Thursday, February 27, 2014

BUQQIFAMA OROMOOTA SHAGGARII fi NAANNOO ISAA – Kutaa Lammaffaa

Taammanaa Bitimaa irraa | Guraandhala 27, 2014
DURADUBBII
Barreeffama kutaa tokkoffaa akka argattanii dubbiftan nan abdaddha. Isa dabre matadurree “SEENSA” jedhamu jalatti otoo hin xumuratin bulleeyyu. Kunis waan barreeffanni sun dheeratee isin hin nuffisiifnee fi yeroo keessan isin jalaa hin balleessineef jedhameeti. Yeroo ammaa kana jiruu fi jireenyi namoota keenyas tahee kanneen biroo olii-gadi fiffiigsisaa, waan jiruuf yeroon nama jalaa hanqata. Ani kanaafan barreeffata kanas tahee, kanneen biroo kutaa kutaan gaggabaabsee dhiyeessuu filaddhe. Isinis mala kana akka deeggartan nan abdaddha. Egaa, mee amma bakkuma dhaabate sana irraa kaaafameeti itti-fufamaa, kutaa isa kanas mee duukaa-bu’uuf yaalaa!
SEENSA
Ammas seenaa Oromoota Kurnan Gullallee isa nama boochisuu fi isa nama boonsisuu sanitu itti-fufama. Kan nama boochisu: waan gara-jabeessummaan daangaa hin qabne, warra Minilik gorraatota uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa sanaan irratti adeemsifameefi. Kan nama boonsisu garuu, kutannoo fi jagnummaa Oromoota Gullallee kana. Ni yaadattu yoo tahe, kutaa tokkoffaa keessatti: “Akkuman kanaan dura barreefamoota kiyya lamaa-sadii keessatti ibsuuf yaale, gichilloonni Gullallee kun, ee gichilloonni sanyii gichillootaa waraana Minilik isa guguddaa ennaa lama moyanii ofirraa deebisaniiti, isa sadaffaa irratti humna qawwee ibiddaatiin moyamuu dandayani.” Jedheetan tureeyyu.
Namoonni keenya tokko tokko, kanneen keessaa gariin kan waayee seenaa Oromoo sirriitti hin qalbeeffatin, “raas” warra Habashaa Goobana Daaccii waan naannoo Oromiyaa isa Tuulamaa-Macca, jechuun Oromiyaa Waltajjii irraa bayeef, Oromoonni naannoo kanaa marti waan isa duukaa turan itti-fakkaata. Barumsa Oromoo: isa mana ofiitti ibidda qaqqaammachaa baratan san, isa bakka Oromoon walgaye maratti ibsamu san, isa gaafa namni du’ee beektonni seenaa namoonni sadii ka’anii lallabaan ibsan san, isa gafa goonni, jagni, gamni, arjaanii fi namni uummataan jaalatamu du’e, fardi maxaabiriin fe’amuun yaa’ee, namni akka loltuu warra Lixaa kanaatti kan qabu qawwee qabatee, kan dhabe immoo eeboo faa, shimala faa qabateetoo tarree galee yaa’u san keessatti beektonni seenaa sangaa fardaatiin olii-gad garmaamaa “eessan dhaqxu” jechaa, seenaa nama sanii, kan warra isaa hanga babala 12 faatti, seenaa lammii (qomoo) fi gosa isaa faa himan keessatti kan dhiyaatu san callaa irraayyii miti. Isa gaafasuma yeedalloo “oofan” jedhamuun:*
“Oofan, oofan-oofan! (isa baasu)
Oofan, oofan! (warra jalaa qabu)
Oofan, oofan-oofan!
Oofan, oofan!
Abbaan biyyaa du’ee
Egaa seerri badee maaltu walgaafataa? (tarreen afran kunis kan isa baasuti)
Ee, maaltu walgaafataa! (w.j.)
Abbaa bokkuu du’ee
Egaa seerri badee maaltu walgaafataa?
Eekaa, maaltu walgaafataa!
Qaccee gootaa,yaa gootakoo! (i.b.)
Ee, yaa gootakoo! (w.j.)
Sanyii Abbaa Gadaa, yaa leencakoo! (i.b.)
Ee, ee yaa leencakoo! (w.j)
Qaccee Halloo Bokkuu yaa leencakoo! (i. b.)
Dhuguma-kaa yaa leencakoo! (w j.) **
Dhiyaatu san qofa keessattis miti. Barreessitoonni Biyya Faranjii jechuun Oroppaa bara akaakayyuu Minilik faa irraa kaasanii, waraanuma warra Habashaa duukaa deemuun kan barreessanii, tarreessanii kaayantu jira. Barreessitoota keenya keessaa isa kana kan faaraan dubbisee faaraan dhimma ittiin bawu, obboleessi keenya Barachiis (Pirof.) Makuraa Bulchaa qofa, jechuutoo dandayama.*** Anis wanneen akkanaatti hedduun giroo ittiin baya. Amaan tana silaa ijoolleen warra abbaa mancaas sun nutti ka’anii, waraana isaanii xuraawaa fi cubbamaa kanaanillee “waraana qulqulluu” jedhanii, nuti sirriitti galmee seenaa jala-deemuun isa keessaa, dhugaa fi dhugoo guggurree addunyaa fuulduratti akka jarreen kun qullaa ofii dhaabatanii muldhatan isaan taasisuu dha.
Naannolee Afran Walisoo fi Jahan Bachootti: “Oromoon goonda-dhaa boolla goondaa harka hin kaayini! Oromoon kanniisaa gaagura kanniisaa hin horfini!“, jedhe Bitimaa Soondhessaa jedhama. Kan inni jedheef, nafxanyoota fi mootummaa isaanii isa manneen hidhaa Karcallee faatti, mana hidhaa namni seene hin baane, kan golfaan nama galaafatu, “Mana Hidhaa Ejersaa” isa magaalaa Walisoo cinaatti Laga Ejersaa irratti ijaarame faa sanaafi. Warra hardha “boolla goondaa harka” kaawuu fi “gaagura kanniisaa” horfuun, addunyaa gara fuulduraatti daran tarkaanfatte tana keessatti gara duubaatti daran deebiyuun: Aannolee, Calanqoo, Gullallee fi Darraa faatti “siidaan Minilik haa ijaaramu” nuun jedhan kana, dhugaa fi dhugoo qabannee dura gorra! Yommuu kana goonus miseensota gita-bittee isaanii fi muummiyyeewwan (iliitota) isaanii kanaa fi uummata isanii addaan-baafachuuni. Aadaa keenya keessaa isa safuu fi safeefata jedhamuu fi isa amantii Oromoo Waaqeffannaa keessatti: “ilmoon namaa hundi, afaan namaa hundi, amantiin namaa hundi — faa waan uumaa WAAQAA tahaniif kabajamuu qabu!” jedhamu, daqiiqaa takkaafillee hin irraanfannu! Eekaa, otoo Tokkummaan Mootummoota Waltahanii (ToMoWa - “UNO“) bara 1945 keessa kanneen akkanaa kana hin labsin dura, durii durii yaa’ii ofii kan Gadaa irratti tumateeyyu Oromoon keenya. Nuuf kana faatu qaroomina (“civilization“) sonaan tarkaanfate keessatti ramadama.
Akkanuma warra ammas, bardhibbee 21-ffaa kana keessallee uummata Oromoo isa naannoo magaalaa Finfinnee Shaggar, warra dur buqqifama Minilik faa adeemsisan sana irraa mimmiliqee hafe, buqqisaa jiran kanas dhugaa fi dhugoo qabannee dura gorra. Dura gorrees sagalee tokkoon addunyaa guutuutti, ilmoo namaa hundatti dhageessifanna! Haa tahuutii, kutaan kun asuma irratti dhaabata. Kutaa isa kanatti aanee dhufu keessatti waayee seenaa Oromoota Gullallee, seenaa isaanii isan waggaalee hedduu dura walitti qabe keessaan waa isiniif dhiyeessaa, mee hammasitti nagaa fi nageenyi qeyee hunda keessanii irraa hin dhabamini!
==============    Hubachiisota Miiljalee    ==============
* Inni “oofan” jedhamu kun keessumaa naannolee: Sadeen Sooddoo, Afran Walisoo, Kudhalamaan Caboo, Jahan Ammayyaa fi Torban Kuttaayee faatti akka malee beekamaa dha. Kun kan jedhamuuf: warra abbootii biyyaa, abbootii Gadaa, gootota, jagnoota fi gamnoota fayiifi! Waanan bara 1998 keessa magaalaa Walisootti waayee naannoo Wancii, isa magaalaa Walisoo irra kiilomeetira 30 callaa fagaate argamuu, abbootii seenaa Afran Walisoo beekamoo keessaa tokko kan ture, Baqqalaa Bantii Beellamoo Roggee irraa dhagayeen as irratti isiniif yoon dhiyeesse, waayee “Oofanii” kana sirriitti isinii addeessa. Bara Darguu irraa kaasee: “dhuudhaan oofanii kun borcamaa deemee, abbaadhuma fe’eefuu “oofan” jechuun calqabame. Booda beekaa fi gamni Wancii, Baqqalaa Magarsaa Ita’aa yaa’ii Wancii irratti yaada tokko dhiyeesse. Kunis dhuudhaan oofanii baduu hin qabu. Yoo namni hundumtuu wal haa qixxaatu kan jettan ta’emmoo eenyumaafuu “oofan” jechuun haa hafu.” Erga baay’ee irratti mariyatamee booda walumaa galteen nama hundumaa walqixxeessuuf jedhamee, akka gaaf sana irraa kaasee eenyumaafuu “oofan” hin jedhamne dhoowwame. Booda xinnoo ture Baqqalaa Magarsaa du’e. Wanci guutuun yaa’ee, Qaqaldhii fi Caboonis itti-dabalamanii isa “oofan” jechaa awwaalani. Warri Baqqalaa Magarsaa Ita’aa Golgaa Goolee otoo Sidaamni biyya keenya hin qababatin, warra yaa’ii gadaatiin filamuun biyya bulchan turani. Isaan warra abbootii biyyaa kan Wancii keessatti argamu. Kanaaf, gaafa inni du’e sana biyyi buqqa’ee bawuun isa “oofan” jechuun gaggeesse.
** Halloo Bokkuu gootota akkaan beekamoo kan naannoo Afran Walisoo keessaa isa tokko. Inni abbaa Ilaansoo Halloo, gooticha bara warranni Minilik biyya Afran Walisoo
dirree waraanaatti cabsee qabate sana qabamee, gara Ankoobaritti dabarfamuun mana hidhaa keessatti du’ee sanaati. Ilaansoo Halloo otoo gara biyya Habashaatti hin
dabarfamin mana hidhaa isa jalqabaa, kan nafxanyoonni naannoo kanatti dursanii ijaarratan keessa taa’ee, walaloodhaan kan dhaadate kanaan dura isinii dhiyeesseen ture.
*** Mee barreeffata Prof. Makuraa Bulchaa isa “gadaa.com“, irratti baye: “A Decade after the Aborted Oromo Eviction from Finfinnee: A Persistent Story of Expropriation, Humiliation
and Displacement
“, ilaalaa!
Kutoota darban:

No comments:

Post a Comment