Sunday, January 5, 2014

Lola Seenanii Afuursanii Loluu Dhiisuun Balaa Guddaa Qaba

Qeerransoo Biyyaa

Hololaafis haata’uu dhugumaan qeeqa laachuuf qaamonni hawaasaa gargaraa qabsoon Oromoo waggootta kudhanan afur darban oliif injifannoo gahaa ta’e galmeessisuu dadhabuu nidubbatu. Jaalannus jibbinus, ammammii umurii dhaloota isaatiin walbira qabinee yoo laalle injifannoon qabsoo Oromoo baay’ee xiqqaadha. Kayyoon barreeffama kanaa mooraan qabsoo Oromoo maaliif hongee injifannootiin rukutamee akka jiru keessa deebi’anii guututti laaluu otoo hintaane irra-deebiin irra deemanii laaluun rakkoon jiru maal akka fakkaatu ummatatti muli'isuudha.



Yoo xinnaatee xinnaate, waggoota 22 darban keessa Addi Bilisummaa Oromoo mootummaa wayyaanee waliin waraana walirratti labsanii walwaraana as gahuun hundumti keenyayyuu waanuma beekinu. Baroota kanneen keessatti midhaan Addi Bilisummaa Tigraayi ummata keenyarran gahe wargeegama guddaan  bu’aa argame waliin walhinmadaalle. Kayyoon barreeffama kanaas babal’achuu aadaa dadhabina jiran haaluun rakkoo furuu dhiisuu mormuudhaan, balaa/gaaga’ama osoo lola keessa galle jirruu akka biyyi-nagaattti harka maratanii dhaabbachuurratti yaadota tokko tokko laata. Balaa guddaa kan ummata keenyarratti fidaa jiru kaayyoon qabsoo keenya dogoggora ta’uu isaati miti. Kaayyoon qabsoo keenya sirriidha. Balaa guddaa kan fidaa jiru osoo lola keessa seenanii jiranuu akka waan lola keessa hinjirreetti of yaaduun loluu dhiisuudha. Kuni ijoo dubbii barreefamichaati.


Ilaalchi as keessatti calaqqisu irra barachuufi rakkoo furuufi malee garee, nam-tokkee akkasumas dhaabbata siyaasa kamiyyuu mufachiisuu miti. 

Yeroo amma kanatti, ummanni Oromoo cunqursaa cimaa bira darbee yeroo itti duguggaa sanyii karaaa ifaafi karaa ifantaane irratti geeggeeffamuun lafarra qunca’aa jiru. Lafarraa badaa jiraachuu saba kanaaf sababii wantoota ta’an keessaa tokkoffaan diinumiti saba kana lafarraa balleessuuf halkanii guyyaa hojjechuudha. Lammaffaanifii sababiiwwan isaan gurguddoo badiisa Oromoo fidan keessatti ramadamuu kan danda’u immoo mooraa qabsoo faffaca’eefi lola keessa osoo jirruu akka waan nagaan jirutti taa’uudha. “Rakkoo maaltu jira; biyya nagaadhaa,” jedhanii taa’uu waliin walfakkaata.



Maaliif osoo lola labsinee riphee loltoota ofiin jennee jirruu diina ofirraa ittisuun tikaafi nagaa ummata keenyaa eeguu dadhabine? Maaliif bara bofini hammaate jiru kana keessatti lootuun ija nutti babaasti? Maaliif abbaan biyyaa Oromoo ta’ee otoo jiru ABT dhagaa Tigraayi keesssa kiilometra kuma olirraa dhuftee nu bitti? Akkamitti qaanii, salphinaafi badiisa kana keessaa baana? Rakkoolee Oromoorra gaha jiran gurguddaa ta’anii osoo jiranuu maaliif furmaata caccabaafi xixiqqaa gandumaarratti buu’uure barbaaduuf yaalla? Gaaffiilee kanneen si gafachuun akka atis gaaffiilee kanneen of gaaftattee itti yaaddufi malee deebii isaa hundaa nan beeka jedhee oftuluu koo miti.

Akka Mirmaa Dhaaba Keessa Taa’anii Dhaba Burkutessuu

 Jabinniifi deeggarsi diinni biyyoota alarraa argatufi jabinni ABT ummata keenya saamuun qawwee ittiin bitatu akkuma jiranitti ta’ee, mooraan qabsoo Oromoo waggooti afurtamaa oliif kaayyoo ifa ta’erratti hoggantoonni akeeka tokko qaban jirrachuu dhiisuun dhugaa urufa jiru. Mooricha qabsoo keessa otuma dhaaba kaayyoo Oromiyaa bilisoomite gadhaabuuf hojjetuuf hojjenna jedhanii, yeroo gargaraatti hoggantoonni tokko tokko dhaaba keessa taa’anii iccitii diinatti dabarsuudhaan, Itoophiyaa dimokiraatessina jedhanii iccitiin hojjechaa turani. 


 Dhuunfadhaan waldorgommiin angoorratti ta’uufi waljibbiinsi nam-gidduu akkuma jirutti ta’ee, yeroo gargaraatti hogganni wanti ummatatti himuufi wanti ofiif hojjetaa ture/jiru walfallessaa deemuun nibeekina. Bu’aan dhaaba tokkoof otuma hojjetanuu sagantaa siyaasaa dhaba sana jala hiriiruu dadhabuun, ABOn yeroo gara garaatti bakka baay’eetti akka fofoxxoquufi umni isaa akka laamsha’u ta’ee jira. Kana immoo warri akkaata itt QCn, Jijjiiramini, Waltajjiin Marii Oromoo, Adddi Dimokiraatawaa Oromoo itti uumaman hordoftan salphumatti hubachuun nidandeessu. Jijjiiramaaniif (amma bade) ADOn kaayyoo Itoophiyaa dimokiraatessuu dhabichuma keessa taa’anii walqunnamitii hoggantoota mootummaa Itoophiyaa kana akka Mallas Zeenawwii waliin deemsisaa akka turan odeeffannoon WikiLeaks garagraa niaddeessa. Leencoofi Dimaafaan ofii saani “moderate” ykn “leellistoota kan hinta’iin” ofiin jechisiisuuf jecha kaayyoo ummaticha alayyaa dhuma hinqabinetti darbatani. Eessa ta’aanii? Dhaabuma keessa akka hoggantoota olaanootti taa’anii. Kuni yakka gantumaa biyyaa dhiifama naamaaf hingoosisine. Otoo Oromiyaa akka biyyatti jiraatte yakka seerri ishee du’aaf ajjeechaa jara kanatti ittimuru ture. ADOn dhabarraa obbaafatee gadi ba’uun isaa waan gaariidha jedhaniii laalu namoonni siyaasa Oromoo hordofan baay’een—anis akkasumattan laala. Farreen qabsoo kanaafii fira qabsoo kanaa addaan baafachuuf nu gargaara adeemsi ba’anii of dhabuu isaanii. Gaariidha yeroo jennu Oromoof bu’aa fidu jechuu miti. Oromoof bu’aa dur fiduu dadhaban amma fiduu akka hindandeenye beekuun barbaachisaadha. Kanarratti waan baay’ee jechuun nidanda’ama garuu asumattan irra tara mataduree koorratti xiyyeeffachuuf.



Araara Hinjirre Ummatatti Labsuu



Haata’u malee, ABOfi QCn akkuma ADOn asbaheen dhuma bara 2012 keessa ibsa ejjennoo walhubanoofi haasaa jalqabuu baasanii ture. Ergasii waggaan tokko guutuun qaari’ee jira. Bu’aan dubbi umnoota bilisummaa Oromiyaatti amanan kanneen lamaan gidduutti geggeefamaa ture ammayyuu malirra akka jiru beekuuf rakkisaadha. Wanti ummanni beeku tokko yoo jirate: murna QC keessaa haasaan deemaa ture fashaluu isaa Gadaa.com irratti faa nudubbisiisanii jiru. Cabaarratti baqaqaa akka jedhan sani.



Murnootafi sochiiwwan adda addaa xixiqqoo abbumti barbaade as bahee bixxiluun bu’aan inni argamsiisu tokkollee hinturre/hinjirusi. Ammatti ummanni Oromoo “siyasa madaallii”, siyyasa murnoonni xixiqqoon walitti dhufanii/baqanii gurmuu olaanaa uumuun umna saanii diinarratti qoran fedha.

  Ammatti balaaleen ummata keenyarra ga’aa jiran heedduufi bal’oodha. Isaan keessaa inni tokko waraana labsinee otoo jirruu loluu dadhabuu ykn qawee ofitti gargalchuun ofitti dhukaasuudha.


Oromiyaafi biyyi amabaa wajjirri qabsoon Oromoo keessatti karoorramaa jiru haga lafaaf samiit walirraa fagaatu. Hoggantoonni ummatarraa fagatanii jiraachuun isaa ajjeechaa, hidhaa, lafarraa buqqisuufi dararaa diinnii ummatarraan ga’urraa fagaatanii jiru. Fageenyarraa karoorrama fageenyarra lolama—uumaan isaa akka waraan diroonii biyya Ameerikaa fakkaata diroonii hinqabu malee kan keenya kuni. Waraana keessatti fageenyi safuun (ethics ykn morality) akka hoggana keessaa badu/hir’atu taasisa. Rakkoon dhuunfatti yoo nurra ga’uu baate akka waan hinjirreefi akka waan nama hinminee faakkaatee nutti mul’ata. Namini ajjeefaa jiru kallatiin arguufi nama ajjeefamu gabaasarraa dubbisuun safuu (morality) adda addaa qabu. Inni duraa ulfaataafi waan yeroo namaaf hinkennine; inni booda salphaafi waan nama kallattiidhaan nama hinilaallanne. Achi hinjirtu taanan ibidda namini guyyuu keessa darbu hubachuufi ummanni ibidda sana ofirraa akka dhaamisu loltee lolchiisuun hinjiraatu. Rakkoon keenya kana. Sirumaa keessa darbinee rakkoo ummata keenya akka bashannana sukaneessatti fudhachaa jirra. Ittti qoosa jirra; wanti ummanni guyya guyyaan keessa darbu sirbaan yooo ta’e malee qabatamaan nutti dhagahamaa hinjiru. Sirbi gaafa dhabbate qabsoonis walumaan dhaabbata. Ummanni Oromoo walga’ee sirbee dina abaaree bilisummmaa isaa galgaluma tokko fidee gaafa addaan galu hojiin hinjiru; hojiin akka jiraatu kan too’atus akkasuma.



Wanti biraa hoggannifi ummanni Oromoo biyya-ambaa keessaa wasallataa jiru kun wanti inni itti yaaduu dadhabaa jiru tokko dhimma roga safuu lola nurratti godhamaa jiruuti. (The moral dimension). Lola erga labsanii booda loluu dadhabuun, akka abbaa hinololle sana miidhu ijoollee xixiqqoonuu nibeekiti. Walloluma beeladootafi bineensota bosonaa gidduuttillee beeladini hinololle tokko salphumatti moo’ama. 


Garuu, hogganoonni keenya kan dhaba waaraa/jabaataa tokko akka hinqabanne nudhoowwan osoo hinlolin dhumuu ummataa akka hinjifannootti lakkaa’uun ibsa adda addaa irratti baasuu qofa ta’e hojiin isaanii. Ibsaafi galmee namoota dhiittan mirga dhala-namaa irra gahuu baasuunfi akkasumas tarkanfiiwwan xixiqqoo lukkeelee ummata rakkisanirratti fudhataman waaqa jala olbaasanii akka injifannoo guddaatti himachuun of sobinee akka jiraannu nutaasisa. Yeroo meeqa ABO/WBOn hoggantoota mootummaa tophiyaa olaanoorratti tarkaanfii fudhate jedhee labsatu dhageesse? Duuwwaadha akka jettu shakkii hinqabu. Garuu, tarkaanfiin lukkeelee gadi-aanoorratti fudhatamu eyyee baay’eetu jira, garuu tarkaanfiin akkasii sirinicha hundeedhaan raasuun rifachiisuu hindanda’u. Lukkeen yoo du’e aanga’oonni olanoo ABT du’a sareettuu hinlakkaa’ani. Akka wardiyyaan saanii du'etti laalu.



Of sobuufi ummata sobuu ykn dhugaa jiru haaluun ammatti aadaa hoggantoota tokko tokkorraa ifatti mul’atu. Akka amma deeminutti, Oromiyaan yomiyyuu bilisoomuu akka hindandeenye alagaan alarraa nu laalurree ifatti beeka, garuu hoggantoonni keenya tokko tokko waanuma ifa jiru amananii furmaata itt barbaaduurra sobaafi injifannoo hinjirreen of amansiisanii jiraachuu filatu. Yeroon amma yeroo itti dhadannoo dhageessisaniif yeroo sirbanii addan galan qofa miti. Yeroo ammaa yeroo jireenyi ummata Oromoo gaaffii badiisaa jala galee jiru. Filannoon ummata kana dhiphachaa deemuun ykn loluu ykn baduutti gadi-galee jira. Dhaabinifi hogganni filannoo kam akka filatu hojiin agarsiisuun baraachisadha.



Araarri moora keessatti asitti bu’aa jira, achitti bu’aa jira jedhamee ummanni sobamaa jira. Namini garaa guutuun of kennee qabsoo kana deeggaruuf rakkina itti ta’aa jira. Shakkiifi manatti hafuu ummataatiif sababii kan ta’es fedhii ummanni bilisummaaf qabu ujummoo itti godhanii hammatanii hojiirra ooluchuu dadhabuudha. Kuni nama aarsaa,nama shakkisiisa, nama abdii murachiisa. Haamileen nama dhuunfaa haamilee dhabini agarsiisu waliin walbria qabinee yoo laallu haamilee nama dhuunfaatu olkaa’ee mul’ata. Dhabini ummata waarraaqisaaf qophaa’ee kanatti dhimma ba’uu dadhabuun rakkoo ummataati miti. Dhaabini yoo narra laafaa ta’e sababiin dhabaa keessa galee haamilee of buusuuf hinjiru jedheet yaada namini baay’een. Umnoota bilisummaa Oromiyaa barbaadan walittifiduurra filannoon biraa hinjiru. Umnoota bilisummaa barbaadan lolanii arguun immoo ittuu waan biraatifi waan ummata akka dhaabbachuun boonee biyya abbaa isaarratti falmatu godhudha.



Fakkiin/Akkaataan/Moodeeliin Qabsoo Geeddaramuu Qaba



Fakkiin ykn moodeeliin moorichi qabsoo hordofaa jirus moofaafi kan geeddarumsa haalota amma jiran waliin hindeemine ta’uun isaa beekamaadha. Kana keessatti gabaabsinee gahee bartootaaf qonnaan-bultoota haalaallu. Qaama haawaasa biroo yeroo biraa laalla.


Erga umamee kaasee QBOn malli qabsoo inni hordofaa ture haayyoota gubbaarraa gara ummata jalaatti deemuudha. Moodeeliin kun moofaadha. Akka ilaalcha kootti moofaa qofa osoo hintaane dogoggoraadha. Waggootii 22 darban keessa ABOn bartoota akka motora qabsootti itti fayyadamuu yaluun beekamadha. Barattoonni qaama haawaasa keessaa qaama hayyotaatti ramadamu; qaama xiqqaadha. Sochiin barattootaa qabsoo tokko deeggaruun essumattuu waanuma beekkamu, garuu dogoggora kan ta’u dhaabini tokko hojii ofii isaatii kaaraa baay’ee biraan hojjechuu danda’u baratootumarratti fee’ee harka maratee taa’uu isaati.


 Haala waraanni lolaa hinjirre keessatti yeroo gargaraatti bartoonni ka’anii finciluun fincilli isaaniis diinaan rukutamee bartoonni rakkoo gurguddoo keessa gala as gahani. Wareegamini kaffalamaa jiru bu’aa inni fidu waliin gonkumayyuu walhingitu. Yeroo hundumaa bu’aan wareegamaa tokko waregamicha sana caaluu qaba ykn barbaachisaa miti. Kuni immoo hagam tokko heerreegini qabsoo haala sirriin hereegamaa jiraachuu dhiisuu isaati. Daldaluma buu’uuraa keeessattillee akka daldalli tookko itti deemu yoo nama kan kasaarsu ta’ee abbaan qabeenyaa mala haaraa dhawuun bu’aa buufachuuf yaala. Bu’aan laakkaa’amee safaramuu danda’a ykn lafarratti mul’achuu danda’a. Omtuu lafarratti mul’achaa hinjiru yoo ta’ee garuu homtuu hinjiru jechuudha. Kuni immoo injifaannoowwan darban kan sharfman kan akka uummamuu kaartaa Oromiyaafi Afaan Oromoo Oromiyaatti Afaan hojjii ta’uu saatti hoggantoonni barabaraan dhaadachaa akka hafan godha. Afaan Oromoo, naanno Oromiyaa, aadaa Oromoorratti nutu fide jedhanii ABOfi OPDOn waldorgouuun isaanii hagamuma wanti haaraan hojjetamaa akka hinjirre nutti agarsiisa. Waayyaaneenis injifannoo akkasii anatu siniif kennee jetti. 

Dhugaan jiru garuu ummanni Oromooo biyyaafi qabeenya isaarratti bulchuun haahafuuti lubbuunuu jiraachuun yeroo itti dadhabamerra gahee jira. Silaa rakkoo guddaan furamuuf malu rakkoo kana ture waan darbeen dhaadachaa hafuurra. Hojechuu baannan injifannoon kaleetu baduu danda’a-- halkan tokko keessatti. Kan wabii nuuf ta’uu malu umna keenya qofa. Inni immoo ammatti hinjiru. Sochii barattoota duuba umni hidhate kan lolee sooddaattamuu danda’u jiraachuu baannan moodeelii akkasii qofarratti hundaa’uun injifannoo eeguun Oromiyaa bilisoomite akka hawwiidhaan ykn abjuudhaan argutti lakkaa’ama.


QBOn amma deemaa jiru yaadota haaraa burquisiisuu kan dadhabeefi isaanuma dur ittiin moo’amine sanneen deddeebisee kan itti fayyadamu. Hoggantoonni Adda Bilisummaa Tigraay, Mallas Zeenaawii dabalatee, yeroo gargaraatti qabsoon ABOn geggeeffamu qotee bulaa kan hammate waan hintaaneef milkaa’uu hindanda’u jechaa hololaa as gahuun isaanii nibeekama. Holololli saanii kuni dhugaarratti hundaa’ee? Eyyeen haalaan dhugaadha. Moodeeliin qabsoo gubbaa- jalaa dhabini hordofu ummata keessa gadi bu’ee akka qootee bulaa laakkoofisa gudda qabu hingurmessine godheera. ABT fallaa kanaan qotee bulaa hanga gooxiin foormulaa 1-5 jedhuun gurmessitee ummannni akka walirratti basaasu gochuurraa darbuun miseensa ishee miliyoonotaan baay’ifachuu dandeesse jirti.


  Gama biraatiin, ABOn qoonnan bultoota Oromoo qaama ummatichaa isa guddaa kan ta’e, ijaaree hojiirraa yoo oolchu hinmul’atu. Biyya ummanni baay’een qotee-bulaa ta’ee jiru keessatti, qabsoon qotee-bulaa hammatee, qoteebulaa hinolchiisine eessa gahuu danda’a? Mallas yeroo Leencoo Lataafi Diimaa Nagoo Suudaan keessatti argaa turetti wantoota inni sirriitti waa’ee isaanii xiinxaleefi cuunfee hubate keessaa tokko, ummata keessa gadibu’anii qotee-bulaa gurmeessuuf fedhii dhabuuf oftulummaa isaanti ture. Karabaatiifi suufii uffatanii Kaartuum keessa yeroo Diimaafi Leencoon  fooqiin jala waliif gadi deeman, wayyanonni qumxaa uffachaa, koshoroo nyaachaafi qoteebulaa isaanii gurmeessaa turani. Mallas ayyaanlaalatummaa Leencoofi Dimaafaarratti qorannoo geggeessaa ture, akka hiriyaa sanii ta’ee wajjin taphachuudhaan. Ammallee ilalchi akkasii qasoo Oromoo hayyoota qofaan geggeessina jedhu bal’inaan fudhatameet jira. Kuni dogoggora cimaafi seenarraa barachuu dhabuudha.



Dadhabinni moraa QBO keessa jiru itti fufeetuma jira; miidhaan diinni keenya nurraan ga’u akkasuma itti fufee jira. Miidhaan ummata keenyarra ammatti gahaa jiru miidhaa ummanni kuni otoo afursee lolee gahuu danda’uu olitti tilmaama. Lola keessa gallee loluu dhiisuun wareggama bilaashaa kaffalaa jiraachuun keenya dhumarra nubaleessa. Nuti ummata akkamiiti? Balaan akkasii ummata keenyarraa gahaa osoo jiranii akkuma biyyi nagaa ta’eetti ayyaanlaaltumman jiraachuun keenya waa’ee safuuf-safaqaa (morality) keenya maal nutti himuu danda’a?



Rakkoowwan asii olitti eeraman, barbaachisummma haaromisa atattamaa QBOfi ABO keessatti dhufuu qabu nutti mul’isa. Hubadhaa haaromisa keessaatan jedhe malee dhaaba diigaa dhaaba gantuu biraa ijaaraa jechaa hinjiru. Rakkoowwan jiran furanii mooraa qabsoo deebisanii itichuun QBOn bu’aa qabu geggeessuun ummata keenya manca’uu bifa adda addaa itti aggaamamee jiru jalaa baasuu mala. Haaromsi armaan gadi fiduuf irratti hojjechuu:



· ABOn rakkoowan jiran amanee fudhachuun furmaata itti barbaadu;


· Lola labsanii loluu dhiisuun ummata akka balleessaa jiru hubachuufi itti-gafatamummaan seenaa kan keenya ta’uusaa hubachuun sirreessuu;


· Faakiiwwan (moodeeliin) qabsoo Oromoo moofonni irra-debi’amanii laallamuudhan fakkiiwwan jijjiirama yeroo waliin walsiman uumuun hojiirra oolchuu;



· Qabsoon qonnaan-bultoota wiirtuu hingodhanne essayyuu gahuu kan hindadeenye ta’uu hubatanii tarsiimoo haaraa qonnan bulaa hirmaachisu uumuu;


· Barattoonni qabsoo nifiniiinsu garuuu Qeerroo qofarraa bilisummaa Oromoo eeguun balaa guddaa qaba;


· Araarri umnoota Bilisummaa Oromiyaatti amanan kan akka QCfi GS ABO gidduutti deemu atattamaan xumuramee ummanni bu’aa isaa beekisifamuu qaba;


· Hogganni waanuma hunda haaluufi sobuu dhiisee dadhabina jiru amanuun ummatarraa yaada fudhachuun yaadota sanneen haala hunda-hammatuun hojiirra oolchuu;


· Iccitiin dhaabaa karaa tokkoon seenee karaa biraa dhangala’uun akka hafu tarsimoo odeeffanoofi iccitii dhabaa tikisuu jabaataa qabatanii asi bahuu;


· Lola labsanii loluu dhiisuun uummata ibidda keeesa galchuun safuu Oromoo keessa waan hinjirreefi hanqina safuuti (unethical). Ykn loluu ykn dhiisuu malee taa’anii ummata ficcisiisuun hiika tokkollee hinqabu.


Bara 2014 kana keessa ayyaana WBO qofa kan itti kabajinu osoo hintaane, kabajamuun guuyyaa gootota WBOn daranuu akka lollu deegarsa hoggansaafi deeggarsa mahaallaqaa kan itti goonuuf ta’uu qaba. Biyya Itoophiyaa keessatti akka sochilee biyyoota Arabaatti qabsoon karaa nagaa nimilkaa’a jedhanii yaaduun seenaa biyyoota saniifi seena mataa keenyaa wallaalurraa ka’a. Biyyoonni biyya arabaa karaa nagaa kan qabsa’aniif lammummaa tokko, amantii tokkofi akeeka siyaasaa tokkoo waan qabaniif ture; dabalataanis baay’een saanii magaalaalee keessa jiraata turani. Biyya Itoophiyaa keessatti sagagantaaleen siyaasa ammuma lammiilee/garee sabaa biyya sanaat baay’atu; isaraatti dabalee immoo nafaxxanyoonni magaalalee biyyattii keessatti lakkoofisa irra guddaa qabu. Kana jechuun qabsoon nagaa biyya sanatti milkaa’uurra harreen gaanfa magarsuufi dhala gangee eeguun walfakkaata. Garuu, qabsoowwan waldeeggaran kalattii baay’een gochuun inuma danda’ama.


Sochiin haawsaa Oromo biyya-ambaa keessatti nam-tokkoleedhaan geggeeffaman kan akka "Oromo First" faa ammatti kan Oromoo barbaachisu umna sibiilaa qabaachuu ta’uu hubachuu qabu. Dinni Oromoo kan ammaan tanaa  eenyu jedhanii addaan bafachuun xiyyeeffannoo keenya qulqulleeffachuu feesisa. Akkasuma waliindhahaa diina ofitti baay’isuun dadhabina tarsiimooti/tooftaati. 


Yeroon itti shimala, eeboofi meeshaalee aadaatiin lolan darbeera. Ibiddi diinni keenya of harkaa qabu qaanqee keenya waan caaluuf, qaanqee keenya akkamitti gara ibiddaatti olguddisna jedhanii yaaduu feesisa. Akkamittiin haal bu’aa qabuun itti fayyadamina jedhaanii yaaduun barbaachisaadha. Haalaa kana caaluun, hogganna yaada ummata fudhachuuf qophii ta’e horachuun barbaachisaadha.


Waraana alagaa irra qubatee jiru ofirraa ittisuuf/qolachuuf, Oromiyaan haahidhattu!

__



Ilaalchonni barreeffama kan keessatti jalaqqisan ilaalcha barreessichaa qofa malee ilaalcha jaarmiyaalee biro bakkabu’anii miti. Kaayyoon barreeffamichaatis holola geggeessuu osoo hintaane, ummanni akka hubatu gochuudhaan hoggantootaafi dhaboonni rakkoo uumaa jiran akka itti gaafatamummaa fudhatan of-sirreessan gochuudha.



=>oromopress

No comments:

Post a Comment