Wednesday, April 30, 2014

Goototni Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Dirree Dawaa FDG qabsiisuun diina raasan. Dhaadannoolee garaa garaas dhageessisan

Ebla 30,2014 Gabaasa Qeerroo D.Dawaa
Dirree DaawwaaMootummaa wayyaanee irratti diddaan Barattootaa jabaachuudhaan kan itti fufe Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti finiinuun itti fufe. Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha, Hundeedhaan buqqauu qaba, Kanneen hidhaman nuuf haa hiikaman, Siidaan Minilk haa buqqau, Finfinneen handhuura Oromiyaatu, Lafa naannawa Finfinnee Murree hin kenninu jechuudhaan dhaadannoo qababachuudhaan ganama saa 8:00 AM irraa kaasanii dhaadannoo dhageessisuu kan eegalan Barattootni Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Uummatni Oromoo magaala Dirree Dawaa keessatti argamus Dargaggootni Oromoo hiriiraa fi dhaadannoo dhageessifamaa turetti dabalamuun mootummaa wayyaanee dhiphina guddaa keessa seensisee jira.Goototni barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Dirree Dawaa mootummaan wayyaanee hiriira nagaa seera biyyaan lafa kaawe deebisee dhorkuun isaa abbaa irrummaa isaa dachaan mirkansa kan jedhan yoommuu tahu wayyaaneen waraana hedduumminaan bobbaasuun reebichaa fi doorsisaan akkasumas hidhaan dura dhaabbachuu yaaltus barattootni Oromoo gamtaan kauun diina dura dhaabbachuun dhaadannoo dhageessisaa oolanii jiran.
Dirree DaawaBarattootni Oromoo Yuunivarsiitii kanaa Waamicha Oromummaa nu dhaqqabeen gahee keenya baane jechuun Uummatni Oromoo qotee bulaan, daldalaan, Hojjetaan nuyi ilmaan keessan ulee diinaan rukkutamaa fi ajjeefamaa waan jirruuf bakka jirtanii kaatanii waan qabdan maraan diina keenya Wayyaanee dura akka dhaabbatan jechuun Waamicha Oromummaa dabarfatanii jiran.

No comments:

Post a Comment