Sunday, April 21, 2013


Kabajja Guyyaa Goototaaf Ibsa Ejjennoo – Munshin, Jarmani

GGOMunichGermany2013_2
GGOMunichGermany2013_4
GGOMunichGermany2013_5
Tokkummaa Baratoota Oromo Biyyaa Jarmani dame Munshin /TBOM/ saganta kabajjaa Guyyaa Gootota Oromoo geggefachuuf miseensoota isaaf Oromoota nannoo magalaa Munshin afeera godhee akka saganteefateetti sagantaa isaa milkii gariidhaaan xumuratte jira.
Akkumma beekamu sagantan irra jaalan walsimana hirmatoota,eeba mangudoota, sirna ibsa /shamma/ yaadannoo gootota QBOfi waregamani, jaalewwan dargagoo ta qabsoo Oromoo keessatti qoda gudda qabanin, Ibsa seena qabeesumma guyyaa gootota Oromoo Obbo Kasim Alitiin; Gahe gootowwaan Oromo QBO keessatti Obbo Getachew Chamadattin; Walaloo mata dureen isaa “Oromiyyaa kiyaa” kan jedhamuu dhagefachuun; gahee gootowan Oromo QBO keessatti argamisisaniif haala QBO yeroo amma irra jiruuf gara fuula duratti kan jedhu obbo abba Milkitin ibsa kenname sirna caaaqafameera.
Kana irratti hirmatootin kabajjaa guyyaa Gootota Oromo irratti argamani yaada fi marii balinnan geggesaniruu.
Tokkummaan Baratoota Oromoo biyya Jarmanii dame Munshin TBOM, yeroo bu’ureeffamee eegalee Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) tiif yaalii godhaman hundaaf degarsa barbaachisaa gochaa ture ammas itti jira. Kanatti dabalees yeroo garaa garaatti miseensota isaa tiif wal ga’ii fi seminaara gochuudhaan, guyyaa yaadannoo WBO fi gootota Oromoos kabajuudhaan, waggaa wagaattis kora gegeefachuudhaan, adaa gudisuuf yaali godhamuu keessatti galgala bashannanaa Oromoo qopheesuudhaan hojii dansa hojechaa ture; ammas itti jira itti fufas. Guyyaa haadha kanas TBOM magaalaa Münchenitti kabajjaa guyyaa Gootota Oromoo sirna ho’aadhaan kabajeera. Guyaa kana gootowwan baroota dheeraa fuulduraa eegalee qabsaawota yookaan gootota Oromoo ummata Oromo hacuuccaa fi bittaa mootumoota Habashaa jalaa bilisaa baasuuf jecha yeroo fi haala garaa garaa keessatti kan jijjiirraa hin qabne lubbuu isaanii dabarsanii kennan yaadachuun kabajan gegeefameera.
Akkuma beekamu guyaan gootota Oromoo kan kabajamuu maluu Ebla 15 yoo ta’ee iyyuu haala jiruu fi jireenya namoota biyyaa ambaa kana irraa kan ka’e guyaa, yeroo fi haala namootaaf mijachuu danda’u filaachuun guyaa hadha kana akka kabajamu ta’eera. Xumura guyaa yaadannoo kana irratti miseensonni TBOM fi Oromootni nannoo kanarra argaman ibsa ejjennoo akka armaan gadiitti baafataniiru.
1. Dhiibbaa mootumaan wayaanee uumata Oromoo irraan ga’eef irran gaha jiru, kan akka hidhaa, ajeechaa, miraga dhabsiisuu, amantii keessa galee dhimma siyaasa isaa gegeefachuu dura nii dhaabanna.
2. Walitti bu’iinsa uumata giduutti adeemsifamee lubbuun namoota hedduu yerootii gara yerootti darbu, kana mootumaan abba hirree biyicha bitaa jiru furmaata itti kennuu dhiisuu isaa nii mormina.
3. Kabaja guyaa goototaa kana irratti hundaa’uudhaan, dhaabilee fi qaamoleen siyaasa Oromoo tooftaa siyaasaa kamiin iyyuu waa’ee uumata Oromootiif sochii godhan martinuu garaagarumaa ilaalcha siyaasaa qaban waliif kabajaa wanta tokko isaan godhu dantaa umata Oromoo dursuudhaan isa boodeetti hafumaa ta’e wal irratti qabsaa’uu caalaa farra uumata Oromoo kan ta’e hunda irratti akka qabsaa’uutti wal tumsan maqaa fi seenaa gootota wareegamaniitiin nii gaafanna.
4. Walumagalattii Tokkumman Baratoota Oromo Biyyaa Jarmanii /TBOJ / haala fi adeemsa QBO yeroo gara garaa jiruuf ture hubannoo guddadha ilaale furmaata in fudhate walaba taanee Jaarmmiyyoota Siyyaassa Oromoo bilisa ta´an kammiinuu otoo addaan hin baassiin QBO irratii kabajaaf wal hubanootiin akka hojjenuu fi deggersa barbaachisaa ta’an goonu labsuu keenya dabalatan guyyaa hadha kana isin yaadachiifna.
5. Akka TBOM ti tataafii gochaa jirruun garee siyaasaa tokko jala taa’aanii isa tokko arrabsuun, abaaruun fi maqaa wal-balleessuun seenaa ilmaan Oromoo keessaa raawatee dhaabachuu akka qabu irratti hojechaa jirra; kanneen gocha aadaa fi seenaa umataa xureesu kana irratti bobba’anii jiran maaras akka of qusatan nii hubachiifna.
6. Kaayoon keenya dhaabbolee Siyaasa Oromoo gidduutti rakkina ka’u itti tuqannee baballisuu otoo hin taane qaama furmaataa ta´uudhaan dalaga keenya gara fuunduraati itti fufinu gaafatina.
Injifannoon Umata Oromoof!
Qabsaawaan nii Kufa Qabsoon itti fufa!
KHG TBOM
20 Ebla 2013
München, Jarmanii
GGOMunichGermany2013_6
GGOMunichGermany2013_7
GGOMunichGermany2013_8
GGOMunichGermany2013_9
GGOMunichGermany2013_10
GGOMunichGermany2013_11
GGOMunichGermany2013_12
Source gadaa

No comments:

Post a Comment