Tuesday, February 4, 2014

Ilmi Abbaa Basaasun, Haati Intala Basaasun Aadaa keenyaa Miti!

Baarentuu Gadaa irraa


Akkuma hunduu beeku murni Impaayera Itiyoophiyaa weerartee bulchaa jirtu wayyaaneen ummatoota biyyattii keessattuu saba Oromoorratti xiyyeeffattee maqaa ‘Tokko Shanee’ jedhuu fi ijaarsaalee siyaasaa adda addaatin gaaditee jireenya isaa guyya-guyyaa booressaa fi goolaa jirti. Maatidhaa kaaftee hanaga naannootti walitti qaanjessitee tokko-tokko akka hordofuu, akka too’atu fi akka basaasu gootee bahaa gala dhorkaa jirti. Biyyattii keechatti addatti ammoo naannoo Oromiyaa keeysatti har’a namni ‘Tokko shanee’ wayyaaneen diriirsite keeysatti hammatamee hojii basaasummaa fi dalagaa biraa wayyaaneen itti kennite hin raawwanne farra misoomaati, farra uummataati, farra biyyaati. Tokko shanee keessatti hin hammatamu jedhee diduu isaatiin adabbiin isarra gahu hanga lafa qonnaa saamamuu, hojii dhabuu fi hidhamuu tahuu danda’a, ta’as jira. Kun dhugaa adduunyaan beeytu, dhugaa ummanni Oromoo yeroo ammaa kana keecha jiraachaa jiru dha. Waluma yaadachiisuf yoo tahe malee namni quba hin qabne hin jiru. Har’a murni wayyaanee maqaa tokko shaneetiin yakki saba Oromoorratti raawwachaa jirtu gongumaa kan jaarraa 21ffaa kana keessa ilmi namaa, namarratti ni raawwata jedhamee eegamuu miti. Yakkii wayyaaneen karaa qindaayeen saba Oromoorratti raawwachaa jirtu kun hidhaa fi ajjeechaa sabboontota muraasa qofaarratti raawwatuun daangeffamee miti. Haangoo hunda qabattee saamicha qabeenya Oromoo muraasa saamuu biras dabarteetti. Yakki wayyaaneen saba Oromoorratti raawwachaa turtee fi jirtu kan addabaabaayitti dhageenyuu fi agarruu qofaas miti. Kan fulleetti hojjetturra kan dhoksaatti dalagdutu caala.
Har’a wayyaaneen kan itti jirtu akka walii galaatti saba Oromoo hundeerraa dhabamsiisuuf hojii bu’uuraa hojjeechuu dha. Innis karaa ittiin milkaawu taraartee waan dadeechu hundaan halkanii guyyaa hojjechaa jirti. Akka fakkeenyaatti gocha dabaa wayyaaneen saba Oromoo hundeen balleessuuf hojjettu keechaa tokko lafa Oromoo saboota biraatiin guutuu, abbootii qabeenyaa biyya alaatti waggaa 99 fi sanaan oliif heektaara miliyoonaan lakkaawwamu gurgurudha. Iddoo kaanitti ammoo Saboota akka Sumaalee fi Affaar hidhachiistee Oromootti bobbaasuun uummata Oromoo baqachiisun daangaa Oromoo dhiphisuu dha. Kun dhugaa har’a, amma uummata Oromoo gama Bahaa naannoo Harargeetti raawwachaa jiruu dha. Gama dhiha Oromiyaatinis saboota akka Gumzii fi kanneen biroo hidhachiisuun uummata Oromoo harka duwwaa jiru rukuchiisuudhaan lafa isaa weerarsiisaa fi qabeenya isaa saamsisaa jirti. Kibbaa fi kibba dhiha Oromiyaa Boorana, Gujii, Jimmaa fi godinaalee Oromiyaa biroo keessattis kan raawwatamaa jiru waanuma wal fakkaata dha. Giddu gala Oromiyaa fi kaaba Oromiyaa naannoo wallootis lafa Oromoo kaan naannoo Tigraayitti ciruun kan hafe ammoo saba Amaaraa kennitee jirti. Shawaa Bahaa Karrayyuu ( Ona Fantaallee)irraa ciramee kan gara naannoo Amaaraatti maxxanfame, shawaa kaabaa naannoo Laga Mugaa fi Laga Jamaa gama kan akka naannoo Magaalaa Lammii fi Onoonni biroo Oromiyaarraa ciramanii dhiheenya kana naannoo Amaaraaf kennamana kaasuun ni danada’ama. Gochi wayyaane kun hundumtuu yoo walitti qabamee ilaalamu gocha saba Oromoo saamuf jecha yeroof ta’aa jiruu miti. Carraaqiin wayyaanee hundumtuu saba Oromoo dhaloota borii biyya dhablee taasiisuu dha.
Namni dhugaa har’a wayyaaneen itti jirtu kana hubate kamuummoo wayyaaneen qabeenya Oromoo muraasa saamuu, hangoo qabatteen fayyadamtee sabboontoota Oromoo muraasa hidhuu fi ajjeesuu qofarratti bobbaatee akka hin jirre ni hubata. Dhugaan wayyaaneen itti jirtu jaalannee jibbinee, amannee dhiifanee duula saba Oromoo jumlaadhan hundeerraa buqqisuu waan ta’eef. Duulli wayyaaneen itti jirtu biyya Oromoo saboota biraatiin guutanii Oromoo biyya dhablee taasisuu dha. Duulli wayyaaneen har’a uummata Oromoorratti gaggeessaa jirtu kun duula haaraa miti. Duula nafaxanyoonni kaleessaa calqabanii osoo fiixaan hin baasiin irree ummatoota cunqurfamootiin kufan itti fufsiisaa jirti. Toftaan duula kana galmaan gahuuf wayyaaneen itti fayyadamaa jirtu ammoo akkuma hunduu beeku ijaarsa siyaasaa “tokko shanee” jedhamu diriirsudhaan, tokkoo tokkoti qaanjeessuu fi walirratti ijaaruudhaan akka uummanni rakkina isaa walitti dhufee hin mari’anne wal shakkiisiisuu fi wal sodaachisuu dha. Wal basaasisuu dha. Kun biyya keessaa fi alattiilleen hojiirra oolaa jira. Murni ka’umsa ishee Tigraay godhatte Wayyaaneen saamicha qabeenyaa, hidhaa fi ajjeechaa jalqabde gaggeessuu cinaatti saba Oromoo biyya abbaa isaa dhabsiisuuf kaayyoo qabattee galmaan gahuuf ijaarsa ‘tokko shanee’ kanatti haalaan fayyadamuun sochii siyaas- diinagdee, jiruu fi jireenya saba Oromoo jeequun hiraarsaa jirti. Har’a Oromiyaa keessatti namni tokko shanee keessatti hin ijaarmane wayyaanee biratti diina ijoo dha. Waan lammiin tokko biyya isaa keessatti argachuu qabu kamuu argachuu hin danda’u. Tokko shanee keessatti wal basaasuun, abbaan warraa haadha warraa isaa, ilmi abbaa, intalli haadha, Ollaan ollaa isaa basaasuu fi dabbaloota wayyaaneetti gabaasuun dirqama ta’ee jira. walumaa galatti Sabni Oromoo har’a caasaa ‘tokko shanee’ jechuun wayyaaneen diriirsite kanaan jiruu fi jireenyi hawaasummaa isaa, aadaa fi duudhaan isaa, wal amantii fi waliin jireenyi isaa diigamaa jira. Aadaa wal basaasuu, aadaa wal shakkuu fi wal-hordofuu sirni Habashootaa/wayyaaneen/har’a itti fideen mankaraaraa fi dhunfatamaati jira.
Gochaan wayyaanee abaaramaan kun “duruu durii……” akkuma jedhamu filannoo as deemaa jiruun waliin wal qabatee yeroo ammaa kana garmalee jabaachaa fi gaadi’aa ta’aa jira. Uummatni keenya akka bahee hin galle kan yeroo kamiyyuu caalaa sakaallaa dacha itti ta’ee goolaa jiraachun dubbatamaas muldhachaas jira. Walumaa galattii yeroo ammaa kana ummanni Oromoo jumlaadhan mana hidhaa wayyaaneen maqaa tokko shaneetiin itti ijaarte keessatti dhaabbidhaan hidhamee dararamaa fi goolamaa jira jechuun ni danda’ama.
Ummanni Oromoo ummata guddaa dha, uummata biyya “kun kiyya” jedhu qabuu dha. Ummata aadaa, seenaa fi duudhaa dinqiisiisoo fi kabajamaa qabuu dha. Uummata seeraa fi sirnaan wal ijaaree waggoota kuma hedduuf wal gaggeessaa turee dha. Oromoon wal hin basaasu, Oromoon aadaa isaa keessatti wal hin shakku, yakka walirratti barbaaduufis wal hin ordofu. Wal ijaareeti diina isaa ifirraa ittisa ture malee takkaa kaayyoo halagaa/Diinaa/ galmaan gahuuf wal basaasee, lammiin lammii gurguree hin beeku. Faayidaaf jecha ykn lubbuu isaaf sodaatee lammiin diinaaf lammii dabarsee kennee jira jedhamee ennaa haasa’amus ta’e waan akka ragaatti dhihaatu ani akka nama tokkootti dubbisees, dhagahees hin beeku. Barsiifanni akkanaa, barsiifanni gadheen faayidaaf jecha lammiin lammii gurguruu kan Oromootii miti. Ollaan ollaa, firri fira, haati intala, abbaan ilma, ilmi abbaa basaasuu fi diinaaf dabarsee kennu kan gama Oromoo dhufe weerara Habashootaa ordofeeti. Isaantu Oromoo Oromoodhaan cabsuuf nutti fide. Intalli haadha basaasuun, ilmi abbaa, obbooleessi abbooleettiirratti, Ollaan ollaa isaarratti, lammiin lammiirratti ijaaramee diinaaf odeessa kennuun aadaa Oromootii miti. Seeraa fi safuu Oromoo keessa hin jiru. yoo walitti mufatelleen hanga dhimmi isaa furmaata argatutti walitti dhufuu dhiisa malee diinaaf dabarsee wal hin kennu. Iccitii walii diinaaf hin odeessu. Kun aadaa fi toftaa diinni gaafa nu weerare nurra turuuf nutti fidee dha. Sabni Oromoo aadaa weerartootaa, aadaa saamtootaa, aadaa Habashootaa har’a wayyaaneen maqaa “tokko shanee” jedhuun dhimma itti bahaa jirtu kana irree tokkoon ka’ee ofirraa diiguu qaba. Mana hidhaa kana keessaa of baasuun waa hunda dursuu qaba. Sabboontoonnii fi qabsaawoonni bilisummaa Oromootiis akka uummanni Oromoo irree tokkoon ka’ee dallaa wayyaanee maqaa tokko shaneetiin ijaarame kana cabsee keessaa bahu karaa akeeku fi ofiifis tokkummaadhan, irree tokkoon, afaan tokkoon diinarratti qiyyaafachuun kan hunda dursuu qabuu dha.

Ijaarsa shiraa wayyaaneen tokko shanee jechuun saba Oromoo harkaa luka ittiin hiidhuuf diriirsite kana; kan diiguun danda’amu akkuma isheen ijaarsa siyaasaa kan dhoksaa fi kan harka lafa jalaa ijaartee gaggeessaa jirtu nus caalaatti ijaaramnee faallaa ishii socho’uu yoo dandeenyee dha. Lammiin alaa manattii, baadiyyaa magaalaatti ijaaramee socho’uun diina fuundura dhaabbachuun fardii dha. Yoos tokko shaneen wayyaanee kun burkutaawa. Yoos aadaan nafxanyootaa kan abbaa ilma, haati intala ollaan ollaa basaasuu fi ija shakkiin wal ilaalu taasifamaa jiru kun dachee Oromoo keessaa buqqawee baha.


No comments:

Post a Comment