Tuesday, September 10, 2013

Goota Inji. Tasfahun Camadaa fi Oromota Kofaletti Ajjefamanif Sirni Dungo Ibsuu Washington DCtti geggeffameef.

Sirni dungoo ibsuu goota Oromoo Injinar Tasfaahun Camadaa fi Oromoota nagaa magaalaa Kofaleetti mootummaan abbaa irree fi fashistii Wayyaanee ajjeese yaadachuuf Jimaata Hagayya 30, 2013 galgala galma Waltajjii Oromootti (OromoCenter) haala fi sirna boonsaatiin bakka uummati baayyeen argametti kabajame. Sagantaa kana mata durummaan ka qopheessan Waldaa Walgargaarsa Dargaggoota Oromoo (WWDO) fi Ijaarsa Dubartoota Oromoo Adunyaa (IDOA) yoo ta’an dargaggooti Oromoo naannoo DC fi Maryland jiraatan dhuunfaadhaan qophii sana keeysatti qooda fudhachuudhaan sirni yaadannoo kun akka milkaa’uu fi fiixa bahu tahee jira.
IMG_1732IMG_1733
Galgala kanatti sagantaa sa’aa 6:00w.b. eegalee geggeeffameen sirni yaadanno daqiiqaa muraasaaf erga raawwateen booda seenaan goota Oromoo Injiinar Tasfaahun Camadaa ummata achitti argameef kan dubbifame yoo ta’u, haala ajjeechaa fi miidhaa ummata Oromoo magaalaa Kofalee irra gahees ibsi kennamee uummata hubachiisuun dandayamee ture. Seenaa barumsaa, jireenyaa fi qabsoo boonsaa Injiinar Tasfahun Camadaa haga dhuma lubbuu isaatiitti keessa dabre dargaggoota Oromoof fakkii gaarii fi jabinaa akkasumas kaka’umsa dargaggooti Oromoo yeroo ammaa agarsiisaa jiraniif humna akka ta’e dhugoomsee jira. Ajjeechaan Oromoota nagaa magaalaa Kofaletti mootummaa abbaa irree Wayyaaneetiin ta’es gaaffii haqaa fi ka mirga amantii ummati keeyna dhiyeessaa jiru dhaamsuu irra caalatti ka jabeessuu fi ummata Oromoo amantii Isalaamaa hordofus ta’e amantii biraa hordofu tokkomsee gaaffii eenyaumaa fi abbaa biyyummaa isaaf akka ka’u ka taasisu ta’uun isaa ibsa kenname keeysatti jala muramee jira. Gaaffiin mirga amantii impayira itophiyaa keeysatti waggaa tokkoof walakkaadhaaf ka geggeeffamaa jiru yoo ta’u mootumman abbaa irree Wayyaanee garuu sababa golga amantiitiin jibiinsa ummata Oromoo irraa qabuun kan iratti xiyyeeffatee jumlaatiin ajjeessaa turee fi ammas itti jiru ummata oromoo qofa irratti ta’uun isaa mootummoti Habashaa hagam gaaffiin Oromoo biraa dhiyaattu uute isaan qabuu akka dandeessuu dursanii waan beekaniif obsa ummattoota kaaniif qaban ummata Oromoof akka hin qabne kan mul’isu ta’uu isaa ibsuma galgaala kana godhame keeysatti addeeffameera.
IMG_1734IMG_1730
Galgaluma kanatti hasawaan waldaalee fi qaamota hawaasa Oromoo magaalaa Washnigton DC fi naannoo ishii jiraataniin taasifamee ture. Bakka buutoti Ijaarsa Dubartoota Oromoo Adunyaa (IDOA) fi Waldaa Walgargaarsa Dargaggoota Oromoo (WWDO) wal-duraa duubaa hasawa taasisaaniin ummati Oromoo yeroo itti sadarkaa murteessa irra gahee irra waan jiruuf diina qe’ee isaatti dhufee isa lafa irraa bal’eessuuf muratee ka’e dura dhaabbatee ifirraa deebisuuf bakkuma jirutti lagaa fi amantii akkasumas ilaalchaan osoo wal hin qoodin gurmaa’udhan qabsoo haqaa fi kan abbaa biyyumaa isaa akka finiinsee bakkaan gahatu dhaamsi dabree jira.
Akkasumas, Oromooti bebbeekamooni fi bakka bu’ooti waldaalee amantii bakka sanatti argamanii ummata Oromoof dhaamsa ijaarsaa adda addaa kan dabarsan yoo ta’u, keeysattu dhaamsi irra caalaan ka irratti xiyyeeffate dargaggoota Oromoof ta’ee yeroo ammaan tana yeroo diinni Oromootti akkas dulaa jiruu fi jiruu fi jireenyi ummata oromoo akka hin taane ta’aa jirutti dirqami dargaggooti Oromoo irratti kufee jiru baayyee guddaa waan taheef caalaatti jabaatanii dirqama lammii isaanii badii irraa hambsuu irratti akka bobba’ani dhaamanii jiru.
Sirna dungoo ibsuu kana irratti walaloowwan goota Oromoo faarsan dargaggoota Oromoo lamaan kan dhiyaataan yoo ta’u, sagantaaleen goota Oromoo kana ittii yaadatamus addatti kan geggeeffamee ta’uun hubatameera.

No comments:

Post a Comment