Friday, October 4, 2013

Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti barattootni waggaa 4ffaa fi 5ffaa shira Wayyaanee dura dhaabbachuun diddaa gaggeessan. Poolisooti federaalaas itti bobba’an

Garboomfataan mootummaa Wayyaanee Impaayera biyyattii keessatti dhiibbaa daangaa hin qabnee fi sarbama mirga dhala namaaf dorgomaa kan hin qabne irratti barattootni Yuunivarsiitii Arbaminc diddaa gaggeessan. Mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo mara oduuwwan dharaa foddaa ETVdhaan kan beekamu qulqullina barnootaa jechuun kan lallabaa bahe maaliif fashala jechuun barattootni Yuunivarsiitii Arbaminc waggaa 4ffaa fi 5ffaa hiriira nagaa taasisanii jiran. Barattootni kunneen yeroo nuu kenname keessattii fi akka sagantaa barnootaatti barannee xumurra malee malaammaltummaan baajata hojii fixxaniif nuyi guyyaa lama barannee hin qoramnu jechuun diddaa dhageessisanii jiran. Mootummaan wayyaanee kutannaa fi gaaffii mirgaa kanaan kan dhiphate magaala Bishooftuu keessaa poolisoota federaalaa itti seensisuun doorsisa jabaa irratti gaggeessaa jira. Poolisootni federaalaa magaala Hawaasaa kanaas diddaa kana dhaamsuuf hedduumminaan Yuunivarsiitii Arbaminc seenanii jiran. Humni kamuu dhufu gaaffii mirgaa irraa hin dhaabbannu jechuun qeerroon yuunivarsiitii Arbaminc addeessee jira.


No comments:

Post a Comment