Sunday, March 16, 2014

Mootummaan Wayyaanee Bosona Oromiyaa Mancaasuu Irra Darbee Qabeenya Ummataa Magalaa Harar Manca’uuf Gaafatama Qaba Jechuun Barattooti Oromoo Yuuniversitii Haromaya Gaaffii Kaasan.

Bitootessa 15,2014 Haroomayaa
Magaalaa Haromayyaa keessatti sababa magaalaa Harar keessatti qabeenyaan uummataa ibiddaan manca’aa hanga har’aatti gubachaa jiruu ilaalchisuun barattootni Yuniversitii Haromayyaa barumsa dhaabanii jiru kana malees  hojjetootni mootummaa gariin hojii irraa walaba of taasisanii jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.
Gaaffii barattooti kaasan keessatti,ammaan dura baroota bittaa TPLF keessa bosonni Oromiyaa ta’e jedhamee abiddaan gubamaa,bineensi keessaa manca’aa Oromiyaan kennaa uumamaan qabdu akka dhabdu taasisaa turan,bosonoota gubaa turan san yeroo ammaa inveesteroota dhalootaan Tigray ta’aniif baldhinaan hiramee jira. Haalli kun yeroo ammaa ammo gara magaalaatti ce’ee qe’ee daldaltooti Oromoo fi sabooti biro jiran abiddaan mancaasuun itti fufa gochaa hammeenyaa Wayyaaneeti sababaa jedhuun gaaffiin ka’ee jira. Gaaffiin kun Oromiyaa guutuutti akka hin qabanneef jecha dabballootii fi milishoonni Wayyaanee manneen barnootaa fi Yuunivesitiileetti bobba’anii akka jiran gabaasi kun hima.
Gama biraan diddaa barattootaa fi uummataan ka’een wal qabatee xurreen quunamtii fi tajaajilooti kan akka interneetii fi bilbilli naannoo mooraalee Yuuniversitii adda addaa irraa akka citu taasifamee jira.

No comments:

Post a Comment