Monday, March 17, 2014

Koongirasii Federaalistii Oromoo (KFO/OFC) Kora Isaa Kan Shaashamannee Milkiidhaan Xumurate

Koongirasiin Federaalistii Oromoo (KFO/OFC) kora guyyaa kaleessaa, Bitootessa 7, 2014 magaalaa Shashamanneetti waame milkiidhaan raawwate.
Kora kanarratti uummanni baayyeen hirmaateera. Kora kanarratti KFO irraa 1. Kabajamoo Ob. Bulchaa Dammaqsaa, 2. Barreessaa Dhaabichaa Ob. Baqqala Nagaa, 3. Itti-aanaa Dura Taa’aa Ob. Gabruu Uturaa fi 4. Itti-aanaa Dura Taa’aa Ob. Mulaatuu faan argamanii haasawa baldhaa taasisaniiru. Kora kanarratti sagantaa siyaasa dhaabichaa irratti, mirga Oromoo irratti, filannoo 2015, fi haala siyaasa biyyittii irratti mariin taasifameera.
Miseensonni Koraaf Uummata Wamaa turan gaafa Jimaataa Saatii 6f mgaalaa Arsii Nageelleetti jalaa hidhamuunille ibsameera. Qabsoo uummanni Oromoo fi saboonni cunqurfamoon taasisaa jiraniin dimookraasii fi bilisummaa Itoophiyaa keessatti ni fidna dhadannoo jedhuun xumurameera.
Kora Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO/OFC) magaalaa Shaashamannee

No comments:

Post a Comment