Tuesday, April 8, 2014

SEENAA GABAABAA JAAL KABBADEE BUZUNESH (1908-1976)

Jaal Kabadaa Buzunesh Gurraandhala 7, 1908 Oromiyaa giddu gala, Meettaa Roobii, araddaa Gorsaa keessatti dhalatan.Umuriin isaanii barnootaaf akka ga’eenis maatiin isaanii abbaa lafaa waan turaniif salphaatti barnoota argachuu danda’anii jiru.
J/ Kabbadaa B (1908-1976)
Jaal Kabbadaa Buzunesh bara jireenya isaanii keessatti beekumsaa fi dandeettii qabaniin sadarkaa hogganummaa garaa garaan keessatti gahee isaanii gumaachanii jiru. Kanneen keessaas ministeera humna ittisa biyyaa ta’uu sadarkaa olaanaatti waggoota afuriif tajaajilaniiru.
Haa ta’u maleeuu, sadarkaa olaanaatti muudamuun kun Jaal Kabbadaaf milkii hin turre. Jaal Kabbadaan, waan namni biraa akka laayyootti hin  agarre, argaa ooluun isaanii immoo daran waan biraaf isaan kakaase. biyya cunqursaan keessatti hundee godhate keessatti qabsoodhaan malee hundee dhibdee san jigsuun akka hin danda’amen akak hubatan isaan gargaare. Sababa kanaan, sadarkaa olaanaatti hojjachuun kun ibidda bara baraan laboobaa jiraatu isaan keessatti qabsiise; isaan irraayis dhalootaa dhalootatti darbuu isaa itti fufe.
Jaal Kabbadaan aangoo mootummaan kenneefitti dhimma bahanii ummata isaanii hin mine. Bara san keessatti waan ta’ee hin beekne, aangoo mootummaa argatanitti dhimma bahanii ummata isaanii barsiisuuf kaka’an. cunqursaa fi dhiibbaa uummata oromoo irratti ga’aa jirus ifaan ifatti loluufis  qabsaa’ota Oromoo akka isaanii barbaaduu eegalan. Akkanaanis ijoollee Oromoo faana gurmaa’anii qabsaa’uuf Ebila 23,1962 gara Maccaa fi Tuulamatti makaman. Erga WMT makamanii boodas hojiilee garaa garaa hojjachuu dhaan uummata keessatti dammaqiinsa guddaa uuman
Jaal Kabbadaa Buzunash, hojiilee boonsaa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti dalagan keessaas mudde 14,1967 Dheeraa irratti osoo Loltuu dhaan hordofamanii uummata kumaatamatti lakkaa’amu fuulduratti ba’anii dhiibbaa uummata Oromoo irratti ga’aa jiru ifatti uummataaf ibsan.
Hojii boonsaa kana waan raawwataniifis, dhiibbaa guddaan irra ga’e; maatii isaanii irraa addaan ba’an. Akkasumas hoggantummaan isaanii ministeera ittisa biyyaa irratti qaban irraa aryataman. Yeroo dhiibbaan itti baayyachaa dhufus hiriyoota isaanii kanneen akka Jeneraal Taddesee Birruu,Jeneraal Daawwit Abdii,Dr Morgaa Firrisaa,Obbo Baqqalee Mokonnin,Obbo Dajanee Booji’aa,Obbo Daadhii Fayyisaa,Obbo Tasfaayee Digaagaa,Koloneel Maammoo Mazaamiir waliin mari’achuu dhaan bosona seenan.
Jaal kabbadaan yeroo hamtuu san keessatti waggoota ja’aaf qabsoo bosonaa erga taasisanii boodas Fulbaana 06,1976 diinaan marfamanii qabsoo guddaa taasisan. Qabsoo kana keessattis waraana 200 hin caalle qabatanii waraana kumaatamaan lakkaa’amu faana qabsoo olaanaa taasisan. Haata’uutii, humni isaanii human diinaatiin walgituu hin dandeneye. Haguma humni diinaa itti jabaachaa dhufe, humni isaanii daran xiqqaachaa dhufe. Kana booda hireen isaan qaban lama: harka kennachuu yookaan immoo otuu falmanii wareegamuu ta’e. Jaal Kabbadaan garuu, harka kennachuu hin filanne; harka laachuun uummata Oromoof salphina guddaa akka ta’e barsiisuuf jecha Fulbaana 18,1976 osoo harka diinaa hin seenin meeshaa qabatanii jiraniin lubbuu isaanii tokkitti uummata Oromoof aarsaa godhanii darban!



No comments:

Post a Comment