Tuesday, April 1, 2014

Oromoon Dureessa Seenaa Waggaa Kumootaa malee, Hiyyeessa Seenaa Waggaa Dhibbootaa miti!

Deeggarsa (Rejoinder) Xalayaa Obbo Yahyaa Jamaal
Boonsaa Lammii irraa | Ebla 1, 2014
Obbo Yahyaa Jamaal xalayaa banaa dhihoo kana gara OSAtti barreesseen, dhimma belbeltuu xiyyeeffannoo hundaa gaafatu kaase. Dubbii kanas afaan alangaan ittiin hubachuu danda’uun osoo hin taane afaanuma keenya filatee barreessuu isaaf dinqisiifannoo guddaan qabaaf. Yeroo miidiyaa irratti waa barreessinu afaan kamiin dhaamsa kam eenyuuf akka barreessaa jirru beekuun bilchinna jalqabaa ti jedheen amana.
Dhimman ka’eefitti yoon deebi’u, haada seenaa Oromoo isa durdurii fi kan boodanaa wal irraa citee jiru qorannee walitti fufuun dhugumatti dirqama hayyoota keenya seenaa irraa eegamuu dha. Akkuma Yahyaan jedhu, seenaa keenya kan jaarraa 16ffaa duraa fi kan sanaa asii sirriitti wal fudhachiisuu irratti hojiin qorannoo hanga ammaatti taasifame quubsaa ta’ee natti hin mul’atu.
Kana keessatti qooda hayyichi seenaa Prof. Shamsaddiin Megaalomaatiis fi Prof. Asmaroom Laggasaa gumaachan nan dinqisiifadha. Prof. Shamsaddiin, Oromoon qaroomina Nuubiyaa fi Masirii keessaa akka qooda jabaa qabu qoratee waan irra gahe barsiisuuf hedduu tattaafachaa ture. Qorannoon Prof. Shamsaddiin yoo mirkana taheef, Oromoon abbaa seenaa waggaa kumoota shan jahaati jechuu dha.
Haaluma wal fakkaatuun, Prof. Asmaroom Laggasaa waa’ee seenaa Sirna Gadaa fi Urjii Dhahaa Oromoo irratti qaamaan Boorana keessatti argamuun qorannoo anthropology gadi fagoo geggeesseera. Bu’aa qorannoo kana irraa argateenis, kitaabota lama, (Gadaa 1973 fi Oromo Democracy [latest edition 2006]) maxxansiisee addunyaan wal barsiiseera. Prof. Asmaroom, qorannoo waggoota kudhanootaaf geggeesse kanaan Oromoon yoo xiqqaate qaroomina Urjii Dhahaatiin seenaa waggaa 2,300 olii akka qabu bira gaheera (Oromo Democracy).
Proofeesaroonni anthropology lamaan kanin maqaa isaanii dhahe kun dhalootaan Oromoo miti. Haa tahu malee hayyoota Oromoo kamiinuu caalaatti seenaa qaroomina Oromoo isa durdurii qoratanii as baasuu irratti hojjetan. Oromoon akka Habashoonni ibsuu barbaadanitti hiyyeessa seenaa osoo hin taane, seenaa qaroomina ganamaa kan isaaniif hangafu akka qabu addunyaa barsiisani. Gabaabumatti galata seena qabeessa Oromoof oolani.
Yeroo hayyoonni seenaa dhalootaan halagaa irraa tahan hanga kana dheerina umrii seenaa keenyaa ragaa bahuu irratti beekumsa, yeroo fi humna isaanii wareegan, nuti hoo hayyoonni seenaa dhiigaan Oromoo taane hangam deemaa jirra jennee of gaafachuun dirqama ta’a. Hayyoonni seenaa kan ummata Oromoo keessaa dhalatan qorannaa wal fakkaataa irratti bobba’uu maaltu isaan dhowwe gaaffii jedhutu ka’a. Seenaa keenya isa achi fagoo qorachuu baqannee waanuma waggaa dhibboota as dhihoo qofa irratti qofa xiyyeeffachuuf maaltu nu dirqee dha gaafichi. Kana irratti hayyoota seenaa keenyaa keessaa hanguma fedheefuu tahu Dr. Gammachuu Magarsaa irraa kan hafe nama achi fageessee dhufiinsa seenaa keenyaa irratti qorannoo hojjechuuf carraaqe ani gama koon hin agarre. Warri arge yoo jiraate ragaa waliin na sirrreessuu danda’a.
Akkuma Obbo Yahyaa Jamaal jedhu, Oromoo taaneetuma seenaa mataa keenyaa Habashoota (Dabtaroota) irraa barachuun fafa. Akkuma piroofeesaroonni dhiigaan alagaa tahan kan maqaa isaanii olitti kaafne lamaan ragaa Dabtarootaa lagatanii ragaa walaba biraa kan seenaa Oromoo jaarraa 16ffaan duraa as baasuuf tattaafatan, seenaa-qorattoonni dhiigaan Oromoo tahan ammoo kana caalaa qorannoo gadi fagoo hojjechuutu irra ture, irraas eegama. Seenaa jaarraalee lama sadan dabranii qofa irratti fuulleffachuun eenyummaa keenya ibsuuf qorannoo guutuu dha jedhamuu hin danda’u.
Seenaa baroota as dhihoo qofa irratti fuulleffachuun tuffii Habashootaatti xumura nuuf hin godhu. Hiriira umrii seenaa ummatoota ollaa keenyaa keessatti iddoo keenya ol kaasee ijas nun jabeessu. Tuffii Habashoonni “Nuti seenaa waggaa 3000 qabna, isin garuu seenaa waggaa 300 caalu hin qabdani”nuun jedhanus nurraa fashalsuu hin danda’u. Yeroo Habashoonni siidaa Aksum agarsiifatanii mallattoo qaroomina abbootii isaaniitiin of dhaadan, nuti hambaa seenaa bara dheeraa kan ijaan mul’atu agarsiifachuu wallaallee callisuu irraas nun baraaru.
Of tuultummaa himannoo seenaa Habashootaa irra kan nu aansuu danda’u, akkuma obboleessi koo Obbo Yahyaan baanu, seenaa Kuushummaa keenya waggoota kumoota duraa fi kan booda kanaa gidduutti riqicha jabaa tolfachuu dha. Qaroominni keenya Gadaa fi Urjii Dhahaa qofayyuu otoo hin taane, qaroomina ijaan mul’atu (monuments) kan akka ijaarsa siidaa, gamoo masaraa, meeshaalee jireenyaa adda addaa, ogummaa hogbarruu fi kan kana fakkaatan keessaa illee qooda qabaachuu fi dhabuu keenya irratti qorannoo bal’aan taasifamuu qaba.
Hayyoonni seenaa kan saba Oromoo keessaa dhalatan seenaa as dhihoo qofa irratti wal saamanii barreessuu mannaa seenaan keenya waggoota kumoota duraa maal akka fakkaatu irrattis xiyyeeffachuun argannoo haaraa yookiis kan duraan ture waan jabeessu as baasuutu irraa eegama. Hayyoota halagaa qorannoo anthropology godinaa kanaa irratti bobba’an waliin qindeeffachuudhaan waan kana irratti fuulleffachuutu of dhaadinsa Habashootaa irra nu aansa.
Kana ta’uu baannaan, akkuma dhihoo kana VOA sagantaa Amaariffaa irratti caqasne, namni Oromoo maqaaf ‘doktora’ jedhamu tokko Habashoota lama waliin falmiif dhihaatee “seenaa ani takkaa hin baratin na barsiiftani, galatoomaa gooftota koo” jedhee diinota seenaa keenyaa nutti kofalchiisee sana tahuu dha. Jalqabuma dubbii, namni sadarkaa doktorummaatti baradhee jira ofiin jedhu tokko waan hin beeynetti quba hin dhahu. Osoo beekumsa seenaa hin qabne hayyota seenaa halagaa waliin falmuuf dhihaachuunuu dogoggora guddaa ture. Ofii salphatanii Oromoo salphisuuf yoo ta’e malee. Field fedheen haa tahuutii barnoonni hanga sadarkaa doktorummaatti baratame tokko, dubbii hanganaa gamaaggamuuf kan nama hin dandeessifne yoo ta’eef ‘doktorummaan’ sunuu soba fakkaatti.
Walumaa galatti, seenaa keenya sirreessinee barachuun, halagaa ofitti kofalchiisuu irraa nu baraara. Sooressa seenaa taanee osoo jirruu akka hiyyeessa seenaatti ilaalamnee akka hin tuffatamne kabajaa keenya ol nuu dabala. Hayyonni seenaa Oromoo haala siyaasaan keenya itti deemaa jiru gamaaggamuu fi duula siyaas-seenaa (politico-historical) Habashoonni nurratti bananii jiran qolachuu irratti ogummaa isaaniitiin qabsaayuun gaaffii yeroo ti.

Boonsaa Lammii

No comments:

Post a Comment