Friday, April 18, 2014

Godiina Adda Oromiyaa Finfinneti dabaluun Heeraa Ethiopia diiggudha!

Godiina Adda Oromiyaa Finfinneti dabaluun Heeraa Ethiopia diiggudha.
Getachew Jigi Demekssa PhD/
Oromoon yeroo saamamu caalisee ilaaluu hin qabu.
Mootumma Ethiopia Keyata 49 lakkoobsa 5 irratti Finfinnen waan Oromiyya keessa jirtu fi lafa Oromoo waan tateef Tajjajila fi dhiiyeesii  hunda Oromiyaa irra waan argatuuf Oromiyyan Finfinne irratti mirga qabdu fi fayidaa isheen argachuu qabduu kun ammoo balinan seeran mirkana’af jeedha. Kun Heera biyyati olanaa fi waan seera birran hin jijiramnedha. Ummata biyyati qoofatuu heera kana jijira.
Oromiyaan Mirga fi fayida Finfinnee irra argachuu qabu Heera Fedaralan keyata 49 lakobsa 5 irrati keenamee waggota 23 gutuu utu hoji irra hin oliin turun isaani dadhabina OPDO fi Tufii TPLF OPDO irrati qabduu argisisa. Oromoo mirga isaa Heera Federala mirkanayee kana falimacha jira. Mootummaan Heera kana haala dure tokko malee hojii irra olchuu qaba ture. Lamafaan Heera Federalan Dangan Oromiyaa Sararamee Kabajamuu qaba. Federali lafa Naannolee fudhachuu hin danda’uu, lafi kan uumataa fi mootummoota naannooti. Heera kana ala mootummaa Nannoo irra lafa kurmana tokko ile fudhachuu weerara ykn Heera cabsuu dha.  Oromoon lafa isaa akka barbadeeti yeeroo barbadeeti misomsuuf mirga qaba. Mirga Oromoo kana cabsuun Danga fi heera federala cabsuun Godiina Adda Oromiyaa Finfinneti kutun Heera Fedrala Ethiopia diiggudha. Kana malee Mootumman Federla lafa hin qabuu, Mootumma Nannoleetu waligalten Federala humee, busii Mootummaa Naannolen jirachuu qaba. Federal  lafa Nannoolee irrati mirga hin qabu. Lafa ykn Magala Federala kan jeedhu adunya irra hin jiru.
Finfiinen wagoota 130 hunda darban keessati kan babalate Hektara 54 qoofa kan qabatee yamuu ta’uu. Maaster Plani ama kana amoo Godiina Adda Oromiyya irra Hektara Milliona 1.1 (1, 100,000 Hektar) yeero tokkon fudhachuun lafa kana gurgurachuuf yaadameti moo Oromiyya misomsuuf yaadameeti? Kayoon Master Plan kana Ummataa Oromoo millona 5.7 million buqisun,  Aannalee 17 Magaloota 36 dhabamisisun lafa hektara milliona 1.1 gidugalessa Oromiyaa dhunfachudha. Afaan Oromoo fi Adda Oromoo Naannoo sun irra irra baleessan akuma Finfinne ama kana goochudha. Utuu dhugumaa mirga Oromo egan ta’ee, 1faa Kutale Magala 10 fi Annalee Finfinne 116 keessati Mana barumsa Afaan Oromoon banuu turan. Fayida Oromiyyan Finfinee irra argatuu mirkaneesu turan. Gidugalessa Aadaa fi Afaan Oromoo Finfinneti banuu turan. Affan Oromoo Afaan hoji Finfinne goodhu turan. Hojeetan Nannoo Oromiyya Finfinne keessati dura akka argatuu goodhu turen. Wajjirale Oromiyya Finfinne keessa Gamoo mootummati kafalti tokko malee akka fayadaman goodhu turan. Kun hundi waggota 23 kana keessati hin goodhamnee. Oromiyyan Xurii fi Summii Finfinnee keessa dhagala’uun badaa jirti.
Oromoon hundi kana beekee fi xinxalee falmachuu qaba. Misoonsoon OPDO tokko tokko falamii isaan dhagesisaa jiran kan nama boonsuu yamuu ta’uu. Kara birra amoo Yeroo Tigiren Lafa Oromoo Godina Addaa Oromiyya fudhachuf dhadatuu: Oromoon akkamitti caalisee Galee mana rafa?. OPDOn (Abdulazizi Mohamad, Abdulqadirii Husen, Diriba Kuma fi Dhaabbaa Dabale) kan beekuu qaban, Kiyata 49 lak.5 irratti Oromiyyan Finfinnee irra Fayida argachuu qabdi kan jeedhu Oromiyyaf erga Heeran mirkana’ee waggoota 23 Finfinnee irra mal argate? Oromiyyan Mallaqaa Finfinnee irra argate qabdi? Ijoolle Oromoo finfinnee keessatti Afaan isaanin baracha jiru? Finfinneen Oromiyya irraa Bishan, Ibsa, fi Muka argatuuf mal kafala jirti? Xuriin Finfinnee keessa Oromiyyatti gadi ya’ee Oromiyya Baleessa jiruf Finfinnen Beenya hangama kafalte? OPDOn mirga Oromoo Kabachisan jira jeedhu Oromiyyan mirga isheen Finfinnee irratti qabduu maliif hin kabachifne?, Finfiineen duguma Magaloota kana misomsuuf yaadeti moo Wayyanetu lafa  Naannoo kana samee gugurachuuf? Hayyama uumataa Oromoo malee, marii Caffee Oromoiyya malee xalayadhan lafa Oromoo fudhachuun ummaticha tufachuu miti? Fayidan Oromiyya Finfinnen irra argachuu qabdu wagga 23 dhorkatamee utuu deebi hin argatiin Godiina Adda Oromiyya waliin misomsu irra Oromiyyan atamiin fayida argati? Maliif akuma Horii nama gowomsuu yaaluu? Kun deebi argachuu qaba.
Waggota 100 ol Oromiyyan Finfinne Bishan Qulqulu Obaftee, Muki Nannoo Finfinne Qooran ta’ee finfinne tajajilee dhumee, Ibsa Finfinne Oromiyyatu madisisa, biyoo fi dhagaan nannoo Oromiya Finfinne fayada jira. Oromiyyan bishan qulquluu Finfinne Obasa jirtu Finfinnee irra kan argatuu garuu Sumii fi Xurii warsha fi Hosptalota qoofa. Waan birran hafnan Hojetoon Mootummaa Nannoo Oromiyya Magala Finfinneti akka hin qacaramne ykn akka jijira hin arganee ajeeja Tafara waluwa fi Kuma Damaqisan waggota 23 ol dorkamee jira. Wajjirleen Oromiyya Gamoo Finfinne keessa hunda basii gudaa kafaluuf, wajjira Mootumma fi Orotodoks Ethiopia keessa dirqaman argi’aman akka mana dhunfa kireefatan goodhamuu. Budjeet wajjiralee heedun kafalti kara manati dhumaa. Finfinnen Fara Oromiyya dalaga jirti malee Oromiyya misomsuuf akka hin yaanee beekamuu qaba.
Finfinnen akkuma Magalota Adunya Gamoo gurguda ijaruun fi manen duloman diigun Mana jirenya amayaa gamoo gurguda ijarun gara samiti ol gudachuu qabdi. Kana malee ummataa lafa irra buqisun caalisan babalisun balaa heeduu qaba. Dogogora bara durbe itti dabala adeemudha. Finfinnen seeran ala babalacha jiru, bala gudaa gesisa jira, uumanii nannoo seera ala buqa’ee qeeyee isaa dhabee dhagga bacha jira. Uumani kun mana jirenya dhabee, maatiin isaa digamee, enyumaa isaa, addaa, afaan isaa dhaba jira. Kan falmacha jiru lafa qoofaf utuu hin tanee Uumata Shawwa Oromoo siirna dhufa darban buqa’aa jiru kana bararudhaf. Finfiinnee fi Federal Oromiyaa irrati murteesuf mirga tokko ilee hin qaban. Finfinnee fi Federala irrati mirga kan qabuu Oromiyya dha. Oromiyyan Godina Addaa Oromiyyan waggotoa meqaa Misoomisaa ba’ee Finfinneef keenina jeechun hangam Oromoo Tufachudha? Dargaggoon Oromoo fi Ummani Oromoo guutun dhimmaa kana irratti yoo caaliftan Oromoo dha ofin hin jeedhina.
Kalessa Naannoo Finfinne uummati jiru harki 95% qoonan bula ture, harraa harki 63% egiduu qabeenya Tigire Wardiya (Guard) yamuu ta’uu, harki 30 ammoo Tigiroota naannichatti mana ijaratanfi dhagga akka batuu raggaan achi irra arganee ni mulisa. Haaluma kanan Oromoon naannoo Laga Lafto /Laga dadhi, Alemtena-Sebeta, Burayu-Ashewa Meda, Lebu-Lafto fi Akaki Beseqa buqa’aan enyuma isaan dhabani jiru. Finfinnen kanan dura gaafa Qaliti humnan Oromiyya irra fudhatuu qabeenya Oromiyyan Qabu fi Misooma Oromiyyan achi irratti geggesa turef beenya tokko ilee utuu hin basin irra fudhate ammas akkas gochuuf deemu, kana Oromoo hundi dura dhabachun falmachuu qaba.
1.       Mirga Oromiyyan Fifinnee irratti argachuu  qabduu Qooratamee akka hojii irra oluu Oromiyyan bara 2003/1995 koree tokko hundese ture, koree kana keessa wara jiran kessa Dhaabba Dabalee, Ittigaafatama wajjira Dargaggoota  yeroosi fi Jamal Abaso  kkf koreen ijaramee hojiin isaa hanga ammatii maliif hin xumuramne? Wagga 5 dura seeri hangi tokko qoophayee ilee hoji irra hin olee. Oromiyya mirga ishee gaafatee deebi dhabdee? Kun Uummata Oromoof malif ifaa hin godhamnee? Kun dura Murte atatama barbada.
2.       Finfinnee keessatti Kuta Magala 10 keessati fi Aanaa 116 hunda keessatti mani barumsaa Afaan Oromoo banamee akka ijoolleen Oromoo Afaan isaani baratan karoorii ba’ee sagantan ba’e Ittiaanan Mootumma Naannoo Oromiyya yeroosi obbo Dagafee Bulaa bu’uura isaa ebban banani turani garuu ijoolle Oromoof hanga amma mani barumsaa Aanalee Finfinee tokko keessatti ilee hin banamne maliif? Ijoolleen Oromoo lafa isaan Finfinnee irratti afaan isaan barachuu dhabuun maliif kana siirresun dirqama OPDO miti?  Kun Haala duree tokko malee hoji irra oluu qaba.
3.       Mirga Oromiyyaan Finfinne irratti qabachuu qabdu Heera Federala Ethiopian murteese TPLF hojii irra olchuu didee wagoota 23 ukamsee jira. Kun akka Hojii irra oluu Miseensoon Paarlamaa OPDO maliif hin goone?. Bakka Mirgi Oromoo hin egaminiti, lafa Oromoo samuu fi Oromoo buqisun Hayamamuu hin qaban, Finfinnee Kara Gengoo ykn Kara Qubela Finfinee marsitu ala ba’uu hin qabdu.
4. Finfinnee keessa xurii fi summin laga Oromiyyati gadii dhagalayee ijoolee Oromoo fixaa jiru atataman dhabachuu qaba. Waggoota 100f xurii fi Summi Oromiyyati dhagalee uumataa fi qabeenya naannoo baleese Finfinne Beenya kafaluu qabdi.
5. Wajjiralee Oromiyya Finfinne keessa jira Wajjira Mootummati basii tokko malee fayadamuu qabu. Bakka Barbadan Giduugalessa magalati bakka wajjiralee itti ijaratan tola argachuu qabu. 
6.       Waggoota 23 mirgi Finfinne irra Oromiyyan qabachuu qabdu seeran mirkana’ee utuu hojii irra hin oliin dabalatan lafa Oromoo Goodina Adda Oromiyya Finfinne jala akka oluu gaafachuun tufii Tigiren Oromoof qabduu miti? Kana Abdulazizifaa atamiin fudhatani seena hin sodatan? Miseensoon OPDO Millioon 4 yeroo Oromoon samamuu caalisee ilaalu fi Uummataa isaa ukamsee ta’uun siiridha?. Kanaafu Oromiyyan qoofa ishee Goodina Adda Oromiyya irrati Master Plan Mata ishee fayadamete uumataa ishee gudiisuf mirga gutuu qabdi.
7.       Uummani Oromoo fi Dargaggoon Oromoo yeroo Tigiren lafaa Oromoo humnan fudhatu caalisun maliif? Waggaa meeqa sodacha jiratuu? Baratoon Oromoo Godina adda kana keessa jiran Tigire achii ari’uu hin danda’ani? Hanga yoomitti gadii gugufani diina jala adeemtun?. Kanafu murteen hayyama Oromoo malee murtatee kun akka dhabatuu dargagoon dura dhabachuu qaba, wareegamaaf of qoophesuu qaba.
8.       Diasporan ala jiru akka Bedele Biraa irratti Petition Malateese mormii isaa argisisee kana irratti Petition Malateesun Moormii isaa argisus qaba; yakka Wayyane kana biyya jiru fi Mootummta adunya hunda birrati iyyachuu qaba.
9.       Dhabbilee siyyassaa Oromoo hundi dhimmaa kana irratti mormii isaan ibsa basuun mulisuu qabu. Dhaabileen Oromoo caalisuun hin qaban. Falamii fi lola uumani lafa isaa irrati goodhu ciina dhabachuu qabuu.
10. Oromiyya Goodiina Adda kana kan Misoomsa turte, Ashura naannoo kana irra argatun uummataa Nannoo kanaaf Addaa fi afaan isaa ittin gudisuuf malee misoomsite Tigiref lachuuf miti, amma garu Tigiren jalatansi jibitansi isiin irra fudhana jeedhe yeroo falimu arga fi dhaga’aa jira, oftuluma Tigire kana warii nu irra ka’aan OPDOn of irra buqisuu qabu.Ummani Oromoo TPLF of irra darbachuu qaba.
11. Finfinne qabiyeen ishee duran Kara Gengoon Marsuu keessa qoofa ammas achi ala ba’uu hin qabu, Finfinnen gudachuu qabdi warii jeedhan Finfinnee daliga gudachuu utuu hin tanee ol gudachuu qabdi, Gammoo dheedheera ijaruun Wajjiralee walti qabun bakka gammoo gurgudati galchuun rakkon furama malee qotatee bula buqisun ta’uu hin qabu, OPDOn fi Uummanii Oromoo kanan falmachuu qaba.
12. . Master Plan bafatan lafa Hektara Millioona 1.1 lafa hanga gudatu humanan fudhachuun Heera Federla Ethiopia diiggu dha. Kanaafu siirn Wayyane TPLF wagoota darban lafa Oromoo kukute naannole birrati dabala ture fi lafa Oromiya Investerota biya alaaf latee seera qabessa waan hin taneefi gara fula durati uumataa Oromoof akka deebiyuu TPLF beekuu qaba.
Uummanni Oromoo biyya keessa fi biyya ala jiru dhimma kana irratti hirira nagaa gochun falmachuu qaba, Media hunda irratti iyyata bareesuun wal damaqisee Petition mormii mallateesun dura dhabachuu qaba, Konkoolata Finfinne dha ba’uu fi galuu yabachuu dhisuu qaba, Konkoolata kan Oromoo ta’aanfi Gabatee ORO qaban qoofa fayadamuu qaba,  Habashoota naannoo sun qubatan irra bituu fi itti gurguru dhisuu qaba, Hotela, Mana Barumsa, Suuqi, Takisi, Habashoota fi kkf hund fayadamuu dhisuu qaba. Oromoon mormii fi Uguraa Habashoota irratti gochun diini akka naannoo Oromiyya keessa ba’uu dirqisisuu qaba. Namoon lafi isaan irra fudhamee hundi wal gurmeesun hanga dhumati falmachuu qabu. Sababin isaa gara fulaa duratti seeri gaafa dhufu qabeenya kun hundi isaanf ta’uu mala. Kanaaf ammoo hara falmachuu qabu. Kana haraa hin falmatiin bara Oromoon abba biyya ta’uu gaafi dhiyeesuf isaan rakkisa.
Mirgi Oromoo soda fi dhadhabna OPDO hubachuun lafi Oromoo Harari Hundane, Diredawa, Dasee fi Gutuma Walloo, Wando Genet, Moyale fi Naannoo Oromiyya yeero yeero yamuu Fedrali humanan fudhatu uumani Oromoo caalisuu hin qabu ture. Uumani Oromoo lafa isaa irra yeero heeran ala buqa’uu dhabbileen Oromoo, hayyuleen Oromoo fi Dargagoon Oromoo calisuu hin qaban. Oromoon biyya keessa fi biyya ala jiru, Median Oromoo bakka jiru Mormii isaa dhageesisun Oromoo lafa isaa irrati wareegama barbachisuu kafaluun salphina jala of basuu qaba. Haawwasi Oromoo hundi Petition Malateesun Mootummota Gamtoomanti dhiyeesu goocha Wayyanee Morumuu qaba. Wayyanen atataman goocha kana dhabuu bana Heei Federala waan ofuma cabsiteef Oromiyyan siiran Fedrala Ethiopia keessa of basuuf OPDO dabalatee Oromoo hundi sagalee tokko Bilisummaa labsachuu qabna. Walumaa galati gaafin Goddina Adda Oromiyya Finfinne jala galchuu fi Master Plan Oromoo lafa isaa irra buqisuu Heera adunya kamiin fudhatama hin qabu.
Ebla 2014 

No comments:

Post a Comment