Wednesday, September 25, 2013

Ayyaanni Kabajaa Guyyaa “Alaabaa Wayyaanee” Oromiyaa Godinotaa Gara Garaa Keessatti Diddaa Ummataan Fashale.

Godina Lixaa Shawaa Magaalaa Amboo irraatti guyyaa kaleessaa Fulbaana 23,2013 Guyyaa Ayyaanaa Alaabaa Ethiopia ykn kabachiifachuuf jecha  baatii tokkoo fulduraa uummataa dirqiin akka bahee kabajuuf ololaa kan ture guyyaa kalleessaa diddaa uummataa Amboo fi nannoo ishee kanneen akka Anotaa Gudar, Xiiqur Inciinnii, Dannoo, Calliyaa Geedoo, Midaa Qanyii Ballaammii, Iluu Galaan Ijaajjii, Gincii, Jalduu, Adaa’aa Bargaa, Meettaa Roobii fi Gindabarat fa’itti utuu hin kabajatiin hafuun Caasaan wayyaanee illee bakkotaa adda addaatti qoodaa irraa fudhachuu kan didaan ta’uun Wayyaanee rifaasisee jira.
Haala kanaan Mootummaan Wayyaaneen hidhatootaa fi poolisotaa of harkaa qabdu bobbaasuun uummataa akka dirqiin ummmata baasaniif ajaja dabarsanis uummaannii ajaja wayyaanee kanaa hin fudhannuu, ayyaannii alaabaa kun kan saboota Habashotaa waan ta’eef nu hin ilaallaatu, nuti alaabaa mataa keenyaa kan Oromiyaa ni qabna gaafaa Oromiyaan bilisomtuu faajjii keenyaa ol kaasuun kabajannaa malee fajjii diinaaf hin jilbeeffaannuu jechuun mana gadii ba’uu diduun wamichaa wayyaanotaa lagachuun jibbinsaa fi mormii sirna nama nyaataa wayyaaneef qabuu ifatti mul’isuun guyyaa kabaja wayyaanee kana salphisee jira.
Haaluma walfakkatuun Godinotaa akka Kibbaa Lixaa Shawaa, Jimmaa, fi Iluu Abbaa Booraa, Aanotaa garaagara godinotaa kanaa keessaatti uummaannii guyyaan kabajaa ayyaanaa alaabaa abashotaa ilmaan Oromoo fi Oromiyaa hin ilaallatuu jechuun ajaja dirqiin
guutamee Wayyaaneen dabarsituu hin fudhannuu jechuun walga’ii kabajaa ayyaana isheef wayyaaneen godinotaa fi aanotaa irraatti waamtee ummataa waraabuun karaa foddaa TV EPRDF ummaanni na jaalataa alaabaa keenyaa kabajaa jira, alaabaan keenyaa alaabaa bilisummaati jechuuf qophooftee ummataan duraa fashalaa’e. Qeerroon Bilisummaa Oromoo Alaabaan Wayyaanee kun alaabaa
gabroomsaaa kan mirgi dhala namummaa ittin sarbamee, kan mirgii amantaawwaanii itti sarbamee, kan bilisummaan Ummataa Oromoo fi ummatotaa biyyaattii ittin sarbamee fajjii garboomsaa ta’uu ummaannii keenyaa fi dargaggoonnii Oromoo kana hubatuun bakka hundaattii kabaja fajjii garboomsaa kana akka balaaleffaannuuf duraa dhaabbannuu, jechuun dhaamsaa uummataa Oromoo hundaaf bifa garaagaraan dabarsa.

No comments:

Post a Comment