Wednesday, February 26, 2014

Barattooti Mooraa Kolleejjii Barsiisota Kotobee Diddaa Gabrummaa Eegalan.

w1Guraandhala 26 mooraa Kolleejjii barsiisotaa kutaa magaalaa Finfinnee Kotobeetti argamu keessatti barattootni Oromoo dhimma qabxiin wal qabsiisanii diddaa kaasuudhaan mootummaan Wayyaanee diddaa kana qabbaneessuuf  jecha tikoota isaa mooraa kanatti remade jedha Qeerroon koollejjii mooraa barsiisota Kotobee irra.
Akka madda gabaasa Qeerroottii kaleessa Guraandhala 25 barattooti wal gayii teesisuudhaan qabxiilee ejjennoo lama kaayyatan.
  1. Kanaan booda qabxiin dhaabbataa (fixed) ta’a malee akka argannoo qabxii mitii kan jedhu barattootatti himanii waan jiraniif barattootni yaada kana hin fudhannu,nu miidhuu barbaannaan kallattiidhaan akkuma nu miidhaa jirtaniitti itti fufuu dandeessu gaggeeffamni qabxii akka kanaan duraatti itti fufuu qaba jedhuun gaafachuu fi yoo mootummaan kan dide barnoota dhaabuun gaaffiin mirgaa akka itti fufamu.
  2. Gaaffiin mirgaa biyya Itiyoophiyaa keessatti ka’ee jiru kan haqaa fi kan mirgaa waan ta’eef cinaa ni dhaabbanna. Hidhamtooti yakka malee maqaan siyaasaan hidhaman akka gadhiifaman,warri lafa irraa buqifaman qe’eetti akka deebi’an.
w2Kanneen jedhan yeroo ta’u barumsa dhiisanii mooraadhaa bahanii kan turan yoo tahu,har’as addatti diddaa bakka hundaatti eegalee jiruun wal qabsiisanii barattootni Oromoo mooraa kanatti argaman mooraa keessatti waraqaa qabsoo adda addaa maxxansuudhaan,fincila kaasanii kan turan yoo tahu waraanni Wayyaanee meeshaa guutuu qabachuudhaan doorsisaaf gara mooraa koollejjii kanaatti ramadamanii oolan guutummaa guyyaa har’aa.akkasuma akeekkachiisa dhumaa yoomiyyuu hin barbaannu hoogganamuu kan nu hoogganu qabna,rasaasaan nu fixuuf dhuftanii jedhuun gaafffii isaanii dabalataatiin ammas diddaa mooraa keessatti kan jabeessan yoo tahu barataan mooraadhaa hin bahu,waraanni Wayyaanee mooraa koollejjii kanaa marsee kan jiru ganamaa ka’ee halkan kanas kan itti fufee jiru tahuu isaa Qeerroon gabaasee jira.
Barattootni barumsaaf fedha akka dhabanii fi roorrifamuu irraa walaba tahuu feena kan jedhus dhaadannoo tikoota Wayyaaneetti dhageessisaa jiru,diddaan isaanii akka itti fufu gabaasaa Qeerroo irraa hubatama. FDG bakka hundaatti itti fufa!

No comments:

Post a Comment