Monday, November 18, 2013

AMMA CUFATANITTI , NI DONGARATU

Y.G(2005) | Sadaasa 18, 2013
Mallasaan osoo du’ee hin badiin, Qabsoo Oromoo dhabamsiisuuf irriiba hin qabu ture. Irriiba dhabuun isaa tarii, Biyya kana waggaa 50f bituuf karoora baafatan san milkeessuf ta’a. irriiba dhabuun sun hammeenya ittiin bubbulan ummachuuf ta’uun hin shakkisisu. Hammeenya kan yaadaniif yk irriiba kan itti dhabaniif, waan tolaaf miti. Mirga Ummatootaa Ukkaamsuu isaanii akka gaaritti waan hubataniif, humnaan jiraachuun ala filmaata biro waan hin qabneef akkataa itti ummatootaa fi qabsoo isaanii laamsheessanii Umurii itti argatan falachuuf irriiba dhaban.haala kanaan toftaan nuun nu laaffisanii yk nu dhabamsiisanii, addatti sochii Qabsoo keenyaa laamshessanii umurii dabalachuuf tattaafatan walitti himuun hangas maraa kan barbaachisu natti hin fakkaatu.muuxannoo ga’aa waan qabnuuf. Waan gadi jabeessinee hubachuu qabnu garuu, “waan dinni irriiba itti dhabee nu irratti hojjachaa jiru, nuutis irriiba itti dhabnee faallaa isaa hojjachuun filmaata biro akka hin qabneedha.”Kanatti dabalee, waan diinni dhoksaanis ta’uu ifatti nama irratti hojjatu bifa lamaan dura dhaabbatan. Tokko, fuullee dura dhaabbachuun, lammeessoo, ifattis ta’u dhoksaan, faallaa waan inni nama irratti hojjatuu hojjachuun.
Sirnoonni dabranis ta’ee wayyaaneen gaaffii keenya ukkaamsuuf hammeenyi gaggeessan, adda durummaan Ummata jumlaan ajjeesuu, qabsaa’oota dhabamsiisuu, Ummata keessaa kanneen gaaffii kaasan ajjeesuuu, hidhuu, Biyyaa godaansiisuu, sochii jiru irraa akka dhaabbatu taasisuu, seenaa keenyaa fi eenyummaa keenya balleessuu, aadaa , Qooqa keenya , walii gala eenyummaa fi sabboonummaa dhabmsiisuu dadhaban laamsheessuudha.kan irraa hin dubbatamin jiru garuu, miidhaa jireenya hawaasummaa keenya irra geesifamaa jiruudha. Aadaan waliin jireenyaa sirnoota dabran irraa amma tokko Ummata keenya keessatti hafee ture, bara wayyaanee kana hundee buqqifamee akka darbamuuf toftaalee itti dammaqamu hin dandeenyen irratti hojjatamaa jira. Kana yeroo biroon itti deebi’a.
Shira diinaa kana wallaaltu jedhee irra deebi’aa hin jiru. Garuu shira diinaa kana dura dhaabbachuuf,“Amma cufatanitti ni dongaratuu” san hojjachuun dirqama ta’uutu natti mul’ata. Kun ammo kan raawwachuun danda’amu dhaabuma irratti gatanii yk qaamuma tokko irratti gatanii kan dhiisan osoo hin taane, hundumtuu dhimmi kun na ilaallata jedhee murtee isaatiin ka’ee, kan yaada wal fakkaataa qabu kunis ka’ee yoo hojjate milkaa’a.
barruun kun yaada golaa fi dinqaa waan qabuuf gaggabaabsuun dansaa ta’a. Diina qawwee baadhatee namatti dhufe , harka qullaa of irraa hin deebisan. Diina si ajjeesuuf sitti qiyyaafatee , quba isaa qaataa harkisuu eegalee deebiima wal fakkaataatu qoricha. Kun adeemsa mataa isaa qaba.
Gama biroon waan keessa jirru waliin yennaa herreegnu, shiroota diinaa babal’achaa jiran daddaffiin yoo dura hin dhaabbatiin hegaree keenyaaf waan hin tolle hedduutu jira. Waan dhaloota kaleessaa fi har’aa miidhaa jiru, garuu dhaloota itti aanutti akka hin dabarreef irratti hojjannu danuutu jira. Addatti miidhaan gama aadaa fi qooqa keenyaa , addatti Jireenya hawaasummaa Oromoo irra ga’aa jiru, kan yeroo itti kennanii miti.
Irra jireessi namaa , kan gurra qeessee dhaggeeffachaa jiru qabsoon kun eessa ga’ee fi adeemsa isaa ilaalee keessatti hirmaachuuf yaaluudha. Kan biro ammo,miseensa dhaabaa yoo hin ta’iin , falmaa gaggeessuun akka hin danda’amnetti kan ilaalu heddu. Shira diinaa har’a akka ija xaafii heddummaachaa jiruu fi ilaalchi akkasii akkamiin akka wal simu naaf hin galu.fakkeenyaaf Namni ogummaa Qooqaa ykn Afaanii qabu tokko Qooqa Oromoo guddisuuf miseensa dhaabaa ta’uun dirqama natti hin fakkaatu. Namni sirna GADAA qoratee “Faranjii” irraa Piroofesarummaa yk Doktarummaa fudhate tokko , sirni Gadaa kun haala jiru waliin Ummata keessa akkamiin gadi akka haadhbbatu qoratee hojii irra oolchuuf hayyama dhaabaa kan eegu qabu natti hin fakkaatu. Dhaabnis kana dhorkaa gonkumaa dhaga’ee hin beeku. garuu hundumtu adeemsuma siyaasaa keessa seenee wal dhiphisuu argaa jirra. Kun diinaaf mijachuudha.
Utbaan Mana keenyaa bara 1991 gadi dhaabbateera. Boriif illee raga ga’aa of harkaa qabna jechuudha. Kan tokko utubaa dhaabe, inni duubaa dhufu dagalee itti rukuta. Inni itti aanu citaa irra buusee mana taasifata. Addunyaa saamichaa keessa adeemsi kun dansaadha.Gama kanaan mee itti haa mari’annu. Dubbii golaa fi dinqaa……Diinni aadaa ,qooqa , jireenya hawaasummaa fi seenaa keenya dhabamsiisuuf ka’u waggaa 100f dhageenye. Ogeessitoonni kana adeemsa siyaasa keenya irraa qofaa eeggachuu hin qaban. Eenyuyyu maqaa itti haa tolfatu, har’aaf garuu waan irratti hojjachuu qabnu hedduu jiraachutu natti mul’ata. Waan Biyya alaatti hojjataman hedduu ni dhageenya. Kun akkamiin biyyatti ce’ee qaawwaa jirtuun ummata keessa gadi dhaabuun danda’ama jedhanii yaadu barbaachisa.
Diinni yoo sabboonummaa keenya dhabamsiisuuf  nutti duule, galii keenya isa lubbu nu gaafatu bira hanga geenyutti, sabboonummaan ummata keenya keessatti akka jabaatuf karaa hundaa hojjachuun barbaachisaadha. qooqa Oromoo duubatti deebisuuf wayyaaneen waan hojjachaa jirtu guyyu argaa fi dhaga’aa jirra. Kanaaf qorichi isaa balaaleffachuu qofaa miti. Ogeessitoonni gama kanaan jiran, Dirree siyaasaa irratti wal qabuu irraa asi deebi’anii, qooqa Oromoo kana Ummata keessa jiraachisuuf irratti hojjachuudha. Maaliif ? yoo waan kun duubatti deebi’e dhaloota tokko dhabna. Kun ammo kasaaraa guddaadha.
Biyyoota alaatti addunyaa kana irra QOOQA OROMOO jedhamu akka jiru hubachiisuudha. Gama kanaan namoonni kabajamoon waggaa 19 ffaa’aa dura dhaga’aa turre har’a eessa akka jiran hin beeknu. Maal akka eeganis namaaf hin galu. Wayyaaneen waan Biyyaa nama baaftuuf, namni Biyya alaatti godaanu , waanuma BIyya alaa kana keessa bada jettee waan amntuufi. Dhugumayyuu dhaqanii keessa badu taanaan tilmaami isaanii sirridha. Dhalli Oromoo Biyya keessatti akka leencaa bookkisan, ummataaf humna turan, ala ba’anii awwaachuu iyyuu dadhabanii jiru. deebii kanaaf namni waa hedduu tarrisa. Ani garuu amma cufatanitti dongorachuun ni danda’aman jedha.
Sabboonummaa Ummata keenya keessa tursuuf Artiin bakka ol aanaa qaba.ogeessitoonni Oromoon qabdu irra jireessi wayyaaneen dhiibame ba’eera. Wayyaaneen waan dhiibduuf beekamaadha. Warri dhiibamee ba’e akkuma wayyaaneen yaadde ta’an. Walitti dhufanii hojjatanii isa Biyya keessaa karaa hedduu gargaaru ykn utubuu irratti hojjachuun kan jiru natti hin fakkaatu. Ammi sochii taasisa ni jiru. galatallee kan qaban jiru. garuu amma baayyannu hin geenyu. Shira diinaatu dacha keenya ta’e.Haala akkasiin yoo ilaalle waa hedduutu nuu hafa. Mee yaadaa,,,,,,,,,
Wal-jajjabeessuun, wal-gargaaruun, daboo waliif ba’uun, wal kabajuun, wal dhaggeeffachuun, safuu kabajuun, yaada waliif hiruun, Ilaa fi ilaameen,waliif abboomamuun, Qooqa ofii babal’isuun, aadaa ofii Biyya keessaa fi alatti babal’isuuf waan barbaachisu gochuun, sabboonummaa Oromomummaa irratti hojjatanii deebisuuf, Miseensa Oromoo ta’uu qofaatu ga’a natti fakkaata. Hojiilee akkasii miseensa qofaatu dirqama itti qaba yoo jenne hin jirru jechuudha.kun irra jireessa hawaasa Oromoo Biyya alaa irratti mul’ata. Maaliif ?????????? “AMMA CUFATANITTI ,NI DONGORATUUN” itti fufa…..
Galatoomaa !!!!!!!!!

No comments:

Post a Comment