Wednesday, April 23, 2014

Hidhamuu Barattoota oromoo Yuuniversitii Jimmaa Irraa

Yakka tokko malee barattoota oromoo gaaffii mirgaa miidhaa uummata oromoof jecha gaafataniin barattoota hidhaman maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffamanii fi kannee hordofamaa jiran ammo hedduudha ammallee itti fufiinsaan kan nu gahu siif dhaama kan hidhamani jiran kunooti.
1.Darragaa Abdiisaa-Civil Engineering waggaa 3ffaa
2.Kaneeddin-Civil Engineering waggaa 3ffaa
3.Abdii Turaa-Low waggaa 5ffaa
4.Dhaabasaa Jaatamaa-Veternary Medicine waggaa 6ffaa
5.Mo’iboon Baqqalee-Health Officer waggaa 2ffaa
6.Leejjisaa Alamaayyoo-Water Engineering waggaa 3ffaa
7.Derejjee Teffaayee-Chemistiry waggaa 3ffaa
Isaan kuni kan hidhaman yoo tahan barattootni oromoo jilmaatti hordofamuudhaan poolisa wayyaaneen qabamaa jiru,gaaffiin barattootaa fi diddaan jabatee kan itti fufee jiruudha,sochiileen yuuniversitii Mattuu,Wallaggaa,Amboo,Adaamaa fi Haromayyaatti jabaataa jira,haalli jiru baayee sodaatamaadha,kan barattoota Adaamaa gaaffiin keenya yeroo darbee nuuf deebi’aa hin jiru jedhuun ammoo hirira itti fufuudhaaf qophii irra jiru,barattootni oromoooo magaalaa Adaamaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa akkasuma qophaayinaa baratan gaaffiin barattoota oromoo yuuniversitii irraa gaaffii keenya jedhanii barattoota mooraa yuuniversitii duukkaa hiriiruuf waraqaa garagaraa barreessuun mana barumsaa adda addaatti maxxansaa jiru itti fufeen siif dhaama haala jiru.
Ni Moona!

No comments:

Post a Comment