Sunday, October 6, 2013

Uummanni Oromoo akkuma Ayyaana Irreechaa Baranaa Kabajuuf Biyya Keessaa fi Alatti Sochii Guddaa Taasise FDG Calqabame Keessattis Hirmaannaa Isaa Jabeeysee Itti Fufuu Qaba!

Baarentuu Gadaa | Onkololeessa 6, 2013
Akkuma hundi keenyaa karaa miidiyaalee adda addaatiin arginee fi dhageenyetti yknis qaamaan hirmaanneetti; ayyaanni Irreechaa baranaa kan yeroo kamiyyuu caalaa ho’aa fi hawwataa ture.Ayyaanni irreechaa Oggaa-Oggaan sirna ho’aa fi miidhagaadhan uummata Oromoo biratti Oggoota dheeraadhaaf kabajamaa as gahe kun; bara kanas iddoo hawaasni Oromoo fi jaallattoonni aadaa Oromoo Miliyoonaan lakkaawwaman argamanitti biyya keessaa fi biyyoota alaa gara garaa keessatti kabajameera. Kabajini ayyaanichaa iddoo hundattuu sirna hoo’aa fi miidhagaadhan akka aadaa Oromootti dhugeeffatame. Keechattuu isa Oromiyaa Magaalaa Bishooftuu, Hora Harsadiitti kabajame’ratti uummanni Oromoo Miliyoonni hedduun danqaraa mootummaa wayyaaneerra tarkaanfatee kabajachaa ooleera. Ayyaanichiis uummanni Oromoo; uummata baha Afirikaa keessaa aadaa, seenaa fi duudhaa jaarraa heddu lakkoofsise qabu tahuu aadduunyaa fi goomattoota aadaa Oromootiif muldhiseera.  Warri seenaa qoratanii fi barreessan kanneen sirna Irreeffannaa kana irratti qaamaan argamanis kanuma mirkaneessan. Irreechi baranaa; Oromoon ammam akka aadaa, seenaa fi duudhaa isaa irratti tokkummaa fi cichoomina qabu kan hubachuu danda’u hubachiiseera. Fuunduraafis haaluma wal-fakkaatuun aadaa, seeenaa fi duudhaa isaa caalaatti cimsee  isa gabrummaa jala jiru gabrummaadhaa baasee akka dhaloota itti aanu dhaalchisu ifatti yayyabeera. Ummanni Oromoo gama hundaanuu akka funduratti malee seekondii takkaaf duubattii hin deebine jala sarareera. Karaa adda addaatiin muldhataa fi hawwii isaa ibsateera jechuutu danda’ama!
Guyyaa ayyaanichaa uffannii aadaa Oromitichii fi Oromtittiin akkasumas jaallattoonni aadaa Oromoo uuffatanii bahan, Faaruun sirnichaa, duudhaanii fi ta’insi iddoo irreechaa kan ture kan yoomituu caalaa barana Oromoo gammachiisee diinoota Oromoo kanneen akka Wayyaanee fi Abisiyaanootaa aarseera, abdiis kutachiiseera. Oromoon ammaan achi akka harka isaanii jala hin bullee fi buluus hin barbaannee dhaamsa gahaa fi akeekkachiisa barbaachisu dabrseef yoo jedhame dhugaarraa fagaachuu hin tahu! Oromoon biyya isaarratti akka abbaa biyyaa tahuuf sochii walirraa hin cinne godhaa jiru, akka diddaan gabrummaa calaqabame finiinee itti fufaa jiru, akka biyya isaarratti abbaa waa mara isaa tahuuf xiqiin hojjeechaa jiru; firaa- halagaa hubataaf hubachiiseera. Akka ammaan achi dhiibbaa, hidhaa, ajjeechaa fi dararaa diinaa sodaachuun waan godhuu qabu godhuu hin dhiifne dhalli Oromoo Irreecha  baranaa irratti argame alaa-manattuu tolchee argisiiseera. Tokkummaa fi wal-mararfannaan  dhala Oromoo gidduu jirus kan yeroo kamiyyuu caalaa akka qara biiftuu ganamaa calaqqisaa dhufuu kan hubate hubateera. Deemsi kun ammoo Oromoon Bilisummaa isaa gonfachuuf  daandii calqabe gara xumuraarraan gahaa jiraachuu namatti argisiisa, mirkaneessas!
Ayyaani irreechaa bara 2013 kun akkuma hunduu quba qabu  kan Bishooftuu  Hora-Harsadii qofattii kabajamee hafee miti. Malkaalee seerri Gadaa heeyyameef  hundumarattuu Oromiyaa godinoota adda addaa keessatti sirna yeroo kamiyyuu caalaa  miidhagaa fi hoo’aa taheen kabajameera, kabajamaat jira!  Oromoo aadaan isaa duudhaan isaa walumaa galatti eenyummaan isaa bahaa lixaa,  kibbaa-kaabatti maal fakkaata kan jedhu sirnaan calaqqiseera. Tokkummaan, leellistummaan aadaa ofii iddoo hundattuu karaa nama ajja’ibsiisuun ifeera. Fuunduraafis kan kana caalu hojjeechuudhaan aadaa, afaanii fi seenaa uummata Oromoo gabrummaa jalaa baasuf waadaan galameera. Kun diina gar-malee rifachiisera,lammii gabrummaa jala jiru ammoo haalaan abdachiiseera.
Walumaa galatti Ayyaanni Irreechaa baranaa Oromoo fi jaallattoota aadaa fi  bilisummaa Oromoo hedduu boonse; Diinota,jibbitoota  aadaa fi bilisummaa Oromoo tahan ammoo mataa cabseeera.  Maddii dhugaa kanaa ammoo of tahuu,waan ofii kunuunsuu fi kabajuu Ilmaan Oromoo biyya keessaa fi biyyoota alaa jranirraa maddee dha! Kun cimee itti fufuu qaba!
Irreechi kun cimee, babalatee itti fufuu isaatin Oromoo hunda bakka tokkootti fidee eenyuummaa isaaf hiriirsuurra jiraachuun dhoksaa miti. Dhugaan dhugaa kana mirkaneessu ammo ayyaanichi  akkuma biyya  keessaa biyyoota alaattiis sabboontoota jaalattoota adaa Oromootiin qindaayee haala hoo’aa fi hawwatummaa qabuun hawaasa Oromoo biyyoota gara garaa keessa jiran heddu hirmaachisee kabajamuu isaati.  Hawaasni Oromoo Biyyoota akka Neezeerlaand, Kaanaadaa, Ameerikaa, Noorway fi kanneen akka Kibba Afirikaa faa keessa jiraatu fakkeenya guddaa dha. Yeroo ayyaannii irreechaa kun biyyoota kanaa fi kanneen biroo keessatti kabajameetti  qindeessitoonni fi hawaasini Oromoo ayyaanicharratti  argame tattaaffiin inni aadaa fi eenyummaa isaa jabeessuf  taasise kan yeroo kamiyyuu caalaa boonsaa fi olaanaa dha. Sochii bilisummaa Oromootif taasifamu keechattis kan iddoo guddaa qabuu dha. Tokkummaadhan aadaa, afaanii fi seenaa ofiitiif dhaabbachuun  naanna’ee naanna’ee qabsoo bilisummaaf taasifamuuf uutubaadha.Gufuu  balabala diinaarratti ijaaranii diina bahaa gala dhorkuu dha!
Oromoon eessayyuu jiraatu afuura ayyaana Irreechaa (aadaa isaa kabajachuuf) agarsiisee kana cimsee dhimma isaa kan waloo qabsoo bilisummaaf godhamu keessattis itti fufuu qaba. Akka  tokko tahee  kaanaan wayyaanees haa tahu diinni bifa kamiituu isa fundura dhaabbachuu hin dandeenye  muuxannoolee jiranirraa hubatee mirga isaaf ka’uu qaba. Qaawwaa kamiyyuu cufatee diina isaa’ra aanuuf ka’uun fardii dha. Keeysattuu hawaasni Oromoo biyyoota alaa jiru akkuma eenyummaa isaa argisiisuu fi guddisuuf biyya ambaatti carraaqaa jiru qabsoo bilisummaaf godhamus tokko tahee utubuuf cichoominaa fi tokkumaan ejjeechuu qaba. Hirmaanaa qabsoo godhaa ture caalaatti gabbisee qooda lammummaa isaa ba’achuutu  gabrummaa kuffisee bilisummaa dhiheessa! Duudhaa fi aadaan bilisummaa hin qabne, gabrummaa jala jiru, uummanni biyya abbaa isaarratti gabroomee jiraatu akka aadaa fi seenaan isaa oolee bulee baduu malu hubatanii ka’uu barbaachisa. waliin socho’uu fi qabsaawuun  dirqama hunda keenyaa waan ta’eef!
–Baarentuu Gadaa can be reached at gassogeda@gmail.com

No comments:

Post a Comment