Monday, September 2, 2013

Irrecha

Aadaa fi Duudhaa sirna Waaqeffannaa keessaa inni tokko Ayyaana irreeffannaa ykn irreechati. Sirni Duudhaa irreechaa gosa hedduutti qoodama. Kunis, Irreessa Malkaa, Irreessa Tulluu, Irreessa Galmaa / Gimbii, Irreessa Ujubaa, Irreessa Dakkii, Irreessa Jilaa fi Irreessa Eebbaa ykn Galataa fi kkf.
Akkaa fi akkaataan irreeffannaas akkuma sirna isaatti addaa adda. Ammatti kan bal’inaan irraa dubbannu Irreecha yeroo ammaatti biyya keessaa fi alatti beekamee fi kabajamaa jiru, Irreecha Malkaati. Irreechi Malkaa kan kabajamu, ganni yeroon rakkinaa fi dukkanaa dabree birraan yeroo bari’u, sirni Gubaa erga raawwatee booda, ummanni gamtaan Malkaa bu’uun irreeffatee Waaqa galateeffata.
Ammaaf Irreecha Malkaa isa biyya keessaa fi alatti bal’inaan beekamaa fi kabajamaa jiru irraa hanga tokko waa addeessuu yaalla.
Ayyaanni irreechaa osoo hin gahiin dura waanti raawwataman hedduutu jiran. Kunis seera yayyaba shananii hordofuudhan torban shan dura eegala jechuudha. Ji’a hagayyaa torban sadaffaa keessa birraan bari’uu ykn seenuu isaa kan ibsu, sirna Muka ( korma) dhaabaa kan jedhamutu raawwata. Bakki mukti dhaabaa kun dhaabatu Mijirii jedhama. Mijiriin kun bakka Gubaan itti gubamu ykn bakka ayyaanni ibsaa gubaa raawwatudha. Mukti dhaabbatu 9 ykn 5 ta’an. Kunis hiika mataa ofii qaba. Guyyaa muka dhaabaa irraa eegalee hanga gaafa Gubaatti torban torbaniin waanti godhamu ni jira. Gaafa torban shanaffaa ykn Fulbaana ji’aa dhumaa yeroo ta’u sirna Gubaatu raawwata. Masqala jechuudha. Ayyaana masqalaa kana warri amantii Ortodoksii gara amantii isaaniitti harkisuuf haa yaalan malee gochaa fi seenaan wanti isaan deeggaru hin jiru. aadaa Oromoo fudhatan.
Guyyaa gubaa kana ollaan maatii waliin walitti dhufee bakka Mijirii sanatti erga ibsaa gubee dhibaafatee, eebbifateen booda dubartoonni Qunnii (Ingiccaa) guban, dargaggoonni sirba ” Hiyyooko ykn Ya habaab yaa daree ko” jedhamu sirbaa ollaarra naannawanii kennaa fudhatan. Torban isaatti ammoo sirna Ayyaana Irreechaatu raawwata. Gubaan kan dhuunfaa fi ollaati. Irreechi ammoo ayyaana ummanni gamtaan Malkaa bu’ee, dukkana gannaa keessaa gara Booqaa Birraatti nagaan cehuu isaaf kan galateeffatu Guyyaa Galatoo ( Thanksgivings day) jechuudha.
Sirni gamtaan Irreeffannaa kun osoo dhiibbaa amantii fi sirna bulchiinsa alagaatiin hin dhorkamiin dura Oromoon naannoo qubatee jiru maratti ni irreeffata ture. Keessumattuu bara mootummaa Dargii sana aadaa ” duubatti hafaa” jedhamee Galma Qaalluu gubuu fi waan Oromoon aadaadhaan raawwatu mara dhorkuun dhabamsiisuuf yaalan. Sababa kanaa fi babal’ina amantii Isilaamaa fi Protestantiin walqabatee bakka hedduutti sirni irreeffannaa fi amantiin Waaqeffannaa ni dhorkame. Dhiibbaa kana irraa damdamtee kan hafe keessaa tokko Ayyaana Irreechaa Hora Arsadii Magaalaa Bishooftuutti kabajamudha.
Ayyaanni Irreecha Hora Arsadee qindoominaa fi hirmaannaa ummata bal’aan kabajamuu kan eegale bara 1997 irraa kaaseetu. Isa dura ummatuma naannoo sanaa fi keessattuu warra aadaa Waaqeffannaa hordofaniin ture. Bara 1997 keessa koreen tokko maqaa Guddinaa fi Dagaagina Aadaa Oromoo jedhuun WMT jalatti ijaaramtee Ayyaana Irreecha Bishooftuu kana ummata beeksisuu, barsiisuu fi qindoominaan guyyaa ayyaana kanaa bakka sanatti argamuun qalbii namaa harkisuu jalqabde. Ergasii waggaa waggaan achitti argamuun barumsaa fi dammaqiinsa kennameen sadarkaa har’a ummanni kumaa fi kitilaan kan herreegamu irratti argamee kabaju irraan gahe. Kana malees Oromiyaa gara dhihaatti bakka hedduutti akka kabajamuu fi babal’atuuf karaa saaqe.
Baroota hedduu dura jalqabee ammoo biyya alatti walduraa duubaan, USA, Germany, Norway, Canada, Australia, Keenya, Uganda fi Ertriatti kabajamuu jalqabe. Guddinni fi babal’inni kabajaa Ayyaana Irreechaa kun qaama duula Oromoon Aadaa, Eenyumaa fi Oromummaa isaa guddisuuf gochaa jiru keessaa isa tokkoo fi guddicha ta’uu mal’isa. Fuula durallee daran akka guddatuu fi babal’atu Waaqa wajjin abdii qabna.
Kabajaa ayyaana irreechaa biyya keessaa fi alatti raawwate ilaalchisee kanaan dura marsaa adda addaatti bahaa turuun ni yaadatama. Dabalataan yaadachiisuu fi bal’inaan kan hin gabaafamiin dabalatee akka armaan gadiitti kan biyyaa keessaa fi biyya alaa bakka adda addaatti kabajamaa ture laalla.

=>waaqeffannaa

No comments:

Post a Comment