Friday, October 11, 2013

Wayyaaneen EPRDF Waraana Isaa Irraa Amantaa Dhabuun Caasaa Haaraa Ijaaraa Jiraachuun Gabaafame.

Mootummaan Wayyaanee waraana isaa irraa amantamummaa dhabeen caasaa waraanaa haaraa hojii dhabdootaa fi dargaggoota Habashaa amanamtoota tahan baajata hedduu ramadee ijaaruuf karoorfatuun isaa saaxilame
Mootummaan EPRDF Wayyaanee keessi isaa erga burkutaa’uu eegalee bubbulee jira. Haalli kun daran jabaachuun waraanaa fi amanamtoota Wayyaanee yeroo dheeraa hammachaa dhufe. Waraana mootummaan wayyaanee ittiin uummata miidhaa ture hammachaa dhufuun mootummaa wayyaanee hedduu yaaddessaa jira.
Mootummaan Wayyaanees kana dura dhaabbachuuf caasaa waraanaa haaraa dhalootaan habashaa tahanii fi dargaggoota Oromoo hojii dhabdummaan rakkatan mallaqaan gowwoomsee ijaaruuf baajata hedduu ramaduun karoorfatee jira. Ilmaan Oromoo waraana mootummaa Wayyaanee keessatti argamtan shira diinaa kana dura aanuuf hojiin hangaftummaan hojjechuun isin barbaachisu jaarmaya keessan jabeeffachuu dha. Qeerroon shira mootummaan wayyaanee wixinu hanga dhumaa dura dhaabbachuuf wareegama kamuu akka kaffalu addeessa.
Ilmaan Oromoo martis shira diinaa waanjoo garbummaa bara baraan fe’uuf Wayyaaneen qopheeffate dura akka dhaabbattan qeerroon waamicha dabarsa.

No comments:

Post a Comment