Sunday, January 26, 2014

Maandela Irraa Maal Baranaa?

Baqqalaa Jiraataa irraa*
Barri 2013 barota darban keessaa adda ture yoo jedhame soba hin fakkatu. Bara 2013 kan adda isa godhee adunyaa mara yaadan walitti fiduu isaa ti. Dubbin adunyaa guutuu yaadan walitti fidee sochose, dubbachisee, gaddisise du’aan adunyaa kana irraa boqotuu Nelson Mandelaa (Madibaa) ti. Gotichi Afrika Nelson Mandelan erga dhukkubsatee mana yaalatti deddebi’uu eegale irra kaasee hawasni adunyaa kanaa guutuun waa’ee isaa jala bu’ee hordofaa ture. Midiyalee beekamoon haala isaa duuka bu’ani adunyaadhaf ibsaa turan. Dhukkubsachunis ta’e duuti hiree namaa, kan nama biraa hin hafne yoo ta’eyyuu kan Mandelaa adda ture. Hawwasni adunyaa kanaa du’a goota kanaa dhga’us ta’e arguu hin barbadne jechuun ni danda’ama. Dhugadha namni akka Mandelaa silaa du’uu hin qabu. Otuu danda’amera ta’e fakkeenya qabsoo bilisummaa, nagaa, araaraa fi namoomaa ta’ee barabaraan jirata ture. Garuu hangam jallatamaa ta’uyyuu qaamaan du’ee boqotuun isaa hin hafne.
Adunyaa kana irratti yeroo baayee yeroo namni tokko du’u hojii fakkeessa heddutu dalagama. Namichi yeroo lubbudhan jiru wanta inni hin ta’inii fi hin dalagin irra tuuludhan fakkeesu, saaduu, faarsu. Isa goota hin ta’inin goota jechuun, isa arjaa hin ta’inin arjaa dha jechun, isa badi dalagaa turen nama haqqatti jechuudhan faarsuun beekamaa dha.
Akka ilaalcha kooti kan yeroo jalqabaatif seenaa dhugatin adunyaa marti faarsee, saadee fi gadda dhugaa gaddef Gooticha Afrikaa Nelson Mandela ti jedhen amana. Mandelaa sanyii namaa kan ta’e maratu dhugumaan faarse yoo jedhame tasumaa soba hin ta’u. Mandelaa xiqaa fi guddatu faarse. Faarsuu qofaa miti ittin boonan. Mandelaan qabsa’aa, bilisa baasaa, abbaa jalala, abbaa araara, abbaa dhiifama fi abbaa adii fi gurrachaa jedhamee farfame. Goota Afrikaa kana faarsuu fi jalala isaaf qabuu ibsudhaf namni jecha isaaf gituu fi garaa isaa gahu argachuf itti rakkate.
Kana hunda maaltu fidee, maalif duti nama tokko adunyaa mara yaadan walitti fidee rasee bosisee? Deebin isaa gabaabadhumatti hojii/ dalagaa isaa ti. Kanaa ala homtuu hin jiru. Mandelan akkuma nama abbaa fedhee baatii sagalitti dhalate. Akkuma nama kamiyyuu harka, ija, gurraa, Walumaagalatti waan namni martinuu qabu qaba. Kan inni ittin nama kaan irraa adda ta’ee sanyii namaa garaa raase garuu yaada isaa fi dalagaa isatin. Mirga ummata isaatif ni qabsa’e, wareegama barbachisus ni kaffale. Waggaa 27 mana hidhaa keessatti gidiraa arge. Falmii isaa domsudhaf gabromftan biyyaa isaa irra ture aparthid waan danda’e hunda raawwatera. Mandelaan garuu biyyi Afrikaa Kibbaa hanga isheen biyyaa walqixumaa, biyyaa dimokrasii, biyyaa olaantummaan warra adiis ta’e kan warra gurracha keessatti hin mulatne umamtutti akka boodatti hin deebine mamii tokko malee ibse. Kayyoo kanafis yoo barbachisaa ta’e lubbuu isa kennuf qopha’aa ta’uu isaa kutannoo nama boonsun mirkanese xaddacha mana murtii apartheid fuullee dabbate.
Mandelan yaadaa fi fageesanii ilaaludhan warra adii caale argame. Ummatni gurrachi Afrika Kibbaa guddaa ta’uu isaa mullise. Mandelaan akka warra xiqqatti otuu hin taane akka warra guddatti yaade. Gurracha adiin tuffate hagam akka beeka fi namooma qabus ni mullise. Aadaa araaraa fi dhifama afrikallee ni agarsise. Diina tokko erga mo’anii booda haaloo darbe irratti bahun dadhabina malee jabina akka hin taane mullise. Kun dandeetti hogganummaa Mandelan qabuu fi nama guddaa ta’uu isaa agarsise. Mandelan waan hunda caalaa dandeetti hogganumaa qabun ummata isaas ta’e hawwasa adunyaa kanaa yaadan mo’e. Ummata hogganani bakka yaadame tokkoon gahuu jechunis isa kana.
Nuyi Oromoon Mandela irraa waan hedduu barachuu qabna. Akkuma isaa akka warra guddaatti yaaduu qabna. Adeemsaa fi toftaa qabsoo xiinxaludhan socho’uu danda’uu qabna. Siyaasni gabaa isa bitu qabachuu qaba. Haala qabtamaa yeroo kanaa yoo ilaalle hanga fedhe dhugaa qabatanif bakka yaadan hin gahan. Siyaasaa hawwasni adunyaa kana nama irraa bitu qabachun dirqama. Qabsoon siyaasaa adeemsisus kan hawwasni adunyaa kanaa gurra kennuf ta’uu qaba jechu dha. Kan midiyaleen adunyaa kanaa hordofan ta’ee mullachutu irra jira. Dhimma kana ilaalchisee gorsa hogganaan repheloltota bilisummaa Algeria dr. Musxafaa kan jedhamu kennef Madibbaan akkas jechudhan ibse. “Not to neglect the political side of war while planning the military effort. International public opinion is sometimes worth more than a fleet of jet fighters.” Yeroo qabso hidhannoo gaggesan siyaasnis dagatamuu hin qabu. Yaadni hawwasa adunyaa takka takka gurmuu xiyaara waraanaa caalaa jechudha gababatti. Gorsi kun kan Mandela/ Madibba f kenname baroota dheeraa dura ture. Haala yeroo sanattillee qabsoon ummata tokkoo qalbii hawwasa adunyaa argachuu akka qabutti amanama. Haala harr’atti moo yaadni hawwasa adunya kanaa bayee barbachisaa qofaa miti dirqama ta’ee argamaa jira. Kanaafuu siyaasni Oromoon adeemsisus kan qalbii hawwasa adunyaa kanaa hawwatu ta’uu akka qabu waan nama wal gaafachisu miti jedhen amana. Walumaa galatti Siyaasni/qabsoon mirgaa fi bilisummadhaf adeemsisamu qalbii hawwasa adunyaa kanaa akka hawwatuu fi dhageetti argatuf siyaasa ummata Oromootin walgitu yoo adeemsisuun danda’ame qofaa dha. Kana irratti yoo walif galuun danda’ame karaan qabsoo ni gababata, wareegamni kaffalamus ni xiqqata.
Waggoti 20 boodatti deebine yoo yaadane barota 1991 fi 1992 Oromoon ummata walif galee afaan tokko dubbatu ta’ee ture. Ummata humna qabu ta’ee mullatee ture. Sabaa fi sablamotni biyyatti gaddiduu Oromootif ulfna kennuu eegalanii turan. Barota sana Oromoon ummata simboo yookin adda qabu ture. Filannoo gandotaa bara 1992 adeemsisame irratti namotni ABO bakka bu’anii dorgoman sagalee ummataa guddaa argatanii Finifinnee keessatti filatamun isaanii ni yaadatama. Namootni duratti Oromoo tuffataa turan “ani akakayuun kiyya Oromoodha, ani garuu afaan Oromoo hin beeku jechuu eegalanii turan.:
Afaan Oromoo nuyi (dhabbileen siyaasaa Oromoo) harra sagantaa siyaasaa keessatti afaan hojii biyyatti haata’u jennu yeroo sana namootni otuu hin gaafatamin yookan hin dirqamin barachuu eegalan. Kana maaltu fide yoo jedhame tokkummaa, jabina jaarmiyaa (ABO), walii galuu fi afaan tokko dubbachuu keenya. Tokkummaan humna, yeroo tokkummaan jiru kabajatu jira, ulfinatu jira, sodatamutu jira. Ummattotni biyyatti Oromoon aangoo siyaasaa qabachutti dhiyate waan jedhanii yaadanif of qopheesuu eegalani turan jedchuun ni danda’ama. Angoo siyaasaa jechun maal akka ta’e ummatni ni beeka. Aangoon siyaasaa waan hundaa akka ta’e muuxannoo gahaa waan qabuf.
Ega bara sanaa asitti Oromoon aangoo siyaasa biyyatti irraa yeroodha gara yerootti fagata dhufe. Kun waggooti 20 darban kana ifatti mullatera. Sunimoo akka irranfatamnu nu taasisera. Ulfinaa qabnus nu dhabsisera. Numanuu garaa gara nu tamsase. Dhiyoo kana oduu aja’ibaa tokkotu karaa TV “ESAT” jedhamu tamsa’e. Innis Mootummaan Itophiyaa G7 wajjin mari’achuf gaafate kan jedhu. Dhaabni G7 jedhamu kun dheengadda dhalatee yeroo ammaa kana innis biyya Eritira madhefatee socho’aa akka jiru ibsatera. Gaafin araaraa mootummaan Itophiyaa dhiyeesef jedhamu Kun holoa Biranuu Naggaafaa ta’un ni beekama. Garuu kun nuf Oromodhaf ergaa maalii dabarsuf akka hololi kun deeme tilmaamuun nama hin dhibu. Gabaabadhumatti isin hin jirtanii jechuu dha.
Nelson Mandelaan yeroo haalli akkasi dhaba isaa ANC mudate jedhee yaade akkas jedhe: “ANC was in danger of becoming marginalized unless it stirred itself and took up a new method.” Kun jechun ANCn siyaasa keessaa gara moggeeefamutti deemaa jira kanaafuu dafee haala jiru ilaallee of sirreesuu qaba jechchuu isaa ti. Haala jiru hubatanii toftaa jijjirudhan socho’uf qophee ta’uu jechuu isaa ti. Hogganaa qabsoo ummataa irras kan eegamuu isa akkasiti.
Siyaasni biyyatti kan adeemsisamaa jiru biyyaa keenya Oromiyaa keessatti yookin irratti ta’uun isaa ifaa dha. Dr. Gammachuu Magarsaa dhiyoo kana waan nu hubachise tokkotu jira. Maqaan Itopiyaa fi Oromiyaa walirra oole jedhe. Misensotni sabaa fi sablammota biyyatti hundi kan keessatti argaman Oromiyaa waan ta’ef Itophiyaa jechun Oromiyaa jechuu dha. Oromiyaa jechunis Itophiyaa jechu dha jedhe. Kun jechuun Oromoon ykn. Oromiyaan biyya Itopiyaa jedhamtu kana akka utubaa manaa walitti qabee jirachisa jirachuu isaa ti. Waan kana ta’eef maqaa Itopiya jedhu lagachuu hin qabnu, kallatidhan Oromiyaa ilaala waan ta’ef. Amma garuu baayeen keenya damaqaa waan jirru fakkata. Gidduu kana falmii waa’e seenaa tortoraa Miniliki ilmaan habashaa afarsanin walqabatee Oromoon jijjirama yaadaa guddaa argamsisera. Kunis maqaan Itopiyaa jedhu nun Oromoo fi sabota Kush ta’an ilaala malee habashaa hin ilaaluu jechudhan paltalk irratti habashota afaan qabachisaniru. Qubattota habashotatu biyaa keenya irratti abbaa of tasisee nutti falmaudhan biyyaa asii hin qabdan nuun jedhaa jiru. Garuu dhugaan isaa Itophiyaan kan keenya malee kan isaanii ta’uu hin dandeesu.
Yeroon kana jedhu Itophiyaa Oromoo qofti dhuunfatee akkuma habashotaa kophaa abbaa itti ta’ee ummatota hafan hacuuca jechuu miti. Mirga abbaa biyyummaa Oromoo mirkanesudhan sabota fi sablamota biroo wajjin biyya walqixummaa fi walkabajanii keessa jiratan umuu jechu dha. Nuyi Oromoon qabsoon keenya eenyummaa keenya akka hin sochonetti deebisnee gadi dhaabuu, sirna federalism sabdanesaa dhugaa ijaaruu, biyya sabotaa fi sablamotni biyyatti waqixummadhan keessa walin jirataan Itophiyaa haaraa ijaarudhan oftuulummaa hundeedhaa buqisani ballesuu kan jedhu ta’uu qaba.
Dhugaadha sabbontotnii fi qabsa’otni gameesotni Oromoo yaada kana qabatanii dhaaba haaraa Adda Dimokratawaa Oromoo (ADO) jedhamu hundesani sochii irra jiran jiru. Dimokraasin aadaa Oromoo ti. Sirna gadaa Oromoo ti erga jennee dhugadhumatti dimokratawaa taanee argamuu qabna.
Ammas yaada Madibaa tokkotti fayadamuun barbada asiratti, innis akkas jedha: “That only a democratic state, based on the will of the people, can secure to all their birthright without distinction of colour, race, sex or belief.”Kunis mirga umaadhan ummattotni qaban mirkanneesuun kan danda’amu yoo mootummaan dimokratawaa fedha ummattotaa irratti hunda’e ijaarame qofaa dha jechudha.
Sirni Gadaa Oromoos duratti akkasuma ture. Sirna Gadaa keessatti namni hudumtuu walqixa, garagarummaan hin jiru ture. Sirna gooftaa fi garbumaa kan nutti fide halagaa dha. Sirna gadaa dimokraasii keenya kan ittin boonuu dandeenyu yoo dhalotni ammaa kun hojidhan agarsisuu danda’e qofa dha. Hojidhan agarsisu jechun moo yoo biyyatti Itophiyaa jedhamtu kana akka isheen sirna dimokratawaa irraatti ijaaramtuf Oromoon adda durummadhan socho’e qofaa dha akkuma ADO lafa ka’etti.
Hawasni adunyaa kanas kan Oromoo irraa eega jiru kanumadha. Kanaafuu, nuyi Oromoon heera haaraa biyyi itopihyaa ittin bultu qopheesudhaf itti gaafatamummaa guddatu nu irra jira jedhen amana. Sabootaa fi sablamotni biyyatti Oromoo eegaa akka jiranis beekuu qabna. Ani kana qabatamatti afaan guutee dubbachuu nan danda’a, yoo xiqate ganna shanif dhabbilee siyaasaa sabota biyyatti bakka bu’an wajjin dhimma siyaasa biyyatti irratti yeroo hedduu mari’adhera waan ta’ef.
Kana mirkanesachuf yaada ummattota/ sabaa fi sablamootaa/ gaafatanii ilaaluu ni danda’ama. Harr’a haalli mija’aadha yada ummataa gaafachudhaf. Muuxannon Madibbafa/Mandela/ kanaf ni gargara. ANC n dokumantii “Freedom Charter” jedhu qophese. Ummata biyyatifis gaafii akkas jedhu tamsase. “If you could make the law … what would you do?”Otuu heera baasaa isinin jedhame maal gootuu kan jedhu gaafin ummataf tamsa’e.
Yaadni ummatni kenne adeemsa siyaasa ANC tif bu’aa guddaa buuse. Isa irratti hunda’ee ibsa akkana jedhu baasee guutuu ummata biyyatii fi hawasa adunyatif labse. Labsin isaas akkas jedha ture: “We, the people of South Africa, declare for all our country and the world to know that South Africa belongs to all who live in it, black and white, and that no government can justly claim authority unless it is based on the will of the people.” Kunis afaan Oromootti biyyi Afrikaa Kibbaa kan ummattota keessa jiratanii, kan gurrachaa fi adii yoo taatu mootummaan kamiyyuu fedha ummataa malee aangoo irratti qabachuu hin danda’uu jechu dha.
Nuyi Oromonis wacaa fi holola abdii kutannaa ilmaan habashatif gurra kenninee yeroo keenya ballessuu dhiisnee yaada ummata guddaa fi aadaa dimokrasii qabu tokko irraa eegamuu fi dhiyaachuu qabu tokko ummattota Itophiyaa fi hawasa adunyaatif labsuu qabna. Dhabbileen siyaasaa Oromoo walitti dhufanii ejjennoo akkasi fudhachuu qabu jedhen amana. Tarii Addi Dimokratawaa Oromoo (ADO) kana irratti ni hojjeta jedheen amana. Hojjechus qaba. Kun hojii hattattama ta’uu qaba akka yaada Koo ti. Kana irratti beektoti, hayyotii fi maanguddoti Oromoo yaada kana deggaran ADO cinaa dhabbatanii yaada isaanii gummachuu qabu. Yaadni akkasii gonkumaa akka kaayyoo gatutti yookan akka “revisionist”tti ilaalamuu hin qabu. Akkuma Mandelaa mormitota keenya yaadaan caallee argamuu qabna. Seenaa abbatu tolfata malee namni namaaf hin tolchu. Oromonis akkuma Ummata Afrikaa Kibbaa seenaa isaa haresuudhan tolfachuu qaba.
Nelson Mandelaa kan du’a irra hambisee adunyaa kana irratti nama mararfatamaa akka ta’uu kan godhe ilma Oromoo kapiten Guutaa Dinqaa ti. Guutaa Dinqaa guddina ummata Oromoo aduynaan kun akka beeku godhera.
Janaral Taddasaa Birruu erga Mandeladhan wal arganii booda haala ummatni isaanii keessa jiru hubatanii gara falmii mirgaa ummata Oromootti akka fuullefatan kan jedhu yaadni ni jira. Janaralich Mandelaa irraa waan baratan qabuu jechuu dha. Isaan waan baratan sana hojirra oolchuf socho’anii utuu bakkaan hin gahin hafaniru. Dhalotni Oromoo harraa kunis Mandela irraa waan baratu qaba. Siyaasa bilchataa ademsise Itopiyaa jijjiruf qopha’uu fi hojjechuu.
Kun yaada koo dhuunfaa ti. Namni waan of harkaa qabu darbate sodataa hin jedhamu jedha mamaksi Oromoo. Namootni keessumaa yaada kana hin fudhane akka jiran ifaa dha. Garuu akkuma Oromoon dubbi baha hin dhorkin gala dhorki malee jedhe sana, maalif yaada kana dhiyeesite jedhamee abaramuu hin qabu. Yaadan garagara ta’uun kanuma jiru dha.“Despite our disagreements, we were all gentlemen.” Yaadan garaa garaa yoo taanes hundumti keenya yyuu naamusa qabna jedhe Mandelaan. Kunillee waan isa irraa baranu keessa isa tokkoo fi isa angafa jedheen yaada.
Hayyee, Hayyee!
Waaqa Umaa, Waaqa Umamaa!
Afaan keenya tokko godhi!
Warra walif galee alaa galu nu godhi!
Galatoma.
Baqqalaa Jiraataa – Swidin irraa (bji2050@yahoo.com)

No comments:

Post a Comment