Sunday, April 27, 2014

FDG Yuuniversitii Wallaggaa Daran Jabaachuu Irraan Loltoonni Wayyaanee Dhaabsisuu Hin Daneenye.

wallaggaaEbla 26/2014 Goototni Dargaggootni Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa FDG dhoosan. Har’a ganama sa’aa 1:00 irraa eegaluun goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa gaaffii mirga hiree murteeffannaa oromoo fi roorroo haala yeroon walqabatee uummata keenya irratti gaggeeffama jiru balaaleffachuun FDG Yeroo ammaa Oromiyaa guutuu irraatti gaggeeffamaa jiru jabeessuun FDG itti fufan .
Warraaqsi kun uummata Oromoo Magaalaa Naqemtee kan dabalatee yoo ta’uu gaffii mirga hiree murteeffannaa Oromoo fi gaaffii haala yeroo uummata Oromoo dhimmota magaalaawwaan Oromiyaa fi magaalawwaan nannawaa Finfinnee jiran Mootummaan abbaa irree federaalaa fi Finfinnee jala galchuuf jiru hin fudhannuu, akeekni kun hatattamaan dhaabbachuu qaba jechuun hiriira nagaa guddaa kan namoota 10,000 ol hirmaachisee Magaalaa Neqemtee fi Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti gaggeessa jiru.
Gootoni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii wallaggaa Gaaffiin keenya gaaffii mirgaati gaaffii kabajamuu uummata Oromooti, gaaffii dimookiraasiiti, jechuun sagalee isaanii dhageesisuun, eenyuumma Oromummaa isaanii kabachiifachuuf dhaabbatan.
Dhadannoowwaan: Oromiyaan kan Oromooti, maqaa invetimentiin lafa Oromoo gurguruun dhaabbachuu qaba, Finfinneen kan Oromooti, magaalaawwaan Oromiyaa of jala galchuuf adeemsa abbaa irree ni balaaleffanna, mootummaan garbomsaa kufuu qaba, hidhamtootni Oromoo hiikamuu qabu, barattoota Oromoo hidhuun, barnoota irraa arii’uun, doorsisuun, ajjeessuun nurraa dhaabbachuu qaba kan jedhuu fi kkf dhadannoo ganama kana Gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaan dhageesifama jirudha, Mootummaan abbaa irree humna waraanaa fi poolisa federaalaa humna guddaa bobbaasee sochii FDG kana dura haadhabbatu iyyuu malee dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu qeerroon gabaasee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Naqemtee
Ebla 26/2014 .

1 comment: