Wednesday, July 31, 2013

Diddaan Qeerroo Godina Wallagaa Aaanaa Anfilloo Itti Fufuu Irraan Mootummaan Wayyaanee Jeeqame

Adoolessa 30,2013 Anfilloo

OromiaALutaContinua2011FDGAkkuma beekamu baatii hedduu kan hin turre mootummaan wayyaanee qabeenyaa uummata oromoo saamee fi saamsisuu irra darbee naannolee adda addaatti qabeenyaa saba oromoo qofa mancaasisee uummata harka-qallina jireenyaa fi hiyyummaaf saaxilaa jiraachuun isaa kan beekame tahee,yeroo dhiyoo asitti jiraattota qonnaan bulaa godina Qellem aanaa Anfilloo jedhamu irra jiraatan ajajamuu diduu irraan,qabiyyee uummataa qabeenyaa isaatti jijjiirrachuun yakka sababa hin taaneen uummata oromoo mana hidhaatti guuraa akka ture,qabeenyaa uummmata oromoo addatti qabeenyaa Bunaa jireenya uummata naannoo kanaaf hirkoo kan tahe bor qarshii miliyoona baasuu danda’u uummata kana waan godhu dhabuu irraan qabeenyaa Bunaa ciree balleessaa tureera,kunis doorsisa bittaa isaa tahullee uummata kana mana hidhaatti guuraa jirtu.
Haalli kun amma illee daran hammaachaa deemuu irraan ummatis diddaa isaa itti fufee jira.
Haala kanaan Qeerroon aanaa Qeellam Adoolessa 29-30,2013 barruulee warraaqsaa mormii sirna Wayyaanee fi gochaalee farraa mootummichaa kan muldhisu maxxansaa fi alaabaa ABO bakkoota adda addaatti fannisaa  jiru. Haalli kunis heddumminaan manneen barnootaa fi waajiraalee hojii mootummaa irratti waan baayyateef jecha mootummaan wayyaanee rifaatuu guddaa keessa galee jiraachuu qeerroon gabaasa.
Waraqaa maxxansuu ilaalchisee. Kun yeroodhaa yerootti maxxanfamaa ture jira. Waraqaa maxxansuu irratti baayinan tahullee hanga tokko yeroo darbe hidhamuu namootaa irratti magaalaa Muggii keessatti waraqaa dhaadannoowwan :
ü Hidhamuun Keenya Garbummaatti Nun Hambisu!
ü Wayyaaneef Hin Jilbeenfannu!
ü Amantaan Garagara Tahuun Keenya Tokkummaa Keenya!
ü Oromiyaan Ni Bilisoomti!
ü WBOn Ni Injifata!
Kan jedhu waajjiralee magaalaa fi manneen barnootaa jalatti maxxanfamee jiraachuun gabaafame.

No comments:

Post a Comment