Thursday, January 30, 2014

Oromoon karaa filannoo nagaan angoo qabate habashota waliin jirachuu ni danda’aa?

Kutaa 1ffaa
By Miliyon Taddesse
Miliyon Taddesse
Miliyon Taddesse
Barreffamni koo kun gaaffii  lama of keessaa qabdi tokkooffan Oromoon biyya Itophiyaa jedhamtu keessatti karaa filannoo nagaan mo’atee wayyaanee angoo irraa busee angoo qabachuu ni danda’a? Lammaffaan ammo Oromoon biyya Tiphiyama jedhamtu kana keessaatti ilmaan habashotaa waliin ta’ee enyummaa fi mirgii isaa kabajamee  jiraachuu ni danda? Kan jedhu dha.
Garaa qaama barrefamakotti gaafan seenu,akkuma beekamu Ummatni Oromoo akkuma saboota addunyaa kana irratti argamanitti, ummata seenaa of danda’ee, biyya sarara daangaa beekamaa qabu, aadaa, afaan, duudha fi qora-qalbi sabbummaa kan barootaa kumaatamaan lakkaawwaman kuufachaa dhufe kan qabuu fi seenaa bulchiinsa fi aadaa siyaasaa adunyaa kanaaf bu’ura dimokiraasi kan ta’ee, sirna gadaa kan qabu akka turee seenaan jiruu ragaa ni ba’a. Haa ta’u malee garuu ummatnii Oromoo akka nagaan hin jiraanne bara minilik humnaan biyya isaa weraree lafaafi qabenyaa isaa irra fudhatee enyuummaa Oromoo kan Amaraatti akka jijjiramu taasisee kasee senaan, afaani fi Aadaan Oromoo yeroo yerootti babadaafi cunqurfaamaa kan dhufee yoo ta’uu Ammalee jijjiirama bifaa fi maqaa yoo  ta’ee malee ittuma fufee jira,Barota dheraa darban kessa eegdoota sirna kiyoo gabroonfatoota Amaaraara (warren saba Oromoo human Amaaromsan), waggota 22 as ammo egdota sirna kiyoo Itoophiyaa kan ta’an  hogganoota Wayyaaneetiin warranni Oromoo balessuu ittuma jira. Fuldurattii kun Oromoo irraa ni dhaba hin dhabbatuu waluumaan ilaalla. Waanin kaasuu barbaadu garuu akka kiyyattii, gitni bittaa garee lamaan kun bifa isaanituu adda adda malee isaan Oromoof tokkuma, sabaabni isaas sirni kiyyoo gabrummaan ummata  Oromoo  fi Oromiyaa irratti dirriirfame kuni dantaa gita bittuu Habashotaa kan walii gala kan eeguu fi tiksuu malee dantaa Oromoo kan eguu fi tiksu miti. Sirni gittota bittaa Habashaa lammeenu sirna aadaafi Afaan Oromoo jibbuu  garuu sirnaa qabeenya  ummata Oromoo jaallatu fi saamuu dhan jiraachuf barbaadu dha. Waldhabiin gittota lammanii kun Oromiyaa irratti ool aantumaa gartumaa siyaasaa qabaachuuf irraan kan ka’ee altokko tokko wal moormu, yeroo Oromoon jabbaate tokko ta’ee ka’uu garuu lammen isaanu  oromorratti ka’uuf tokkumma umuu. Kanaaf ammo raga kan ta’uu seenaa walhubannoo fi waliigalteen Miniliki fi Yohaannis kan Dirree Boruu ni himaa.
Warren Habashaa egaa har’as boris kan isaan irratti yeroo hunda walii galan kessa; sab-boonnumaan oromo akka hin dagagnee gochuu innis: aadaa, seenaa, afaan duudhaa fi waan Oromoo saboota biro irraa adda isa godhuu akka lafa hin qabannee gochuu, fedhii isaa fi qabeenya biyya isaa irrattii mataa isaan ajajaa akka hin taane, sabni Oromoo  bilisa ta’ee waan kiyya kan jedhu hunda akka mataa isaatiin ajaju hin dandenye godhu dha. Kanaaf Warreen habashaa kalessas, har’as, gara fuldurattis ummata Oromoo fi  enyumaa saba Oromoo adunyaa kana irraa dhabamsisuudhaan maalummaa isaa fi seenaa isaa Irranfatee habashaa fakkaatee, ofitti qaana’ee, enyumma isaa dhisee isaan akka habashummaa akka enyummasaa jedhee himatu barbaadu. Kaayyoon isaanii hojii abbootiin isaanii  jalqaban dhuggoomsuu fi fiixa baasuuf, sabni Oromoo akka Itoophiyuummaa fi enyummaa Itoophiya akka mallattoo isaatti fudhatee faalla seenaa isaa dhaabatu godhanii tursiisudhaaf akka ta’ee jala murre kan hundi kenyaa hubanne dha. Rakkoon ummatni Oromoo eega kiyyoo garbrummaa warra  Habashaa jalatti kufe kaasee irra ga’ee; ajjechaa, biyya isaa gadhisee baqaa deemuun bakka baqaatti du’uu,senaan Oromoo inni dhugaan senaa sobaa kan isanitiin dibamuu fi laaqamuu,qabenyaan saamamauu, beela, gadadoo, tuffatamu, akka gad antummaatti ilalamuu, dhiphinaa, salphinaa fi dhumiinsaa dha. Hangaa yonaa garuu Oromoon rakko kana jalaa ba’uuf hin dandeenye sababiin isaas haallii siyaasa Oromoos ta’ee kan Impaayera Itophiyaa hedduun walxaxaa fi kaan umrii wayyaanee dheressuf  mija’aa ta’ee argamaa jiraachu dha. Walxaxaa kan isa taasisaa jiruu keesaa tokko dhabotni siyaasaa Oromoo gara garaaraa yeroo yerootti bakka adda addaatti dhaabbachuun walii isaanii fi ofii isaanii giddutti akkasumas  warren Habashotaa tayitaarra jiranis ta’ee taytaarra ba’uuf deeman giddutti falammii deemsisaa jiran irraan kan ka’e dha. Humni TPLF jarmiyootni siyaasa Oromoofi warren biro isa morman waldura dhaabbannoo isaan walii isaanii giduutti geggeesaniif haala mijaawaa uumaafi jirachuu hubateraa. Toftaan kunis Oromoon akka  cimee isa dura hindhaabaneef aanjaa uumaafi jirachuu hubataniruu. Haga humnooti Oromoo siyaasaa wayyanee kana morman kun humna isaanii wal-irratti fixanitti wayyaneen umrii bullchiinsa sukkanessaa isaa taakkuu tokko fi lama achi butata jira. Wayyanootni ofii isaanii rakkoo waal gidduttii ha qabaatanillee malee rakkoo isaanii dabarsaanii qamaa biraattii hin kennaanii kun ammo toftaa fuula duratti isaan ademsisuuf ykn  butuuf isaan qopheessa, haalas ni mijessafi. Warrii Amaaraas akkasuma qaawwaa argameen Oromoon akka waldiguu fi qabsoon sirnaa abbotii isaanii deebisuuf gaggessaa jiraan akka cimu hala mijataa ummachaa waan jiran fakkaata.
Rakkoo guddaan fulduratti Oromorratti gabrumma dheressuuf haala mijataa umuuf jiruu keessa inni tokkoo jarmiyotnii Oromoo ilaalchaa walirraa fagaatee horachaa deemuu fi Oromoo yadaan walirraa fagaassaa deemuu isaaniiti. Kana keessaa tokkoo Oromootnii qabsoo bilisummaa Oromoo irraa adda ba’aanii kayyoo bilisummaa kan lubbuun ilmaan Oromoo hedduun irraatti dhumee dubatti dhiisanii  Itopiyaa dimokrattoftee umna jedhanii warren humnaa Oromoo bakkaa hedduutti digan umamaa dhufuu isaaniti.
Ani akka shammarree Oromoo tokkootti yeroon yaaduu, jaarmiyotni  amma biyya Itophia keessatti warren Habashaa waliin taanee sirna warraaqsa dimokrasi dhuga dhabnee Oromoo angessinee Habashoota waliin taanee  jiranna jedhani maqaa adda adda dhan of moggaasani qabsoo bilisumma Oromo irra achii ba’anii of gurmessun bu’aa isaan gara fuldurattii fidan  jira jedhee waan  natti  mul’atu hin jiru. Daranuu sammuu dargaggotaa fi qabsa’ota Oromoo ballessuufi  tokkumma  ilmaan Oromoo diigu, lafeefi dhigaa qabsa’oota Oromoo bilisummaa Oromoof jechaa caccabee fi dhangala’ee akkanumaan  dirree irratti hambisuu male faydaa ka bira Oromoof  ni qabataa jedhees hin yaadu . Biyyi Impayera Itophia jedhamtu kellessas har’as boris Oromoof mana hidha, mana saamichaa fi mana enyummaa Oromoo balleessu malee mana Oromoo ijaaru miti. Kun waanuma duris ta’ee ammas umrii keenya kana keessattii hubachaa dhufne  dha. Hara’as jalqabarratti dhihenyuma kana kessattii waan bay’ee arga waan jirru dha.
Mee qaphxiiwwan adda addaa kaasuun barbaada.
Qabxii 1ffaan ka’uu qabuu wayyanee karaa filannoo nagaan angoo irraa busuun ni danda’amaa?
Kana ilalchisee; akka anii mataa kiyyaan yaadutti yoo jaarmiyotni amma kara  maqa Oromoon gurma’ani biyya galuun Ithiopia dimokratessuf  jecha Wayyanee kara nagaan  qawwee malee qabsoofne angoo irra busnee Oromoo garaa angoo qabsisuutti fidnaa jechuun wan tasa yaadamuu hin qabnee dha. Kana ammo akka ragaattii waggottan hedduu kana keeessatti addunyaan marti kan hubatedha, nutis hundi keenya waan argaa jiruu dha. FKN yoo fudhanne, waggottan darbaan keessattii warren qabso bilisumma Oromo abaaranii biyya keessatti gurma’anii filannoo irratti hirmaachuun qabsoo kara nagaa gaggessa jiran irraa barachuu hin dandeenyu taanaan kun rakkoo adda bira akka qabnuu agarsiisa. Numaaf galuu didee malee Malasa Zanaa haala tuffii of keessaa qabuun  durumaanuu ifatti labsataniruu. Akka Malasaa Zenaa utuu hin du’iin dura dubbatettii; qabsoo lafeefi dhignii ilmaan Tigray hedduun itti dhangala’ee karaa filannoon fudhanna jechuun waan hin yadamnee jedhee turee. Ammas kanumaa nutti agarsisaa jiru.
Obboo Bulchaa Dammaqsaa yoo fudhanne ilaallee waa bayyee irraa baranna. Jalqaba Obboo Bulchaan dhaaba qabsoo bilisumma abaarudhaan sirni federalisimi ummata Oromoof ga’a dha sirna kanaan  olitti Oromoof waan biraa hin barbaachisu jechuun biyyatti debi’anii qabso filanno eegalani. Yero amma garu sadarkaa Obbo Bulchaa Dammaqsa irra jiran baruuf hundi keenyaa waan gaffii nu kasisu miti. Kara nagaan falmatanii motummaa Wayyanee angoo irra fudhachuun akkasumas mirga ilmaan Oromoo biyya Itophia keessatti kabachisuun akka hin danda’amne hubatani harkaa fi milaa  sassaabbatani ta’uuf murti irra ga’ani jiru. Yeroo darbaan kana keessattis Obboo Bulchaan kan falmii gaggeessaa turaan Wayyanee qofaa waliin hin turree warren tokkumma Itophiyaa jedhanii kessa isaanitti summii Oromoo fixuu baatanii maqaa tokkummaatiin socho’aa turan walinis turee, kunimmoo sababoota maalirraan ka’anii akka ta’ee garaa boodaatti ibsufan yaala.
Dr. Marara Guddinas yoo fudhannee jalqaba barreeffama isaatiin dhaba OLF abaaruun  jalqabani, ummata Oromoof kan barbaachisu sirnuma amma biyya Itophia keessa sabota biraa waliin jiraachuu ta’ee garuu sirnaa federalizimii dhugaa ta’uu qaba  jedhani qabsoo filannoon Wayyanee mo’atani Oromoo angoo qabsisuu egalani. Haata’u malee qabsoo Dr. Mararanis ta’ee deggartotni isaan gaggeessaa turaniin bu’aan isaan fidan waa takka hin jiru. Kan Dr. Mararaan amma jechaa jiranis filannoon dorgomani motumma Wayyane angoo irraa fudhachuun waan hin yadamneefi filannodhuma irratti hirmachuun bu’aa akka hin qabnee fi Oromoo bilisa basuuf toftaan adda biraa yoo umamee malee akka filannodhaan hin danda’amne haasaa isaanii keessatti  yeroo adda addaattii ibsa akka ture argineerra. Dabalataaniss Dr Mararaan yeroo adda addaattii barreeffamota isanii irraattii sochiin warren Wayyaness dabalattee warren Habashaa enyummaa Oromo balleessuuf deeman waan ummata Oromoo garaa haala fokkisaatti adeemsisuu akka ta’ee ibsaa turaniruu. Waluuma gala garu bu’aan filannoon kara nagaa Oromoof argamsisee  hidhafi ajjeecha hojirra ari’amuu ilmaan Oromo malee bu’a tarkanfataa fide hin qabu. Waan nama gaddisiisu keessaa qabsoo kara nagaa jedhamee gaggeffama ture kessattii kan midhamaa ta’ee warren gaggessitota osoo hin ta’iin miseensotaafi deeggartota warren jala jiraan ture. Sababiin isaas motummaan Wayyane toftaan itti fayyadame gaggeessitoota warren addunyaan isaan bektu dhabamsisuu osoo hin ta’iin deggartotafi miseensota isan jala jiran qulqullessudhaan gaggeessitotaa qofaa isaanii mataa gubbaarratti hambisun dhaba isaani lamshessu ture. Kun ammo Wayyaaneef fixa ba’insaa argamsiseera. Yeroo amma miseensotni fi deggartotni dhaba kana heddun shorerkessittuu jedhanii maqaa sobaa itti maxxansanii mana hidha kessattii darararamaa jiru, kan hidhaa irra hafe Bulcha dammaqsafi Dr. Mararaa akkasumas darbe darbee namotni xiqqon hafani ta’u danda’a. Kan hoji isaa irra ar’iame akkasumas kaan Wayyaanee fi OPDOn wabii jireenyaa dhabsiisuun darara jirtu ammo lakkoofsaan heddu dha. Ammas wanti gara fulduratti jaarmiyoota siyaasaa Oromoo kan akka haaratti  ijaaramaani fi  ijaaramaa jiran   kana eggatu kana irraan adda natti hin fakkatu. Dr. Nagasoo yoo fudhanne ilaallees waan bay’ee irraa baraanna. Innis Dr. Nagaasoon ergaa angoo presidantummaa Wayyanee dhitanii ba’anii kaasee sochii qabsoo kara nagaan Wayyanee angoo irra busuu gaggeessaa turaniruu. Dabalatan ammoo Dr. Nagaasoon Oromoo irraa achii ba’anii dhabota Habashaa  warreen summii Oromoo balleessu of keessatti bataananii maqaa tokkuumma umattota Itophiyatiin socho’an waliin ta’anii sochirra turaniiru, yeroo amma garuu isan walinillee hojjechuu  waan hin dandenyeef dhaba isaniis gadi lakkisanii qabsoon biyya Itophiyaa keessatti gaggeffamu na ga’aa jedhani ba’aniruu. Kunis sababoota waan heduu of keessatti qabaata gara boodaatti itti dhufna. Ammas wanti gara fulduratti jaarmiyoota Oromoo yeroo  amma akka haarawaatti  bakka sagaltamii sagalitti ijaaramaa bu’aa isaan busuu danda’ani humnaa fi tokkumma Oromoo addaan cicciruu malee bu’aa adda biraa waan fidan tasuma natti hin mul’atu. Sababiin isaas kayyoon dhaabota kana kayyoodhuma motumma Wayyane waliin wali galte umudhaan sabota biro waliin ta’uun kara nagan falmani mo’achuun sirna warraqsa federalizimi  wal fakkata umuudha waan ta’eef. Haala waggota hedduu kana keessa  hubanneerran kan ka’e Wayyane kara nagan falmani ango irra molquun mirga Oromoo kabachisna jedhanii yaaduun abjuu guyyaa keessa abjotamu natti fakkata.
Qaphxiwwaan warren kan ammo kutaa 2ffaan itti fufaa. Galatoma!
Yadaa yoo qabaattan kanaan na ergaa, miliyontaddesse@gmail.com
Oromian ni bilisoomti!!

No comments:

Post a Comment