Friday, November 15, 2013

Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti diddaa jabaan Wayyaanee mudate. Waraanni Wayyaanee gara jabinaan barataa Oromoo rasaasaan rukkutan

Sadaasa 15,2013 Arbaminc
OromiaALutaContinua2011FDGBarataa Saamu’eel Dassaaleny barataa electriclal Engineering waggaa 4ffaa badii tokko malee rasaasaan reebame.
Impaayera Itoophiyaa keessatti gaaffiileen mirga namummaa fi Dimokiraasii gaafatamuu kan eegalaman sirni bittaa cunqursaa kun erga gadi of dhaabee kaaseeti. Gaaffiiwwan mirgaa abbaa biyyummaa kanneen gaafachuu keessatti qoodni barattoota Oromoo guddaa dha. Barattootni Oromoo dhiibbaa mootummaan wayyaanee gaggeessaa jiru dura dhaabbachuuf diddaawwan wareegama qaqqaalii kaffalchiisan gaggeessaa turee har’as itti jira. Yeroo ammaa kana dhiibbaan mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru hammaachaa dhufuu fi barattootni Oromoo akeeka QBO galiin dhaqqabsiisuuf gaaffiiwwan mirgaa finiinsaa jiran. Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti barattootni Oromoo haaluma kana deeggaruun hiriira mormii jabaa gaggeessan. Hiriirri kun Yuunivarsiitii keessaa gara magaalaatti kan taasifame yoommuu tahu dhaadannoowwan
Sirni bulchinsaa mootummaa abbaa irree dha.
Mirgi barattootaa haa eegamu
hidhamuu fi dararamuun haa dhaabbatu
Mootummaan barattoota hidhamaniif itti gaafatama haa fudhatu
Bulchinsi mooraa Yuunivarsiitii Arbaminc tajaajilawwan mara haqaan haa dhaqqabsiisu
kanneen jedhan yoommuu tahu, mootummaan wayyaanee waraana hedduumminaan bobbaasuun barattoota karaa nagaa gaaffii mirgaa dhiyeessaa jiran rasaasaa fi uleen tume. Barattoota Oromoo waliinis rakkoowwan wal fakkaataa kanneen qaban barattootni dhalootaan Sidaamaa, Sumaalee fi Beenishaangul tahan hiriira kana deeggaranii jiran. Mootummaan wayyaanee diddaa kana dura dhaabbachuuf filannoon isaa rasaasaan barattoota tumuu waan taheef barattoota irratti rasaasa dhukaasuun Barataa Saamu’eel Dassaaleny barataa electriclal Engineering waggaa 4ffaa tahe rukkutanii jiran. Barataan Oromoo kun akkuma rukkutameen barattootni baatanii gara Hospitaalaa geessuun waldhaansisuuf yaalanis wayyaaneen hidhuuf barbaadaa jirti. Jala deemtotni mootummaa kanaa Doormii barattootaa dhukaasa banameen yoommuu guban barattootatni gamtaan qabeenya qaban irraa dhaamsuuf tattaaffii taasisaa turanis qabeenyi barattootaa gubatee jira. Mootummaan wayyaanees kan ofii gube isintu gube ykn qaama biraa galchitanii jirtu jechuun barattoota irratti hiraarsa gaggeessaa jira. Barattootni Oromoo Yuunivarsiitiilee biroo martis dammaquun shira mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuutti argamu.

No comments:

Post a Comment