Friday, February 28, 2014

Barattooti Oromoo 15 Yuuniversiti Mattuu irraa arihamuun osoo isaan hin dhaabiin gaaffii mirgaa fi FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo Mattuu amma illee itti fufe.

QerroooGabaasaa Mattuu: Guraandhala 27/2014 FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaan belbelfamaa jiru gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Mattuun walqabatee itti fufee jiraachuun beekame. Goototni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu guraandhala 23-24 barruulee warraaqsaa FDG magaalaa Mattuu fi Yuunivarsiitii Mattuu keessa uummataa Oromoo fi baratoota Oromoof bittinneessuun, diddaa sirna Wayyaaneef qaban beeksisan.Guraandhala 26 irraa eegaluun fincila nyaataa lagachuu itti fufanii jiru.
Itti fufuun baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu balleessa tokko malee baratootni keenyaa 11 baatii darbee keess barnoota irra arii’atamanii jiru, nutis boru teenyee carraa obbolaa keenyaa eeggachuun walaalummaadha, kanaafuu class gallee hin barannuu dursinee mirga keenya haa kabachiifanu jechuun dhaamsaa waliif dabarsaa barnoota irraa arii’amuu baratoota Engineerota Oromoo 11f itti gaafatamaan bulchiinsa Yuunivarsiitii Mattuu fi mootummaa Wayyaanee ta’uu hubachiisuun, baratootni barnoota irra arii’ataman jedhee wayyaaneen maqaa ijoollee Oromoo 11 maxxansee jiru, baratootni kun nu gidduudha akka hin deemnee fi harka wal qabannee mirga keenya akka kabachiifannuu jechuun FDG haalaan cimaa fi abdachiisaa ta’ee itti deema jiraachuu ibsatan.

No comments:

Post a Comment