Tuesday, October 8, 2013

Godina Harargee Lixaa Aanaa Daaroo Labuu Keessatti Wal-gahiin Wayyaanee Diddaa Ummataan Fashale

Onkoloolessa 08,2013 Daaroo Labuu
OromiaALutaContinua2011FDGOlolli sirni garboomfaa Wayyaanee daangaa kan hin qabne tahuun hubatamaa dha. Qondaaloti Wayyaaneen Godina Harargee lixaa aanaa Daaroo Labuu keessatti wal gahii uummata waameen uummatni diddaa sirnichaaf qabu muldhisuun walgahicha diduu fi salgalee mormii dhageessisuun fashalsuu gabaasi nu gahe addeessa. Haalli kun kan itti hammaatee fi rifaatuu keessa buuse ergamtooti Wayyaanee uummata aanaa kanaa araddaa rarddaan walitti waamuun ABO shororkeessaa dha wayita jechuu eegalan uummatni gamtaan isintu shororkeessaadha ABOn dhaaba haqaa fi roorroo saba isaaf falmaa godhu malee ummata isaa gurguree dantaa isa jala kan kaatu miti,kijiba aamata 21 nurraa dhaaba ammaan booda mirga barbaadna jechuun dabballoota wayyaanee qaanessee jira.
Wal gahiin ergamtoota Wayyaanee kun araddaalee jiran keessatti diddaa uummataan fashaluu gabaasi addeessa. Haaluma wal fakkaatuun aanaa kana keessatti barsiisotni gamaggama hojii waggaa irratti dabballoota Wayyaaneen isin seelii diinaati wayita jedhaman barsiisotni gamtaan diinni isin lukkee Wayyaaneeti jechuun bakka wal gahiitti dhiisanii akka deeman baramee jira. Walumaa galatti Golee Oromiyaa keessatti waan Oromoof malee Oromoo irratti diinummaa oofuun hidda qabaachuu hin qabu jechuun qeerroon aanaa Daaroo Labuu gabaasee jira.


=>qeerroo

No comments:

Post a Comment