Monday, August 26, 2013

Ajjeechaa Mootummaan EPRDF Injiiner Tasfahun Camadaa Irratti Raawwate Rakkoo Empayera Itiyoophiyaa Qabee Jiruutiif Furmaata Hin Ta’u

tasfahun-camada

Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Finfinnee | Hagayya 25, 2013
Ajjeechaa sukkanneessaa mootummaan wayyaanee Injineer Tasfaahun Camadaa irratti raawwate tuffii Uummata Oromoo maraaf qabu kan mul’isu dha.Uummatni Oromoo garbummaa mootummaa habashaa jalatti kufe jedhee guyyaan itti qabsoo irraa dhaabbate hin qabu. Sirni bulchiinsa TPLF/EPRDF Maanguddoota, Barsiisota, Baratoota, Qonaan bulaa, hojjetaa fi daldalaa akkasumas dhiiraa dhalaa fi xiqqaa guddaan Oromoo osoo nu hin hafiin baroota dheeraaf Oromummaa qofaan yakkamuun dhumaatii daangaa hin qabne saba Oromoo irraan gahaa yoonaan gahe. Qe’ee irraa arii’aa, saamaa fi darara daangaa hin qabnes saba Oromoo irratti hammaachuun itti fufee jira.
Haalli kun daran bifa gara jabina hamaan ittin fufuun yeroo ammaa dhiibbaan mootummaan EPRDF uummata Oromoo irraan gahaa jiru daran hammaachaa dhufuu irraan, Guyyaa har’aa Hagayya 24, 2013 Injineer Tasfaahun Camadaa waggoota toorbaaf mana dukkanaa keessatti erga ukkaamsuun dararaa gara garaan irraan gahaa har’a Hagayya 24,2013 mana hidhaa Qaallittii keessatti ajjeesuun yeroo dhagahamu Injiiner Tasfahun Camadaa ajjeefamus qabsoon Oromooo akka ajjeefamuu hin dandeenye mootummaa Wayyaaneef mirkaneessina.
Ammaan duras dararaa hidhaa keessatti irraan gahamaa ture irraa ka’uun Injineer Tasfaahun Camadaa dhukkubsatee akka waldhaanamuuf irra deddeebbiin bulchitoota mana hidhaa TPLF gaafatus deebiin argate diddaa ta’uu isaatiin irraan kan ka’e miidhaan akkaanii irra gahaa ture. diduun isaanii kan beekamu dha. Mana hidhaa Qaallittii keessatti Oromoota qaroo ta’an heddumminaa midhuu fi ajjeessuun aadaa Wayyaanotaa yoo ta’e iyyuu Barataa Alamaayyoo Garbaa, Gaaddisaa Hirphaasaa fi Tasfahun Camadaan hammeenya daangaa hin qabneen wareega kafaluun isaanii mooraa qabsoo Oromoo fi uummata Oromoo biratti godaannisa hin dhinne ta’ee muldhataa jira.
Mootummaan Wayyaanee gaaffii uumata Oromoo bifa laalaa hammeenya daangaa hin qabneen furuuf tattaafatus rakkoo biyyattii daran jabeessa malee sirnicha kufaatii fi seena dabaa galmeessuu isaa irraa isa hin oolchu. Godhchaa Wayyaanotaa kanas Qeerroon Bilisummaa jabeessee balaaleffataa mootummaan Wayyaanee fi sirni bulchiisi EPRDF itti gaafatamummaa jalaa akka hin bane gadi jabeessuun Qeerroon Bilisummaa beeksisa.
Oromoonni biyya keessaa fi ala jiran marti wareegama ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru kana dura dhaabbachuuf bakka maratti sagalee keessan aduunyaan akka dhagahu taasisuun fadoomina isaa beeksifna.
Qabsaa’aan ni Kufa. Qabsoon itti fufa!!
Injifannoo Uummata Oromoof!!

No comments:

Post a Comment