Tuesday, November 5, 2013

Gaaffii Mirgaa Yeroo Irraa Yerootti Oromoon Kaasu Irraan Dargaggooti Oromoo Godina Boorana Dararaan Wayyaanee Itti Hammaate

Sadaasa 5,2013 Finfinnee
Dhiibbaa mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo irraan geessisaa jirtu bara baraan adda kan hin citne Godina Booranaa aanaa Moyaalee keessatti ilmaan Oromoo nagaa maqaa ABOn hidhuu fi hiraarsuu irratti argamti. Mootummaan Wayyaanee dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu kan amaleeffate dargaggoota hojii fi jireenya dhuunfaaf godinichatti bobba’an dabballoota ABO ti jechuun Sadaasa 2,2013 seeraan ala qabuun mana hidhaa wayyaanee keessatti reebuun darara hamaa irraan gahaa jira. Ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Maaikelaawwii keessatti ukkaamsamuun reebamaa jiran
1. Dargaggoo Tashoomaa Guutaa
2. Obbo Lammii Urgeessaa
3. Dargaggoo Ibraahim Huseen( Moyaalee kan qabame)
4. Dargaggoo Alaaminaa Geetaachoo
Kanneen jedhaman mana hidhaa Wayyaanee keessatti reebichaan dararamaa jiran. Mootummaan Wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffaachuuf shira hedduu dalagus diddaan waraana ittisa biyyaa keessatti dhalachuun sadarkaa guddaa gahaa jiru yaaddoo jabaa keessa buusee jira.

1 comment:

  1. I would highly recommend Mr, Benjamin services to any person in need financial help and they will keep you on top of high directories for any further needs. Once again I commend yourself and your staff for extraordinary service and customer service, as this is a great asset to your company and a pleasant experience to customers such as myself. Wishing you all the best for the future.Mr, Benjamin is best way to get an easy loan,here is there email.. / 247officedept@gmail.com     Or talk to Mr Benjamin On WhatsApp Via_+1-989-394-3740 Thank You for helping me with loan once again in my sincerely heart I'm forever grateful.

    ReplyDelete