Monday, March 10, 2014

Ayyaaneffannaa Guyyaa Dubartoota Addunyaa fi Sochii Hawaasa Oromoo Netherlands

Ayyaaneffannaa Guyyaa Dubartoota Addunyaa fi Sochii Hawaasa Oromoo Netherlands
Gadaa.com
Waggaan dhibbaffaa (100ffaa) Ayyaaneffaa Guyyaa Dubartoota Addunyaa, Dubartoota Hawaasa Oromoo Netherlandiin Bitootessa 8 bara 2014 magaalaa Amsterdam Netherlands keessatti kabajamee oole.
Sagantaan kun eebba maanguddotaa tiin eegalme. Eebba Maanguddoo kana wanti adda godhu Obbo Awwal Abbaa Bulguu bifa faarfannaa tiin eebba dhiyeessuu isaani ti.
Eebbaa maanguddootaa tti ansuu dhaan Itti gaafatamtuun Dhimma Dubartoota Hawaasa Oromoo Netherlands Aaddee Aliimaa Usmaan hirmaatotaaf ibsa kennanii jiru. Ibsa kennan kana keessatti;-
“Dhiibban adda addaa wanna tureef Mirgi dubartootaa akka kabajamuuf jecha sochii fi wal-ga’iin addaa addaa biyyoota garaa garaa keessatti dubartootaan taasifamaa ture. Dhuma’rrattis bara 1914 kaasee Bitooteessi 8 Guyyaa Dubartootaa Addunyaa ta’ee sadarkaa guutuu addunyaa tti, waggaa waggaan ayyaaneffamaa jira. Keessattuu bara 1977 Mootummoota Gamtoomaan jechuun “United Nation” biyyota miseensota isaa ta’an affeeruu dhaan “Bitootessi 8 Guyyaa Mootummoota Gamtoomanii mirga dubartootaa fi nageenya addunyaa tiif” labsa jedhu erga dabarsee kaasee ayyaaneffaan guyyaa kanaa hubannoo cimaan gaggeeffamaa jira.
Gadaa.com
Dubartoonni Oromoo biyya adda addaa keessa jiran guyyaa Dubartoota Addunyaa haga tokko kabajaa turaniiru. Akka Dubartoota Oromoo Netherlaand tti’mmoo yeroo calqabaaf guyyaa hardhaa kana Bitootessa 8, bara 2014 ayyaaneffamuu calqabe.
Yeroo Sabni Oromoo sirna Gadaa tiin wal-bulchaa ture, Dubartoonni Oromoo seera Siinqee tiin wal-quba qabaachaa turaniiru. Galmi maatii jiraachisu Utubaa dhaan jabaatee dhaabbata. Jiruu fi jireenyi dhala namaa’mmoo dubartii dhaan utubama. Bakka dubartiin jirtu miidhagina, gammachuu, jaalala, kabaja, quufa, gootummaa fi tokkummaatu jira. Bakka dubartiin hin jirre waanti martinuu hirdhuu dha. Jiruu fi jireenya dhala namaa keessatti waanti dubartii qooda hin fudhachiifne hanga ittoo soogidda hin qabnee tti.
Dhugaan jiru kana ta’ee otoo jiruu dhiibbaan adda addaa Dubartoota’rra gahaa tureera. Ammallee taanaan dhimmoota akka diinagdee, sochii siyaasa fi hawaasummaa keessatti qoonni dubartooti Oromoo qaban gahaa miti. Qooda fudhannaan dubrtootaa Oromoo maaf muraasa ta’e jennee yoo dhugaa xiinxallee ilaalle aadaa, amantii fi seera biyyaa tti wanti quba nama qabsiisu hin jiru. Garuuseerri Abbaa manaa mirga dubartii’rratti dhiibbaa gochaa akka jiru hubachuun nama hin dhibu.
Kanaafuu Tokkummaa Hawaasa Oromoo cimsuuf, akkasumas abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuuf hirmaannaa dubartootaa daran jabeessuun heddu barbaachisaa dha.
Gadaa.com
Akka Koree Dubartoota Hawaasa Oromoo Nederland tti waanti isin maratti dhaammannu dubartoota ykn shamarran beektan kanneen Netherlands keessa jiraatan akka ijaarsa kanatti makaman taasisuuf tattaaffii guddaa isini’rraa eegganna. Ofuma’rraa ykn manuma ofii’rraa eegaluun karaa sirrii akka ta’ellee akka hin dagatamne isini tti dhaammanna”, jechuu dhaan itti gaafatamtuun Dhimma Dubartoota Hawaasa Oromoo Netherlands Aaddee Aliimaa Usmaan dhaamsa ijaarsa Dubartootaa jabeessu dabarsanii jiru.
Sochii Hawaasa Oromoo Netherlands
Ayyaaneffannaa Guyyaa Dubartootaa tiin wal-qabatee waltajjiin Hawaasa mariisisu gaggeeffameera. Waltajjii Uummataa kana’rratti Dura Taa’aan Hawaasa Oromoo Netherlands Obbo Garasuu Tufaa gabaasaa fi Karoora hojii Hawaasichaa baldhinaan dhiyeessanii jiru.
Gabaasaa dhiyaate keessatti;-Koreen harayaan Hagayya 24 bara 2013 erga filatamanii yeroo gabaabaa baatii ja’a qofaa kan lakkoofsise ta’ullee hojii sirnaqabeessa ta’an adda addaa hojjatamuu isaa ibsamee jira, Akkasumas hojiilee fuula dura kanatti hojjatamuu qabaniif Karoora hojii bara 2014‘llee dhiyaatee jira.
Karoora hojii dhiyaate keessatti:-
- Jaarmiyaa HON daran jabeessuuf, gama Dubartootaa tiin, gama Dargaggootaa tiin, gama Maanguddootaa fi gama hundaanuu qooda fudhannaa miseensotaa cimsuu.
- Dalagaalee Ijaarsaa, Diinagdee, Aadaa fi Mirga Namoomaa ilaalatuun toora hundaanuu sochii HON shaffisiisuu,
- Uummata Oromoo biyya keessa jiruuf birmannoo fi tumsa mirga namoomaa adda addaa taasisuu,
- Baqattoota Oromoo Nederland keessatti waraqaa hayyama jireenyaa dhorkatamaniif gargaarsa isaan barbaachisu raawwachuu,
- Dalagaalee gaggeeffaman hundaa Gorsaa fi Towannoo dhaan ordoffii sirnaa raawwachuu,
- Seeraa fi Heera ilaalchisee qapxilee sirrachuu qaban, ykn qapxilee wixineeffamuu qaban gulaaluu/qindeessuu, Gumii dhaan ykn Koraan raggaasisuu,
- Dameelee hojii hundayyuu humanna namaa tiin utubuu,
- Offisa banuu,
- Hawaasa biyya adda addaa kanneen biyya Netherlands keessa jiraatan waliin hariiroo humuu,
- Hawaasa Oromoo Addunyaa waliin, jechuun Hawaasa Oromoo biyya adda addaa keessa jiran waliin hariiroo cimaa humuu,
- HOA (Hawaasa Oromoo Auropaa) bifa “federation” tiin, seera waloon ijaaruu,
- Adeemsa hojii sirna qabeessa taasisuu dhaan karoora wixineeffame sirnaan hojii’rra akka oolan taasisuu,
- Sagantaalee adda addaa kan akka Hiriira Mormii, jechuunis Oromiyaa keessatti sarbamiinsa mirga namoomaa gaggeeffamaa jiru hiriia mormu qindeessuu, Wal-dorgommii ispoortii, Ayyaana Irreechaa fi Sagantaa Bashannanaa adda addaa qopheessuuf akka karoorfame Obbo Garasuun gabaasa dhiyeessan keessatti ibsanii jiru.
Haaluma wal-fakkaatuun miseensota koree duraan kan ta’an Obbo Gabbisaa Laxiif, Obbo Dassaalanyi Hayilee fi Obbo Yoonaas Tarrafaa sochiin hawaasa Oromoo Netherlands haala akkamii keessa akka darbe waltajjii marii Hawaasaa kana’rratti dabaree dabareen ibsanii jiru.
Hawaasinni Oromoo Netherlands waggoottan 20n olitti tajaajila Hawaasummaa Oromummaa raawwachaa akka ture, akkasumas Qabsoo Oromoo jajjabeessaa akka ture ibsa Dura Taa’aa Koree duranii Obbo Gabbisaa Laxiif kennani’rraa hubachuun danda’ameera.
“Adeemsa waggaa dheera kana keessa tti haala yeroo tiin wal-qabatee wal-hubannoo dhabiinsi adda addaa Hawaasichaa mudachaa tureera. Haata’u malee bifa harayaan qorannoo gaggeeffameen, seera harayaa wixineeffameen jijjiramni ykn fooyyiin  Hawaasa keenya keessatti argame heddu nama gammachiisa” jechuu dhaan miseensonni koree duraanii yaada isaanii ibsanii jiru.
Uummanni heddummina qabu sagantaa kana’rratti hirmaatanii jiru. Uummanni marii’rratti argame gaaffii fi deebii dabalatee, gargaarsi baqattoota Oromoof barbaachisu jabaachuu akka qabu, wal-hubannoon hawaasummaa Oromummaa daran cimuu akka qabu, yaada adda addaa dhiyeessuu dhaan koree duraanii fi koree harayaa waliin marii baldhaa taasisanii jiru.
Itti aansuu dhaanis Koreen Hawaasa Oromoo Netherlands waggoottan dheeraaf tajaajila Hawaasummaa Oromummaa raawwachaa turan sirna galateeffannaa raawwatee jira. Sirna galateeffannaa kana’rra tti qaaman kan argaman miseensota Koree duraanii Obbo Gabbisaa Laxiif, Obbo Dassaalanyi Hayilee fi Obbo Yoonaas Tarraafaa Waraqaa Ragaa fi Abaaboo galateeffannaa isaan tiif qophaa’ee Dursaa fi Barreessaa Hawaasaa harkaa fudhatanii jiru. Bifuma wal-fakkaatuun qaama miseensa koree duraanii kan ta’an Dr. Baqqalaa G/Maariyaam tiif Waraqaa Ragaa qophaa’ee bakka bu’aa isaan tiif kennamee jira. Kana malees nama Aasxaa HON hojjate Obbo Bakkaanga’aa Margaa dabalatee namoota hojii boonsaa adda addaa raawwataniif abaaboo fi kennaan adda addaa kennameefii jira.
Dhuma sagantaa kana’rratti Koreen Hawaasa Oromoo Netherlands duraanii Galmee fi Chaappaa dabalatee “dokumentii” adda addaa koree harayaa filatamanitti dabarsanii kennanii jiru.
Akkuma walii galaatti sagantaan kun eebba Maanguddootaan eegalamee naamusa Oromummaa fi qindomina nama hawwatuun hirmaatota gammachiisee xumuurameera.
Oromummaa Waloon qabnu waliin haa jabeessinu!
Gabaasaan: Bakkaanga’aa Margaa
Barreessaa Hawaasa Oromoo Netherlands
hawaasaoromoonetherlands@gmail.com
Amsterdam Netherlands’rraa
—————
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com

No comments:

Post a Comment