Saturday, September 28, 2013

Irreecha: Guyyaa Aadaa Oromoo

(A4O, 28 Fulbaana 2013) Ayyaanni Irreecha ayyaana galateeffannaa waggaatti altokko Oromoon yeroo birraa walitti dhufee kan darbee itti galateeffatu; ka dhufu immoo itti kadhatuu dha.


Ayyaanni kun seenaa Oromoo waliin hidhata jabaa fi fulla’aa qaba. Gadaa Mormor bara 6400 caalaa fulla’ee fi Gadaa Odaa Nabee bara 1800 ol itti fufee jiru irraa adda bahee kan hin beekne, Ireechaan Oromoo, bara Oromoon nagaa fi bilisummaan jiraataa tures, bara Oromoon dhibdee fi garbummaa keessa jiraataa jirus otuu walirraa hin citiin, jabina abbootii keenyaan baroota kuma jahaa fi dhibba afurii oliif ka fulla’ee dha.
Dhalooti har’aas seenaa fi aadaa boonsaa abbootii keenya irraa dhaalan, Irreeffannaa, sadarkaa olaanaatti ol guddisuuf tattaaffii guddaatti jiran. Sababa kanaan, Irreechan, guyyaa aadaa Oromoo ta’uun akka sabaa fi biyyaalessaatti beekamaa jira. Kana malees, Irreechan, Oromoota eenyummaa fi aadaa saba keenyaaf quuqamaniif guyyaa galateeffannaa callaa miti; karaa itti waan aadaa fi eenyummaa Oromoo itti deebisanii guddisanii dha.
Irreechan guyyaa itti akka sabaatti gamtaan walarganii dhimma har’a itti jiran waliif himan, waan egeree immoo waliin qindeeffatan, guyyaa walooma Oromoo ti. Gamtaan bahanii Irreecha irratti aadaa fi eenyummaa ofii agarsiisuunis mallattoo sabboonummaa ti.

No comments:

Post a Comment