Thursday, October 10, 2013

Naannawa Finfinnee magaala Darbaatti Uummatni Oromoo waarshaa Simmintoo Darbaa irratti diddaa jabaa kaase.

Onkoloolessa 10,2013 Fifinnee

OromiaALutaContinua2011FDGSaaminsi lafaa mootummaa Wayyaanee gaggeessuun qotee bulaa Oromoo qe’ee dhabeessa taasisaa ture lakkaawamee waan dhumu miti. Godina addaa naannawa Finfinnee Caancoo magaala Darbaa keessattis ilmaan Oromoo qe’ee isaanii irraa buqqisuun lafti waarshaa Simmintoo Darbaaf kennamee ture. Waarshaan kun akkuma dhaabbateen uummataaf waadaa garaa garaa qacarrii, manneen barnootaa dhaabuu, tajaajila bishaanii, fayyaa fi kanneen kana fakkaatan ijaaruuf waadaa galee ture. Uummatni Oromoos waan kana eeggachaa yoona gahe. Waarshaan kun waadaa isaa guutuu wayita didutti uummatni gamtaan waarshaa Simmintoo darbaa kana waadaa isaa akka xumuratu gaafatan. Yeroo jalqabaa kadhaa fi kijibaan qe’ee irraa kan buqqise waarshaan kun uummataaf dhageettii yeroo dhorkatu uummatni gamtaan yaa’uun hojjettoota waarshaa kanaa guutummaan gara itti bahan, konkolaataan gara itti deemu daandii dhorkuun diddaa jabaa gaggeessanii jiran. Diddaan kun haalaan kan jabaatee fi garaa kutannaan gaggeeffamuu irraa abbootiin qabeenyaa waarshaa kanaa waraana federaalaa uummatatti baasuun reebsisuun hojii isaanii galmaan geessisuuf yaalanis diddaan daran jabaachuun hojiin waarshaa kanaa laamsha’ee jira. Mootummaan wayyaanees diddaa kana kan qindeessu qeerroodha jechuun dargaggoota dhiphisaa fi doorsisuu irratti argama. Lafaa fi qe’ee keenya irratti abbaa murtii hanga taanu diddaa irraa hin dhaabbannu jechuun uummatni Oromoo naannoo kanaa uummata Oromoo maraaf dhaamsa dabarsanii jiran.


No comments:

Post a Comment