Wednesday, October 9, 2013

Haalli qaalawiinsa jireenyaa jabaachuun hojjettootni Yuunivarsiitii Haramaayaa dabalinsa miindaa hatattamaa gaafatan

Onkoloolessa 09,2013 Haroomaya
Impaayera Itoophiyaa keessatti mootummaan wayyaanee daldalaa tahuu irraa qaala’insa jireenyaa uummata mudateen hawaasni biyyattii gaaffii dabalinsa miindaa gaafachaa turuun isaa beekamaa dha. Haalli kunis daran jabaachuun dhaabbiilee barrnootaa keessatti mormii hanga hojii dhaabuu kan geessisan yoommuu tahu, Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti ammas jabaachuun itti fufe. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti dabalinsi miindaa gaaffii hojjettoota Yuunivarsiitii walii galaa kan tahe yeroo ammaa bulchinsa Yuunivarsiitii fi mootummaa wayyaanee dhiphuu guddaa keessa buusee jira. Mootummaan wayyaanee gaaffii dabalinsa miindaa, hojii dhabdummaa, qaala’insa jireenyaa guutummaan mudachaa jiru kana dura dhaabbachuuf yeroo ammaa waraana isaa duwwaatti dhimma bahaa kan jiru, waraannis dabalinsa miindaa gaafachuutiin dhiphina guddaa keessa bu’ee jira. Ilmaan Oromoo waraana keessaa fi dhaabbiilee barnootaa keessaa isintu kana qindeessa jechuun mana hidhaatti ukkaamsaa turuun isaas ni yaadatama. Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessattis barsiisotni Engineering barsiisan 28 gaaffii dabalinsa miindaa irraa bara darbe hojii dhaabuun isaanii ni beekamaa dha. Hojjettootni Yuunivarsiitii Haramaayaas deebiin hatattamaa kan hin kennamne taanaan tarkaanfii mataa isaanii akka fudhatan beeksisanii jiran.

=>qeerroo

No comments:

Post a Comment