Caamsaa 1,2014 Finfinnee
- Mootummaan wayyaanee Garboomfataa dha
- Siidaan Minilik Haa buqqa’u
- Ilmaan Oromoo ajjeefamaniif wayyaaneen itti gaafatamummaa haa fudhatu
- Saaminsi lafaa haa dhaabbatu
- Sagaleen Oromoo haa dhagahamu
- Gumaa Gootawwan keenyaa ni baafanna
- Finfinneen handhuura Oromiyaati
Kanneen jedhanii fi kanneen biroo dhageessisuun hiriira jabaa gaggeessaa jiru. Mootummaan wayyaanee gaaffii abbaa biyyummaa finiinaa jirutti kan baarage waraana Agaazii bobbaasuudhaan ilmaan Oromoo fi Barattoota Oromoo reebuu irratti argama. Mootummaan waraana bobbaasuu irra gaaffii mirgaa kan bilisummaa fi Walabummaa osoo deebise isaaf salphata jechuun Qeerroon Yuunivarsiitii Finfinnee addeessuun Uummatni Oromoo bakka maraa ka’ee falma jabaa akka gaggeessu waamicha Oromummaa dabarsanii jiran.
=>qeerroo
No comments:
Post a Comment