Saturday, November 23, 2013

Yuunivarsiitii Amboo barattootni muummee AGRI BIOPROCESS ENGINEERING sirna mootummaa Wayyaanee dura dhaabbatan

Sadaasa 22,2013 Amboo
OromiaALutaContinua2011FDGDhiibbaan mootummaan Wayyaanee gaggeessaa ture daangaa hin qabu. Ilmaan Oromoo guutummaan gaaffiiwwan mirgaa kaasaa; wareegama barbaachisaas kaffalaa as gahan. Barattootni Oromoo addatti qabsoo fincila diddaa garbummaaf taasifamu keessatti qooda olaanaa bahaa turan. Yuunivarsiitii Amboo keessatti haalli kun itti fufuun barattootni gamtaan sirna mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachaa jiran. Mootummaan wayyaanee barattootaa fi baajata barnootaan bittaa umrii isaa dheereffachuuf kan akeekkate irratti barattootni gamtaan dura dhaabbatanii jiran. Yuunivarsiitii Ambootti barattootni muummee AGRI BIOPROCESS ENGINEERING baratan sirni bulchinsa mooraa Yuunivarsiitii fi kabajaan barattootaaf kennamu hir’achuu irraa dura dhaabbannaa gaggeessaa jiran. Mootummaan wayyaanee diddaan kun irra deddeebbiin ka’uu irraa bulchinsa mooraa Yuunivarsiitii qorannoon rakkisaa jirti. Pirezedaantiin Yuunivarsiitichaa Dr. Mitikkuu Teessoos mootummaa Wayyaanee waliin tahuu irra barattoota waliin yoo taate kabajaa qabda jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Amboo dhaamsa dabarsanii jiran.

No comments:

Post a Comment