Monday, January 13, 2014

Biyya Tuffatan Harreen Irra Garmaamu!

Baarentuu   Gadaa irraa 


Salphinni salphina caalu biyya ofiirratti salphifamuu dha. Salphinni  salphina caalu  Qayee abbaa ofiirratti  salphifamuu fi  nama tahanii dhalatanii namaa gadiitti ilaalamuu dha. Tuffiin tuffii caalus biyya ofirratti tuffatamuu dha.
Salphifamuu fi tuffatamuun nama dhuunfaa bira darbeesadarkaa sabaatti yoo ta’usalphina dorgomaa hin qabnee fi  salphina, salphina  caalu akka ta’e eenyuufuu ifaa dha. Sabni tokko; akka sabaatti murna alaa isa weerarareen biyya isaarratti  salphifameetuffatamnaan salphina kana of irraa darbuuf xiiqiin hin socho’u taanaan ani saba akkasii ti; biyyi koos akkas jedhama jechuu qofti salphina hin haqu. “Ani saba aadaa, seenaa fi duudhaa  akkasiiqabuudha” jechuunis gongumaa waan miidhaguu miti. Kan har’a uummanni Oromoo keessa jirus salphina akkanaa,salphina weeratotaan itti dhufe keessa.
Tuffii fi salphifamuun har’a uummata Oromoorra gahaa jiru ulfaataa dha. Biyya isaarratti salphifamuu fi tuffatamuun,yakki  adda addaa irratti raawwachuunkun ammoo kan haar’aa dhalatee fi eegale osoo hin taane, itti fufuuma weerara jaarraa  tokkoon dura murni gita bittoota Habashaan irratti raawwatamee ti. Weerartoonni kaleessa qabeenyaa fi lafa babalifachuuf Oromoo weeraran har’as jaarraa 21ffaa kana keessa karaa adda addaatin yakka isaanii  jabeessanii itti fufuuf akkuma carraaqaniti jiru.
Ilmaan nafxanyootaa fi ilmaan sirna gitta bittaa Habashaa warreen sirna gabrummaa abbootin isaanii Oromoorratti raawwatan leellisan har’allee Oromoo akka sabagadoo fi xiqqootti ilaalu akkuma itti fufanitti jiru. Gocha faashistummaa fi duguuggii sanyii abbootiin isaanii Aanoolee fi Calanqootti raawwatan dinqiisifachaat jiru. Yakki Harma muraa Aanoolee Ayyoollii Oromtichaa kumaatamarratti gara jabinaan raawwatame, kolaafamuunqeerroo Oromoo kumatamarratti achuma Anoolee fi Oromiyaa kallatti adda addaatti raawwatame,ciraan harkaa-miilli ilmaan Oromoorratti Calaqoo fi Oromoo bakkoota gara garraarratte raawwatame, gocha sukanneessaa ajaja Minilkiin  mana keessatti iitti cufamuun ibiddaan gubamuu uummata Oromoo naannoo Sulultaa kuma hedduurratti raawwatame;ajjeechaa cubbuu hin qabne, ajjeechaa heebbifamaadha jechuun dhiiga ilmaan Oromoo, lafee ilmaan Oromoo weeratoota abbootii isaanitiin dhangaleehetti qoosaa dha.
Leelliftoonni sirna gabrummaa ilmaan yakkamtootaa kun “Abbootin keenya  Oromootti duulanii ajjeesuu fi kolaasuun,  namaa- sa’a isaa ibiddaan dhaabbitti gubuun, Harma ciruun gochaa sirrii fi heebbifamaa dha” jechaat jiru. Ilmaan bittoota, harcaatoonni koleneeffattootaHabashaa sammuundandaaye kun   jaarraa 21ffaa kanakeessa, “Abbootin keenya  kan Oromootti duulaniif Oromoon sabuma  haala saniin itti duulamuu qabuu dha. Qaamni isaa ciramuu fi mana keessa gubachuun gocha heebbifamaa dha jedhanii lammata nu madeessaa, lammata nuwaraanaa jiru.
Leelliftoonni sirna gabrummaa kun  akkuma argaa fi dhagahaa jirru tibba kana nama duula  sanyii balleessuu Oromoorratti raawwatame kana dura bu’ee gaggeessaa fi qindeessaa ture, nama Oromootti gabrummaa fide;  Minilik faarsaa, dhaadheessaa fi guyyaa du’aa fi dhaloota isaa Oromiyaa keessatti kabajuuf dhamahaa jiru. Sirna kabajaa guyyaa du’a miniliki waggaa 100ffaakana caalaatti miidhagsuu fi dhaadheessuuf  ilmaan gabroonfattootaatuffii fi ilaalcha jibbiinsaaOromoof qaban,wayyaanee fi kaanpaaniwwan akka Biiraa baddallee, garmalee dhamahaa fi baaxxisaa jiru. Gochi isaanii kun  ammoo Israa’el Telaviiv ykn Iyyeerusaaleem keessatti guyyaa dhalootaa fi du’a Adoolf Hiitler kabajuuf yaaluu akka ta’eetti hubatama.
Ilmaan Nafxanyootaa kun “Duulli Minilik Oromoorratti gaggeesseduula qulqulluu fi cubbuu hin qabne, duula eebbifamaa dha” jechuu bira darbanii guyyaa du’a yakkamtichaa fi weerarticha MinilikOromiyaa fi iddoolee gara garaatti kabajuuf olii gadi  fiiguun dhalata Oromoo fi cunqurfatoota weerartoota Habashaa kanaan miidhaan irra gaheef tuffii dha, Arrabsoo dha, lammata madeessuu dha.
Tibba kana akkuma argaa fi dhagahaa jirru duullii “Guyyaa du’a Miniliki waggaa 100ffaa kabajuu jedhuu  gaggeefamaa jira. Duullii kunis kan durfamaa jiru sirbituu leellisaa sirna gabrummaa Habashaa Teediroos Kaasaahuun ykn nama Teedii Afroo jedhamuuni.Sirbituunkun“Ajjeechaa fi yakki Minilik Oromoorratti raawwate duula qulqulluu, duula eebbifamaa” akka ta’ebarruulee adda addaa irratti ibseet jira. Harma muraa fi kolaafamuun akkasumas mana keessa gubamuun Oromoorratti Minilkiin Aanoolee, Calanqoo,Sululuttaa fi Oromiyyaa iddoo gara garaatti raawwate  cubbuu hin qabu jechuun itti baaceera.
Teedii Afroo kana bira darbee akka guyyaan du’a nama yakkamaa kanaa kabajamuu fi gochaan isaa dhaadheeffamu guddaa dhamahaa tureera ammas itti jira. Biiraan Baddallee ummata Oromoo biratti jaalatamaa turee fi Oromiyaa keessatti argamus holola sirbituunkun facaasaa jiruuf deeggarsa mahaallaqaa gochaa tureera; irraas waan dhaabbate hin fakkaatu, kanneen biroo warreen ummata Oromoo idduma kaleessaatti eeganii fi tuffii jabaa saba kanarraa qabaniis akka gocha kana duuba jiran ifaa dha.
Ummanni Oromoo maddi hololaa fi yakka kanaa sirbituu Teedii Afiroo jedhamu qofa dha jedhee amanuu baatus  tuffiifi holola inni itti jiru kanaaf keessaa fi alaa gatii madaalawaa  akka keennuuf shakkiin hin jiru. warshaalee Biiraa fi kanneen biroo warreenMinilikfaarsurratti bobba’an kanarratti akkasuma  sabni Oromoo akka adabbii sirreessaa fudhatu beekamaadha, akkuma argaa fi dhagahaa jirruttis karaa saba quunnamtii hawaasaa gara garaatiin gochicha balaaleeffachuurraa kaasee hanga warreen gocha tuffii kanarratti kallattiidhan bobba’anii fi mahalaqaan deeggaranirratti dhiibbaa fi tarkaanfii laaleessaa fudhachuu deemameera.  Ummanni Oromoo fi sabboontotni biyyaa fi alattii ; leellisaa sirna gabruummaa Teediroos kaasaahuun fi warshaalee dhugaatii akka Biiraa Baddallee fi kanneen biroo irratti adabbiin inni fudhachaa jiru haalaan boonsa dha. Tarkaanfiin akkasii kun ammoo gama hundaanuu cimee,jabaatee itti fufuu qaba. Sabni Oromoo  gama hundaanuu of kabachiisuuf irree tokkoon ka’uu qaba.
Ummanni Oromoon guyyaa nama yakkamaa kanaa Oromiyaarratti  kabajuuf kan carraaqaa jiruu fi qindeessaa jiru sirbituu tokko qofajedhee hin amanu; amanuus hin qabu. Duula kana duuba leelliftoonni sirna gabrummaa  heedduun akka jiran tolcheet beeka. Kanneen Oromoo jibban, kanneen har’as Oromoo akkuma kaleessaa dhiitanii saamaa, ajjeesaa fi hidhaa jiraachuu barbaadan kanneen akka wayyaanee fi namoonni Olaantummaa saba tokkoo,  Alaabaa takka, biyya takka Afaan tokko jedhanis akka holola miniliki faarsu kana keessa jiran beekamaadha. Maddi hundaatuu saba Oromoojumlaadhan  tuffachuu fi maal fida jedhanii yaadurra akka ta’e ifaa dha. Tuffii fi gadoottii ilaaluu Oromoorraa qabaniin har’as jaarraa 21ffaa keessa lammata itti deebi’anii madaa kaleessaa keessa waraanuuf itti aggaamu dha.Akka sabaatti tuffatamuun ammoo  hedduu qaanessaa dha.
Minilik nama haawwan teenya harma ciree fi cirsiise,  namadhiira Oromoo akka Kotte-Duudaa ciibsee kolaasee fi kolaasisee dha. Nama qeerroo fi shamarran Oromoo Oromiyaa iddoolee garagaraatti akka hoolaa ciibsee gorra’ee dha. Namni kun;  nama maqaa Oromoo fi  lafa Oromoo jijjireedha. Nama yakkamaa akkanaa goota godhanii yaadachuun,  “Duulli inni Oromoorratti gaggeesse duula qulqulluu fi duula heebbifamaa dha” jechuun dhuguma dubbachuudhaaf yakka Minilik nurratti raawwate caalaa nama dhukkubsa. Kan sammuu qabuuf nama madeessa.
Gochi Habashootni leellistoota sirna duraanii ta’anii fi gabrummaa Oromoof hawwan amma itti jiran kun jaarraa 21ffaa kana keessalee  Oromoof hangam akka tuffii qaban argisiisa. “Biyya tuffatan Harreen irra garmaamu” jechuun isa kana. Lama madaahaa jirra, qayee abbaa keenyaatti nurra garmaamaa fi nurra sirbaa jiru.
Ajjeechaa fi yakka lammataa kana, tuffii fi salphifamuu Oromoorratti  har’as karaa qindaayeen raawwatamaa jiru;lammiin Oromoomarti callisee ilaaluu hin qabu. Ummanni Oromoo kan keessaa fi ala jiru,sirna wayyaanee gocha kana heeyyame, nama yakka kana dura fiigaa jiru sirbituu Teedii Afiroos tahee warreen isa duuba taa’anii qindeessaa jiranirratti diddaa fi mormii calqabe caalaatti finiinsuu qaba. Karaa danda’e hundaanuu FDG calqabe finiinsee of kabachiisun bilisummaa isaa harkatti galfatuunfardii dha. Dirqama eenyummaatis.
Kanneen maallaqaan gocha yakkamaa kana utuubuuf yaalanirrattis karaa qindaayee fi walirraa hin cinneen mormii fi jibba qabu warshaalee kanaa fi homisha isaanii balfachuun agarsiisuun murteessa dha. Gama hundaanuu tarkaanfii laaleessaa gabroonfattootarratti fudhachuun of kabachiisun kan guyyaan laatamuufii miti. Tokkummaan qabsoofnee  tuffii fi salphina jaarraa 21ffaatti  keessa jirru kana jalaa of haa baafnu! Biyyaa fi mirga keenya dhuunfachuuf gamtaan falmaatti ha cimnu!

Baarentuu Gadaa gessogeda@gmail.com

No comments:

Post a Comment