illee projektii sochii kanarraa madde waan ta’eef, ittifufunn sochii kanaa baay’ee barbaachisaa dha. Sochiin kun, xinnaatee yoo xinnaatlleee, Oromoo walitti fiduuf; kan walitti mufatee walirraa fagaate walitti dhiyeessuuf; Oromoo tokkoomsuuf; akka walbira dhaabbatan taasisuuf,… qooda guddaa waan gumaachuuf, biyyoota hundattuu godhamuu qaba, ittifufuus qaba jedheen amana. Karaa biraatiinis, OMN jabaatee, sagantaaleen isaas bareedaa yoo ta’an, caalaatti uummata keenya harkisuu waan danda’uuf, uummatni keenyas akka isa bira dhaabbatani fi cimsan taasisuu danda’a. Kanaaf, hojiin OMN dalagu asirratti hedduu murteessaa dha. Dumarratti, “Ani yoomiyyuu dura Orommo” dha jechaa, Sabboonaa keenya Obboo Jawaar fi akkasumas warra isa wajjin hojii cimaa dalagaa turani fi jiran, kan projektii isanii kana dhugoomsuuf tattaaffii walirraa hin citne godhaa turani fi ammas itti jiran hundaa galateeffachuun barbaada. Galannii keessan bilisummaa Oromoo ti. Injifannoon xumuraa kan uummata Oromoo akka ta’u shakkiiin hin jiru.
Galatoomaa!
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com