Monday, September 16, 2013

Hayyufi Ogeesi Ispoorti Beekaman Oromoo Lubbuu Dhabee



(YouTube Archives)
Ilmaan Oromoo yeroo yeroon, akka Qananisa injifanno battala ispoorti adunya irratti galmeesun akka ummatatti guddo nu onnachissani hingammanafi. Oromoota ispoortiin gumaata gugudaa kennani dabranilee hinyaadana.
Hayyufi ogeesi ispoortii, 1960s jal qabee bara dheerafi Universiti Itoophiyaa keesati sadarkka garagarati akka bulchaafi barsiisa ispoortiti tajaajila ka ture Soraa Jaarsoo Sabbo fayya dhabaan kalee 09/14/13 magaala Finifineeti du’aan nura fagaate jira. Soraa Jaarsoo dhalooti isa naano magaala Meega kutta Boorana yo tahuu, eega barnoota kuta lameeso Itoophiyaati fixatee duuba EasternEuropetti dedeebi’udhan barnoota sadarka ulaana haga Mastersiiti (Masters in Sports Science and Education) fageeffate turee. Soraan dandeetif kabaja oggumaa isaatif qabuu irra, Itoophiyaa keesati, namoota 1960s-90s Universiti Finfinee keesati bartoota isa turaniifi kan waliin tajaajila kenaa turan birati namaa ulfinaaf jaalala gudda qabu turee. Soraa Jaarsoo namoota (Oromoof ka qomoo dhibiile) biyya Itoophiyaa keesaaf sadarka adunyaatti ispoortiin beekaman heddu, Ababa Biqilaa dabalatee, namaa ogumaa ispoortiin jajabeese yero yerooti akka injifanoon gugudaa galmeesan taasisse. Gama biraatiin Soraan saboona Oromoo ka saboontota Oromoo, keesatu dargagoota Universiti, torbaatomoota kessa qabso bilisumma Oromoo yero duraatif biffa jidugaleesan uttubuuf kalatiin socho’aa turn yaadaan jajabeesuf haala rakkisa ta’e keesati teeso ufii dahoo marii taasisuun Oromoota gumaacha gudaa godhan keesa nama tokko.
Obbo Soraa Jaarsoo Saboo akka hayyuf ogeesa jabaa Oromootiif saboona seena qabeesati yaadacha, isaa biyyeen haa sablattu jechaa, hariyaaf warra isaatii jabeena Waaqa kanacha irra hafaa jenaani.
Hariyaaf baratta isaa irraa

No comments:

Post a Comment