Friday, October 18, 2013

Wallaggaa,Aanaa Hawaa Galaan Keessatti Ayyaana Masqalaan Wal Qabatee FDG Gaggeefameen Oromooti Hidhaman.

Onkoloolessa 18,2013 Dambi Doollo

BilisummaaGabaasaa godina Wallaggaa annaa  Qellem,Hawwaa Galaan irraa boodana nu dhaqabe akka addeessuttti Fulbaana 27,2013 ayyaana masqalaa sababeeffachuun uummanni Oromoo jiraattota Hawaa Galaan ta’an walitti dhufuun sirboota aadaa Oromoo fi  qabsoo dhageessisuudhaan tokkummaa uummataa fi sochii warraaqsaa deemsisaa waan turaniif dabballootaa fi bulchitoota Wayyaanee naannichatti argaman garaa gubaa akka turan gabaafamee jira.
Haalli Oromoon ittiin ayyaana ayyaanefatuu fi sochii guyyaa masqalaa kana irratti taasise milishoota Wayyaanee biratti yakka waan jedhaniif sabboontota Oromoo kanneen ayyaana masqalaa kana irratti argaman walitti qabuudhaan reebichaan ummataq miidhuu fi namoota 40 ta’an gara mana hidhaa Dambidoollootti akka geessan gabaasi naannicha irraa nu dhaqabe addeessa.
Haala kanaan namoonni yerositti mana hidhaatti geeffaman keessaa hammi tokko akeekachiisaan gadhiifamanii kanneen hafan sochii ABO duubaan jirtu isa jedhuun yakkamuun hanga ammaa mana hidhaa diinaa keessatti argamu. Namootni gariin deggertoota ABO jedhamuudhaan hidhamanii jiran keessaa hamma tokko:-
  1. Kabbadaa
  2. Tamam Qana’aa
  3. Eebbisaa Jiraataa
  4. Balachoo Aalamuu
  5. Surraa Sanbatoo
  6. Gadaa Mangistuu
  7. Tolinaa Tafarii
  8. Mangistu Morodaa
  9. Chuuchaa Shifarraa
  10. Taaddasaa Tasammaa
Kanneen jedhaman aanaa Hawaa Galaan irraa mana hidhaa Dambi Doolloo keessatti kan argaman ta’uu Qeerroon godinichaa gabaasa.

No comments:

Post a Comment