Monday, October 21, 2013

Baareentuu Gadaa: 1=5555555555 … Nee Wayyaanee

1 55555555555555…….nee  Wayyaanee  Afirikaa Hang Ameeriikaatti Diiriiree Jiru Fuundura Dhaabbachuun Dirqama Oromoo Hundaati!
Baareentuu Gadaa irraa*
Har’a Impaayera Itiyoophiyaa  keessatti namni tokko jaalallee, haadha warraa ykn abbaa warraa argachuuf 1 555555555….nee keessatti gurmaawuun dirqama ta’aa dhufeera.  Dhiirrii intala laallatee takka haadha warraa godhachuuf ykn jaalallee taasifachuuf yoo barbaade dirqama 15555555555555555…nee isaatti gabaasuu qaba. Karaa dursaa 1 555555555……nee isaatiin intalattiin 1 555555555…nee dubartootaa keessatti hammatamuu fi “Abiyootaawii dimokiraasif” amanamtuu tahuun ishii mirkanaawee heeyyamni fuudhuu dandeessa ykn jaalallee taasifachuu dandeecha jedhamu kennamaaf. Gama dubartootaatinis akkasuma jaalallee ykn abbaa warraa aragchuu isaanii 1 5555555…….nee isaanitti gabaasanii nama “Abiyootaawii Dimookiraasaawii” cuubbamee fi miseensa 1 5555555555…….nee tahuu qorachiisuu fi heeyyamsiifachuun dirqama isaaniti.
Namoonni miseensa 1 5555555555… tahuun isaanii mirkanaawee akka wal fuudhan heeyyamameef kunis yeroo cida isaanii nammoonni  isaan Miinjee,waarsaa fi Addooyyee taasifachuu danda’an akkasuma warra 1 5555555555..nee keessa jiranii fi “Abiyootaawii dimookiraasii” humnaan cuubbaman tahuun dirqama. Idoo tokko tokkootti inumaawuu Hamaamonnileen kan “Abiyootaawii Dimookiraasii” cubamee fi miseensa 1 555555..nee tahe akka tahuuf qajeelfamni wayyaaneerraa bu’uuf jedhameet keessa keessan hasawamaa jira. Maaliif jennaan akka  Hamaamoonni cidicharratti sirboota  warraaqsaa hin sirbamneef. Akka cidicharratti sabboontoonni  “Abiyootaawii Dimookiraasii” hin  cuubamnu jedhanii didan hin hirmaanneef.
Erga 1 5555555555555555….neen dhufee as baadiyyaa Oromiyaa keessa yoo gadi buutan  namni gabaa dhaqus akkasuma gabaa kam akka dhaqu, maal akka gurguuruu fi bitu dursaa 1 555555….nee isaatti himuu fi gabaasuu qaba.  warra du’aas akkasuma  “Firri kiyya du’e, abaluun koo najalaa du’ee” jedhanii awwaalchaaf fardaa-lafoon fiiguun hafeera. Dirqama osoo awwalcha hin dhaqin eenyutu du’e, maaliif du’ee, eechatti du’e, eessatti awwaalama? Osoo hin du’in dura 1 555555…nee keessa hin jiramoo hin jiru? Ilaalchi isaa hoo akkam? Kan jedhu dursaa 155555……neetiin dursee beekamuu qaba. Dhugaa kana eenyuuyyuu jaalatee jibbee, eenyuuyyuu amanee dhiisee; wayyaaneen har’a bara bittaa fi saamichaa ishii  ittiin dheeraffachuuf jeecha Impaayera Itiyoophiyaa keessatti kallatiidhan ammoo  uummata Oromoorratti hojiirra Oolchaat jirti.
Namni waayee Impaayera Itiyoophiyaa Ordofu kamuu yeroo ammaa kana  isa wayyaaneen  maqaa Raayyaa Misoomaatiin nama namarratti ijaartee akka wal-basaasan taasiisaa jirtu tokko, shanee(1=55555555555…nee) kan quba hin qabne hin jiru.  Ijaarsa kana irri isaa Raayyaa misoomaa jedhuus keessi isaa raayyaa basaastootaa fi lukkeelee wayyaaneetiin kan guutamee dha. Baadiyyaa hanga magaalaa  namni ijaarsa kana keessatti  miseensa hin taane yeroo ammaa kana wayyaanee biratti yakkamaa dha.  “Hin barbaadu, ijaarsa 1=5555555… jedhamu kana hin fudhu, keessatti hin hirmaadhu” inni jedhe ammoo balaan  wayyaaneerraa isa qonnamu hedduu dha. Hojjetaa sivil-sarvisii; jiraataa Magaalaa taanaan akkuma hunduu quba qabu  qorannoodhaan (Gimgamaadhan) faayeliin biraa itti banamee hojiirraa ari’atama!.  Maqaan Mankaraarsaa, Gooleessaa, farraa fi gufuu misoomaa, kiraayi sassaabiduu jedhuu fi kanneen biroo itti maxxanfamanii balleessaa malee saree gabaa seentee taha. Yoo barbaachisees Maa’ikaalaawii seenee sukkuumamee bahuun Itiyoophiyaa keessatti akkuma hunduu beeku waanuma aadaa tahee dha. Daladalaas yoo tahe cubbuun inni hin beekne fi hin hojjeennee galamee wayyaaneerraa dubbifameefii Qaalliittii ykn Qilinxooti of arga.
Diddaa 1=x555555555555..nee keessatti ijaaramuu kana kan agarsiisee nama baadiyyaa yoo tahe ammoo  hunda caalaa qorichi isaa salphaa dha.  Akka baadiyyaa keessa  lafa malee jiraachuun hin danda’amnee waan beekamuufuu nama 1 55555555555555555…nee kana jibbee fi morme laficharraa buqqisanii harka qullaattii hanbisuu dha. Yookan ammoo xaa’oo fi sanyii filatamaa akkasumas gorsa ogeessaa dhorkachuun akka inni homisha gahaa dhabee hiyyoomu  taasisanii beeleessanii amansiisu dha. Horsiisee bulaas hoota’e akka Loon isaatiif qoricha hin argannee fi Bishaan walootti hin fayyadamne taasisuun hortee isaa harkaa fixanii beeleessuun  adabanii of jalatti deebisuu dha.  Kanatu har’a Impaayera Itiyoophiyaa keessatti wayyaaneedhaan cunqurfamtootarratti keessattuu saba Oromoorratti maqaa Raayyaa misoomatiin, 1 55555….needhan raawwachaa jira.
Wayyaaneen gochoolee hammeenyaa fi dabaa raawwachasa jirtu kana akka galmaan gahaniif ammoo  dabballoota hedduu bobbaaftee jirti.  Dabballoonni kun baay’een isaanii warra wayyaaneen uummattoota cunqurfamoo keessattuu uummata Oromoo saamtee qallaba safartuuf yoo tahan; garaan isaanii gunnaan Obbooleessa, Obbooleettii Abbaa-Haadha, Lammii waan jedhamu gongumaa hin beekan. Sobaa jedhamnaan ni sobu, ajjeesaa jedhamnaan  abbaa argan  ajjeesu, hidhaa jedhamnaan abbaa argan hidhu, saamaa fidaa jedhamnaan ofilleen saamanii geessu. Isa saamanis qabatanii balabala wayyaaneerra eejjatanii nurraa fuudhii kadhatu. Garaaf bultoonni maqaa 1 5555555555..tin ergama wayyaaneerraa fudhatanii uummatoota biyyattii mankaraarsaa jiran kun gama tokkoon miseensoota paartii jalee wayyaanee eennaa tahan;  gama biraatiin nama siyaasaan alaa of fakkeessanii uummata afaan faajjeesuuf yaalu. Maqaa gaggeessitoota waldaa Barsiiftootaa, Hojjettoota sivil sarvisii , Dargaggoota, Dubartootaa, Foramii, Ogeessota misooma baadiyyaa ykn DA fi kanneen biroot himatu. 1≥ 55555555..niin  ijaaramanii sochoo’uun akka gaarii tahee lallabu. Akka ijaarsii kun kaayyoo siyaasaa of keessaa hin qabnee holoolu. “Erga 1 55555555…niin  ijaaramanii hojjechuun dhufee as misoomneerra,  guddanneera, baranneera, guyyaatti 10 nyaachaa jirra, dimookiraasiin garmalee kabajamuu isaatiin  bilisummaan nu macheesseera jechuun guyyaa adiidhan haqa jiru dhoksanii soba watwaatu. Hooloolanii hololchiisuun akka uummattoonni cunqurfamoonni biyyattii keessattuu uummanni Oromoo saamicha, ajjeechaa fi hidhaa murna wayyaanee jedhamtuun irra gahaa jiru dagatu carraaqu. Sabicha gama hedduuttii qoodanii  akka wal basaasee wayyaaneetti gabaasuuf 1555555555555…niin walirratti ijaaranii sochii isaa hunda too’achuu fi bara baraan dhiittaa  fi saamicha ofii jala turfachuuf halakanii guyyaa fiigaa jiru.
Nama maqaa  guddinaa fi misoomaatiin 1 555555555555555555…….niin walitti qaanjeessanii/walirratti ijaaranii“Abiyootaawii Diimookiraasaawii” wayyaaneedha cubanii akka mirga isaaf hin falamanee fi goongumaa  of irraaffatuuf afaan faajjeessuun kun yeroo ammaa kana rakkoo biyya keessaa qofa tahaa hin jiru. Akkuma Finfinneedhaa hanga baadiyaa biyyatiititti  Dabbalootaa ishii bobbaastee maqaa misoomaa fi guddinaatiin 1 55555555555…niin walitti qaanjeessitee sochii siyaasaa uummatootaa fi qalbii  namootaa too’achuuf carraaqaa jirtu mormitootaa fi balaaleeffattoota ishii too’achuuf yoo tolees akkuma  barte butee gara biyyaa deebistee tarkaanfii ajjeechaa fi hidhaa irratti fudhachuuf dabballoota baqataa fakkaatan biyyoota ollaa Ityooophiyaa jiranitti bobbaasaat jirti. Kaan maqaa  boondii hidhaa Laga Abbayyaa bitadhaa jedhuun, kan ammoo  mana koondoomineemii fi lafa argattu jechuun sossoobdee harkatti galfachuuf yaalii walirraa hin cinne godhaa jirti. Yaa tahu malee namni ishuma wayyaaneedhaan madaayee biyyaa hari’ame  tokko gongumaa  deebi’ee ishuma wayyaaneef ni sagadaan habjuu dha. Dadhabbiin ergamtoota wayyaaneetis gama kanaan yoomiyyuu hin milkaawu. Wayyaaneen kalees har’as  Oromoodhaf diinuma waan taateef!
Deemsi shiraa fi yakkaa wayyaanee  inni 1 555555555555555… jedhu kun yeroo ammaa Kana kan finfinnee fi biyyoota Afirikaa keessatti qofa murtaawee dhaabbates miti. Yeroo ammaa kana   biyyoota Arabaatii-hanga Ardii Eezhiyaa, Awuroopaa dha hanga Ameerikaa karaa dabballoota ishii fulla’ee jira. Hawaasa  Impaayeera Itiyoophiyaarraa baqatee gamas jiru keessattuu Oromoorratti fulleeffachuun Afaan faajjeessa adda addaa uumuun qoqqooduu fi qabsoo bilisummaa isaaf godhu laaffiisuuf carraaqat jirti. Kunis dadhabuma itti taha malee Oromoon wayyaanee harka dhiigaa waliin taa’ee maaddii tokkorratti hin nyaatu.
Harr’a Dabballoonni wayyaanee biyyoota guddatan kanatti boobaafaman gama siyyaasaatiinis haatahu gama diingadeetiin wayyaanee uutuubuudhaf fardiffa fiigaa jiru. waltajjii irratti argamanirrattis  nama sayaasaan alaa,  nama bilisa tahee misooma qofa deeggaru  of fakkeessu. “Guddina biyya keenyaatif gumaata godhuu fi wayyaanee  deeggaruu maaltu walitti fide?  Guddina biyya keenyaatiif gumaacha godhuun wayyaanee deeggaruu miti “ jedhanii jechiisiisu.  Haala kanaanis uummata gidduuttii afaan faajjeessa uumanii  wayyaanee harka lafa jalaatiin hirphaa jiru.
Yeroo ammaa kana darbee darbee holoola dabballoota  wayyaaneef dhoksaadhan hojjeetan kanaatiin ‘Diyaaspoorooti’ dubbiin hin galiiniif  tokko tokko  biyya alaattis 1 5555555555555….niin wal ijaaranii maqaa Boondii Laga Abbayyaa, Lafaa Finfinnee, akkasuma koondoomineemii fi faayidaa adda addaat argattuutiin  wayyaanee jala fiiganii buusii busaat jiru.   Mahaallaqa isaanirraa guurame kanaan garuu Qawweetu bitamaa, Qawwichaanis ilmaan cunqurfamtootaa keessattuu dhalattoota Oromootu dhumaa jira. Umrii sirna bittaa fi saamichaa wayyaaneetu dheerachaa jira. Fedhiin ergamtoota kanaatiis kanuma galamaan gahuu dha.
Kaayyoon tokko shanee (1≥55555555…..)  wayyaanee walumaa galattii misoomaa fi guddina  osoo hin taane saboota cunqurfamoo keessattuu uumata Oromoo saamaa, ajjeesaa fi bitaa jiraachuuf wal basaasiisu dha. Akka tokko tahee mirgaa fi bilisummaa isaatiif irratti hin kaane walirratti ijaaranii/walitti qaanjeessanii sochii siyaas-diinagdee isaa too’achuu dha. Sababni caasaan wayyaanee Finfinnee dhaa hanga Awuroopaa  Eezhyaadhaa hanga Ameerikaa, Giddu Gala Bahaatii Hanga Awustraaliyaa diriireefis Alaa manaa saamanii kisii ofii fi kan qabsoofneef jedhan naannoo Tigraayi addatti misoomsuu dha. Faayidaan  1 55555555555neen dhalateef, hojiirra oolaa jiruuf  kanaa fi kana qofa.
Toftaan namoota walitti qaanjassanii soochii siyaasaa fi dingdee to’achuuf yaaluu kun eennaa gadi qabamee ilaalamu toftaa fokkataa fi  dubatti hafaa dha. Toftaa qoqqoodanii bituuf jecha kolanneeffattoonni Awuroopaa jaarraa tokkon dura yaalanii boodarra salphisee qullaa isaan dhaabe dha. Toftaa jaaraa 21ffaa kana keessa bakka hin qabne.
Uummanni Oromoo wal duukaa hiriiree qabsoo bilisummaa isaa gama hundaanuu jabeessinaan Wayyaaneenis yeroo gabaabduu keessattii toftaa dulloomaa fi fokkataa akkasii;  isa qabsoo bilisummaa Oromoo fundura  ittiin dhaabbachuuf wixinfattee kaate kana waliin quullaatti hafuun hin oollu. Keessattuu hawaasinii Oromoo biyyoota gara garaa keessa jiru afaan faajjessaa fi sossoobbii faayidaa xixiqqoodhan taasifamu didee tokkummaa fi  wal-tumsuu isaa jabeessee qabsoo fi sochii uummata isaa kan biyya keessa jiru gama hundaanuu deeggaraan umriin wayyaanee baay’ee gabaabaduu dha. Oromoon alaa manaa tokkummaan dhaabbatee qabsoo bilisummaa jalqabe jabeessee itti fufunaan  saamichi, Ajjeechaa fi hidhaan maqaa guddiinaa fi misoomatiin ilmaan isaarratti wayyaaneen raawwatu ni dhabbata. Basaasnii fi Ordoffiin maqaa 1 555555..nin irratti gaggeeffamu wayyaanee waliin halayyaa bu’a!
Baareentuu Gadaa: gassogeda@gmail.com

No comments:

Post a Comment