Friday, November 1, 2013

Gochaa suukkanneesaan biyya Yamanittii baqattoota Oromoo irra gahaa jira.

Gochaan suukanneesaan baqattoota Oromoo daangaa biya Yaman keessatti akka irratti raawwatamaa jiru ibsame. Gochaan gara jabinaan dhala Oromoo irratti raawwatame kun ilmaan Oromoo mootummaa gabroomfaataa fi nama-nyaataa jalaa baqatanii lubbuu isaanii baraarfachuuf gara biyya Yaman yeroo seenaan kan irraattii rawwaatame ta’uun beekameera. Lammiin Oromoo marti akka beekuuf jedhamee odeeffannoon dabre akka ibsutti, “abbootiin garaa kanneen naatoo tokko ilmaan Oromoof hin qabne biyya Yaman keessatti maadheffatanii keessattuu handaara galaana Aden irrattii ilmaan Oromoo fixaa jiru,” jechuudhaan sagalee miidhaa hamaa Oromoo irra gayaa jiru beeksisan. Madheen Aden Yaman keessa jiru kun caasaa isaa magaaloota keessa diriirfachuun ilmaan Oromoo dinagdeen shaarafataa akka jirus madden oduu kanaa saaxilaaniiru. Madheen kun kan bu’uureffaame naannawa bara 2005 akka lakkoofsa awroppaattii yoo ta’u, hammeenyi kun ilma namaa kan ija keessaa baasu, kan qaamaa hir’uu godhu, dhiira qaama salaa kolaasu, shamarran immoo baatii tokko ykn sanaa ol halkaanii-guyyaa sagaagalummaa irratti raawwachuudhaan hojiin ala gochaa jiru. Jarreen kun alagaa wajiin ta’uun ergama diinaa bakkaan ga’uuf akka tattaafataa jiranis maddi oduu kun ifa godhee jira.
Dhuma irratti dhaamsi lammii Oromoo gama Yaman jiraniif dabre, bakka jiranitti daba irratti dalagamu hunda waliin tahanii akka dura dhaabbatan akkasumas sagalee isaanii gara dhaabbilee mirga dhala namaaf falmaniitti akka dhageessifatani fi Oromoon martinuu miidhama lammii Oromoo irra gahaa jiruuf gama dandayamee hundaan akka dhaqqabuuf sabboontonni ibsaa jiruu.

No comments:

Post a Comment