Friday, March 7, 2014

MARAAMMARTOO SIYAASAA IRRAA OF TIKISAA !!

SEENAA Y.G(2005)      kutaa 3ffaa


Maraammartoon siyaasaa akaakuu heeddu qabaachuu , fakkeenya Biyyoota gara garaa kaasee kutaa 2ffaa keessatti ibseera. Maraammartoon siyaasaa ofii keenyaan of irratti umnuus akka jiru hubachuun dansaadha. Oromoof maal gumaachuu ? jennee akka dhuunfaattu waan tattaaffannu keessatti, hedduu of eeggachuun barbaachisaadha. Kana malees, Ummata keenyaaf sochii taasifnu keessatti, miirri wal dorgommii bu’aa gaarii Ummata ofiif argamsiisuu yoo jiraate illee, inni kaanis akkuma koo kana waan gaarii haa galmeesisuu jedhanii yaada walii laachutti ce’uun, akeeka walii galaaf karaa akka saaqullee qalbifachuun baroodha. ammas kana irratti of eeggachuun barbaachisaadha. sadarkaa dammaqiinsa Ummata keenyaa yennaa ilaallu, qabsoo kanaaf gumaachii taasifamu sadarkaa dhuunfaa irraa eegaluu akka qabu , waan hojjachuu qabnullee gara tumsaatti tarkaanfatu akka qabullee hubannoon jiru dansaadha. Qabsoon bifa kamiinu gaggeessinu , tapha kubbaa miilaa chaampiyoonsi liigii fakkaachu yk dorgommii kuffisanii dabruu keessaa baasuun murteessaa ta’uu, waan hubatamu feesisuudha.
Dhalli Oromoo kamiyyuu waan Ummata isaaf hojjatu tokko irratti, obboleessa isaa gama biraan socha’aa jiru irratti qabxii lakkosifatu tokkollee akka hin jirre beekuun dansaadha. Kana irra ce’ame bakki itti tarkaanfatu qabu, sochiin jiru akka wal hin gufachiisneef , yaada qaban walitti fidanii mri’achuudha. Yoo ta’uu baate garuu, warri Maraammartoo siyaasaa nu qopheessan qaawwaa argatanii nu seenanii , adeemsa isaanitti nu makachuu danda’u. sochii akkasiin qabsoon Oromoo hedduu miidhameera. Namoonnis gawwafamaniiru. Badii akkasitti akka seenaniif gargaarsi gama hundaa godhameeraaf. Kufaatii keessaa akka hin baaneef garuu gargaarsa dhorkamaniiru. Maaliif jennaan maraammartoo siyaasaan akka kufanii hafaniif irratti hojjatamaa waan tureef.
Sochiin qabsoo Ummata tokko keessatti bifa kamiinu gaggeeffamu, takkaa ho’ee , takkaa kan qabanaa’uu yoo ta’e, bu’aan keenya kan yeroo gabaabaa taatee, bu’aan diinaa kan yeroo dheeraa ta’uu danda’a. inumaa kun diinaaf hamilee kenna. Gara jabinni isaa jabaachaa deema. Shirri isaas akkasuma. Maaliif jennaan, waan isa sodaachiisu hin jiru. yeroo gabaabduuf dheekkamanii dhiisuu nuun jedhan. Kun ammo miidhaa qaba. miidhaa gama lamaa. Tokko waan diinni nu irraan ga’u babal’acha adeema. Inni xiqqoollee tattaafatu hamilee caba. Kanaaf waan hojjannu hundumaaf , muuxannoo addunyaa fudhachuun barbaachisaadha. dheekkamsaa fi diddaan keenya aarii jiru fi jireenyaa keessatti nu mudatu irraa adda ta’uu qaba. sadrkaa kana keessaa ba’ee kan bu’aa buqqaasaa fidutti ceesisuutu nu irraa eegama.
Sochiin akkasii amma qindaa’utti ammoo, harka marannee haa teenyu miti. Waan amma Addunyaa irratti mirga keenyaaf qabsaa’aa jirru irraa achi butuu qabna. Waan diina duraas ta’ee ammaa irratti gaggeessinu, qalbii addunyaa kan harkisutti ceesisuu qabna. Addunyaa irraa Ummati mirga isaa gaafatu al takkaatti hanga nama kumaatti ga’uutu wareegamaa jira. Wareegama kanaan ammoo, diina isaanii kumoota 10n galaafataa jiran. Walii gala addunyaa irratti, oduun jiru kana fakkaata. Mee addunyaa sochii kanaaf gurra hin laanne keenyaaf ni laatti jennee yaannaa ? kan isaanii hin bilchaanne jedhanii irra taran. Kanaafan minilikiniis ta’u isa kaan irratti wanni gaggeessinu waan hundeetii buqqisu ykn dafee hin dhaabbannee ta’uu qabaa jedhuf. Bilisummaa fi walbummaa galii keenya ta’e addunyaan akka nu dhaggeeffattu yaannaan, sochiitti jiraachuu keenyaaf illee waan addunyaan gurra itti laattu hojjachuun murteessaadha. Kun haaluma addunyaatu nu dirqisisee itti nu seensisa. Addunyaa dhiisaatii diina keenya rifaasisuuf kan raawwachuu qabnu kanadha.
Kana hundaa raawwachuuf , waan akka tasaa nu mudatee mormiif nu kaasisu jiraatullee , waan keessa dabrre keessaa wanni barannu garuu, diinni keenya akkaataa deemsa keenyaan kan nu irraa dhaabbatu miti. Kana jechuun kiyya sochiileen Biyya keessaa Ummata Oromoon gaggeeffamu gatii hin qabu jechuu kiyyaa miti. Sochiin keenya ykn mormiin keenya sagantaa fi qophii keenyaan kan gaggeeffamu malee, MARAAMMARTOO SIYAASAA irratti yoo nu jalaa maxxane, hegaree keenyaaf akka hin tollee hubachiisuufi.
Miniiliik dhabameera. Miniiliik qaamaan hin jiru. miniiliik ekaraan isaa akka hin faarfatamne barbaanna taanaan, nu mitii, warri miniilikiin faarfatan iyyuu miniilikiin waan isaan yaadachiisu of keessaa fi dachee keenya keessaa dhabamsiisuun murteessaa ta’a. Dhalli Oromoo ol aantummaa qooqa isaaniif mo’ame tokko , miniilikiin balaalefachuun haqummaa qaba jedhee hin fudhu. Maqaa Gizaachoo fi Daanyaachoo miniiliik qooqa keenya balleessuuf nu keessa kaa’ee baadhatee, minilikiin mormuun isaa jabina natti hin fakkaatu.miniiliik qooqa keenya addunyaa kana irraa dhabamsiisuuf tokko jedhee wixinee har’allee hin dhaamne qabsiisee dabru karaa adda addaa babal’isaa, har’a harka yoo facaase, bu’aan inni argatu balaalefachuu irra hin dabru. Oromiyaa keessatti , dhaloota keenya irratti dhiibbaa gochuu fi ol aantummaa qooqa tokko mirkaneessuuf , bifa sirbaan, diraamaan kkf shirri meeqa hojjatamuu ofitti fudhannee nama lubbuun hin jirre abaaruun bu’an isaa karaa kamiin fudhatama qabaata ? akkan gubbaatti jedhe, seexanni kun lubbuun hin jiru. kan inni facaasee deeme garuu nu miidhaa jira. Tokkon tokko , mana keenyaa keessatti adda nu baasaa jira. Maarree kan balleessuu ykn mormuu qabnu isa kanadha. Sochii baddallee itti jiruuf taasifame, osoo Oromiyaa keessatti qooqaa fi aadaa keenya irratti dhiibbaa taasifamu irrattis itti fufee , bu’aa lama galmeesifna turre.
Mormiin kun hundee sheexana kanaa dhabamsiisuu irraa eegaluu qaba. Amaara humnaanu nu bulche dhiisaatii, warri guraagee illee gaaffii akka kaasan taasifamaa hin jiru ? wayyaaneen shira Qooqa Oromoon Barachuu fi hojjachuu dhaabuuf gaggeessitu, karaa saboota biroo akka gaaffitti kaasisuun itti fayyadamuun hin hafu. Miniliikis dura Oromoo Oromoon cabsee ka’ee, warra baalaabbaataa dachee isaa fidee nurra galagalche. Wayyaaneenis kanumatti jirti. Kun hundi dhaabbachuu kan danda’u, sochiin keenya waan keessa deebii hin qabnetti yoo ce’eedha. Humna murataa ijaaranii tarkaafii Gootummaa keenyaa fi obsi keenya dhumachuu kan diinaaf akeekutti ce’uun fardiidha.
Qeerroon Oromoo diina irratti tarkaanfiin fudhataa jiran diina hangam yaaaddeessaa jira ? kana irra yoo jabaanne maal hojjachuu dandeenya ?qaawwaa dhaloota gidduu jiru duuchinee, dhalooti jiru mana barumsaa keessa wayita jiru qofaa odoo hin taanee, hojii irratti wayita bobba’uus gurmuu isaa jabeessee itti fufu akka qabutti irratti hojjannee, Hojjattoonnis , daldalaanis, dhalli Oromoo kana keessatti akka hirmaatutti hojjannee , nu ga’aa jechuu qabna. Shira diinaa kana cicciruu qabna. Siidaa eenyullee haa ta’u , kubbaaniyyaa eenyullee haa ta’u, waan dachee fi Ummata Oromoof hin tolle yoo raawwate, battalumatti dhaabii jechuu barbaachisa.
Akka walii galaatti, sochii keenya humnatti geeddaruu qabna. Keessattu dhalooti har’aa waan itti jiru kana daran jabeessee gurra abbootii irrees ta’ee addunyaa akka harkisu taasisuu qaba. waan eegalle tokko akka hin dhaabbaneef sagantaa sochii wal irraa hin cinnee baafachuu fi qopheeffachuu barbaachisa. Shirri nu irratti hojjatamu lakkoofsa hin qabu. Shira kana dura dhaabbachuuf, yeroo qaban hundatti dhimma ba’anii hojjachuu barbaachisa.warri Biyya alaa keessa jiraatanis carraa argataniin , warra sirnicha waliin jiranis ta’ee , diinoota seenaa waliin dhaabbatee jiru guyyuu itti himu qaban.  Kan dhumaa jiran obbolaa keessanii,, kun deemee deemee dhaloota dhabuuf deemna . jarri beekaas ta’uu odoo hin beeknee garamitti nu oofaa akka jiran hubachiisuu barbaachisa. Kun har’a ta’uu baatu boriif waan nu fayyadu qaba.
Maraammartoo siyaasaa keessaa baanee, gumaa nu irra tuulamee jiru hanqifachutti haa ceenu. Gumaan Yohaannis, Tewudiroos, miniliik, H/Sillaasee, Dargii fi wayyaanee nu irra jira. odoo nuuti gumaa hin baafatiin isaanu wal baafataa jiru. garuu Gumaa  dhalootaaf dabarsinu yk dubbannu hojjachuun murteessaadha. Gumaa miniiliik ba’uuf, siidaa isaa kaasee hanga ilaalcha isaa nu keessa jirutti buqqisuu qabna . kana ammoo sadarkaa dhuunfaa kaafnee irratti hojjachuu dandeenya. Mana keenya keessaa eegallee dirree keenya irra waan ifatti arginu irratti haa dullu. Siiidaan H/Sillaasee, yohaannis, Dargii fi Mallasaa dachee keenya irra tuulamanii jiran. Gochaa fi shirri isaanis akksuma guutee danbali’ee jira. Kanatti duuluutu furmaata maayyii argamsiisa. Bara baraan balaaleffachuu fi aaruu irra waanuma Ummata gammachiisu fi buqqaasaa ta’ee hojjachuu irra boqonnaa namaaf kenna.
Kana irratti wanni qalbifachuu qabnu, wayyaanoonni fi Abbootiin qabeenyaa maqaa investimantiin waan miniiliki nu keessa kaa’ee ture dabalaa jiraachuudha. Qabsoon keenya maqaa umama keenyaa deeffachuu hammata. Har’a garuu , HABASHAA SIMINTOO, HABASHAA KONISTIRAAKISHIN, HABSHAA BAANKI, ABSINIYAA BAANK, kkf jedhanii nu irratti ijaaran boriif wareegama akka nu gaafatu hubadhaa .kana ammumaa qoqqobbii Baddalleen wal fakkaatu fudhachuuf yaaduun misha. dizaayinii manneen jireenyaa, warshaalee, siidaa adda addaa, gamoon adda addaa fi kubbaaniyoonni Oromiyaa keessaa, irra jireessi AKSUMIIN faarfatu. Meeqan keenyatu kana qalbeeffate ?  waan hojjannu irratti bal’inaan itti haa yaannu jedha. Damee isaa ciruun bu’aa yeroo qofaa ta’a. waan itti fufaa jiru kana dhaabuuf, furmaata buqqaasaa ykn waan akkasitti akka hin deebineef, waan isaan dhaabu hojjachuun  murteessaadha. Kana hundaa wayitan kaasu, gama kamiinuu haa ta’uu waan hojjatame hin jiru jechaa hin jiru. amma baayyina keenyaa haa geenyuudha. Yaada kiyya xumureera. Mudanno tokko eereen adda baana.
Dogoggora Nama qomoo keenyaa ala ta’e tokkottan hedduu aaree, akka malee itti aaruu kiyyan ibseef. Kolfa taajjabbii natti kolfee, , keessa isaatti waan nu taajjabe natti dubbate. “Isin aarii beektuyi ? Aariin keessan isa akkamiitii? dhuguma ni aartuu ? ani waan aartan natti hin fakkaatu . KAN AARE FAKKAATTU MALEE , keessa keessanii ni aartuu ? dachee qabbanaa keessatti umamtanii aariin, akkamiin miira keessan xuxuqa ? aaruu fi qabbanaa’uun keessan tokkuma. Namni aarii isa dhugaa aare, waggaa amma kana obsaa ? nuuti dachee gogaa keessatti guddannee, dafnee aarii isa dhugaa aarra. Aariin kun ammo tarkaanfii humna qabutti nu ceesise. Obsa kan jedhamu dhabnee turre. Bilisummaa booda obsa haaraa horanne. Kanaaf kan aaree gubatee argeen, sittin aare jettaa ? aarii keetiin fuulli kee gubateeraa ? dhukkubsatteettaa ? Odoo dhukkuffatee akkas sitti tolaa ? asi jirtaa ? Gabrummaan nama quqquuqa malee namatti hin tolu. Odoo aarii isa dhugaa aartee, Ummati miliyoona sadii , miiliyoona 35 gabroomsutti gubattee dhumatta.kanaaf aarii isa dhugaa baradhu , Bilisummaa dhabuuketti odoo hin kolfiin ooltee bultee beekataa ? anoo yeroo hundaa gammaduma keessanin argee , har’a maqaa aarii eessaa fidde ?? kkkkk“” naa jedhe. Namni kun, Oromiyaa keessatti dhalatee guddachuu isaa irraa, miidhaa nu irra ga’u isa dhukkubsa. Dhuguma , gaafa waan jedhe kana dubbatu fuulli isaa hundi hidda dhiigaa qofaa ta’ee ture. qaamni isaas akka dhidhiita’uu tokko ta’e ture. kan koo har’allee akkas ta’eeraa jarana.?
GALATOOMAA , HORAA BULAA !!!!!!!!!!!!!!
Kutoota dabran:


No comments:

Post a Comment