Monday, December 9, 2013

Duuli duguugiisa shanyii kan qaccee dhaloota Oromoo fuulleeyfate ammaas bifa haarayaan geggeeyfamaati jira


Duuli duguugiisa shanyii kan qaccee dhaloota Oromoo fuulleeyfate ammaas bifa haarayaan geggeeyfamaati jira. Weerarri Wayyaaneen karoorsite kuni akeekni saa Oromoo buqqaasanii onafii qubsuma malee hambisuu, idda saa hortee Soomalii qubachiisanii lafa Oromoo Soomaaleeysuu dha. Kana dhugoomsuufis humna addaa kan “Liyyuu Pooliis” je’amuufi hidhattoota naannoo Soomaliitu Ona Qumbii fi Mayyuu qubsuma Oromoo Anniyyaa keessatti bobbaafame. Dhimma kanaratti Oduufii ibsa ballaa Obbo Abduljalil Abdella fi Obbo Said Mohamed Ali RSO irraa taasisaan, Himata jirattoni lafa sani Aadde Jaallannee Gammadaa waliin taasisan linkii armaan gadi irra qulucaa dhageefadha. Balaa Wayyaaneen ummata Oromoorratti geggeessaa jirtu dhaabuu fi Oromoos gaaga’amarraa eewaluuf maal gochuu dandeenya?
1. Ilmaan Oromoo biyya qubatanii jiraatanirraa Xalayaa balaaleeffannoo barreessanii gara waajjiroota kanatti aananii erguu: Waajjira Mirga Namoomaa kan Mootummoota Waltahanii (UN Human Rights Office)Amnesty InternationalHuman Rights WatchUS President, EU.
2. Ilmaan Oromoo bakka jiranitti maqaa hawaasa isaaiitiin walyaamanii walgahanii marihatanii hiriira sagalee saanii ittiin dhageeysisan qopheessuu
3. Mediyaan Oromoo hundinuu sagantaa hubannoo ummataa cimsan qabaachuu; haga rakkoon tuni furmaata argattuus itti fufuu. Kuni Manneen Paltalk Oromootis ni dabalata.
4. Hayyoonni, Beektoonni Oromoo barruulee dhimma kana fuulleeffatanii duguugmaya qaccee dhalootaa garanaan geggeeffamaa jiru saaxilan afaannan gurguddaa addunyaatii barreessuu; dokumentarii qopheessanii tamsaasuu, conference marii qopheessuu
5. Artistoonni Oromoo aartii dhimma kana ibsu qopheessuu (wallee baasuu, walaloo, diraamaa, qopheessuu; postaroota maxxansiisuu
6. Jaarmayoonni Amantii (Masgidoota fi Bataskaanoota) hundatti Waaq kadhachuu
7. Ummata lafa isarraa buqqa’e, Maatii qabeenyi isaanii saamame, gubameefii namoonni irraa wareegaman hatattamaatin dhaqabuu.
Tarkaanfiilee kana fudhannee balaa hawaasa Oromoorratti bargaafate kana faccisuufi hanqisuuf haa tattaafannu.
Arif Ali

No comments:

Post a Comment